Saakaan deebi'ee goolii galche, Arsenaal garuu miidhama biraan yaaddahe

Mikeel Arteettaan carraa dhabuu isa mudachaa jiru waan amanu hin fakkaatu.

Tapha jifataansaa Bukaayoo Saakaa ji'oota sadii booda deebi'ee goolii itti galcherratti ittisnisaa Gaabreel miidhameera. Miidhamni Gaabreel morkii shaampiyoonsi liigii murteessaa Kibxata dhufu Riyaal Maadriid waliin godhanitti mudate.

Gaabreel kan miidhame tapha Arsenaal dirreesaa Eemireetsitti Fulhaamiin 2-1n injifaterratti yoo ta'u, boqonnaa dura miidhamee dirree gadhiisee bahe.

Miidhamni isa mudate, haamisteriingi Kayak Haaveritiz barri dorgommii kun dhumuu dura dirreetti akka hin deebine, Saakaaniis guyyoota 101f miidhamaan akka dabarsu kan dirqisiiseedha.

Ittisni Arsenaal ittuu akka laafu kan godhe ammoo lammiin Neezerlaands Juuriyaan Timbaris sodaa miidhamaa irra jiruuf akka bahu godhamuudha. Kaalaafiyooriifi Been Waayitis tapha edaarratti hin hirmaanne.

Arteettaan torban dhuftu Maadriidiin simachuu dura gahumsi gareesaa isa yaaddessuus miidhamaa kana deebi'e Saakaan jijjiiramee galee daqiiqaa torba keessatti goolii galchuun sarara duraarratti abdii itti horeera.

Taphataan ganna 23, Saakaan akkuma deebi'een galchii galchuun deeggartoota hedduu gammachiise. Saakaaniis gammachuusaa ibsachuuf gara leenjisaa jabina qaamaa garichaa Saam Wiilsanitti fiige. Isatu dafee akka bayyanatu gargaare.

Arteettaan taphaan booda ''eyyen, namni keenya hangam akka Bukaayoo jaalatu, kabajuufi dinqisiifatu yerootti argineedha'' jedhe ta'ii goolii daqiiqaa 73ffaarratti addaan rukutamtee galte yoo ibsu.

Goolii galchuunsaa waan raajii akka hin taaneefi haalli itti gammachuu ibsates fakkeenya kan ta'u akka ta'e hime.

Goolii lakkoofsisuu booda garee akka bayyanatu isa gargaaranitti fiigee gammaachuu ibsachuufi galateeffachuunsaa waan fakkeenya ta'uudha jedhe.

''Miira dirree keessa jiru ol kaaseera jedheen yaada, nuuf deebi'uunsaa waan guddaadha.''

Saakaan yeroo murteessaa Arsenaal waancaa takkittii, Shaampiyoonsi Liigii adamsutti deebi'e.

Gaheen Saakaa murteesssaa ta'uu lakkoofsi carraa goolii wayita inni jiru fi inni hin jirre garichi qabu agarsiiftuudha.

Taphoota piriimiyeer liigii inni taphate 16 irratti Arsenaal goolii 34 lakkoofsise. ihren goolii taopha tokkotti 2.1 ture.

Iddoo inni hin jirretti 13 irratti gooliin gale 19. Carraan goolii tapha tokkoon galmeessuuf argate ammoo 1.5.

Akkuma kana qabxiin tapha tokkorraa argatan iddoo inni jirutti 2.1 ture wayita inni hin jirre gara 1.9tti gadi bu'eera.

Hireen carraawwan goolii uumamaniis wayita Saakaan hin jirre hir'iseera.

''Bakka inni hin jirretti gahumsi Arsenaal gadi ba'uu argineerra. Guddoo Saakaarratti hirateera Arsenaal. Wayita inni hin jirre baayyee miidhaman'' jechuun taphataan duraanii Biraayitaan gileen Muuriiy BBC Radio 5 tti himeera.

Yeroon itti deebi'e morkii shaampiyoonsi liigii Riyaal Maadriidiif qophaa'nitti waan ta'eef yeroo sirriidha jedhe. Morkiichi baayyee jabaadha. Innis ni beeka jedhe.

Deebi'iin Saakaa taphattoota qofa osoo hin taane dirree guutuuf kaka'umsa ta'a. Arsenaal dhugumatti kaka'umsa fedha.''

Hireen waancaa piriimiyeer liigii kan jalaa fagaate wayita taphataan collee kun hin jirretti akka ta'eefi jifataa lakkoofsa sagaliis waan hin qabneef akka ta'es dubbateera.