Arsenaal vs Riyaal Maadrid: Warri dhiirotaa osoo wal eeggatanii dubartoonni Arsenaal mo'aman

Dorgommii Chaampiyoonsi kan dubartootaan Arsenaal gara Riyaal Maadriid imalee falmii gaggeesseen hin milkoofne. Arsenaal dhiirotaanis Maadriid waliin wal eeggataa jiru.

Dirreen taphi kun irratti gaggeeffame kan Maadriid yoo ta'u Arsenaaliif hin mijanne, kun qabxiirratti dhiibbaa uumeera.

Dorgommii nuusa xumuraa kanaan Arsenaal guddoo caalamee goolii 2 fi 0 dhaan injifatameera. Tapha deebiirratti ga'umsa isaa fooyyessee hin argamu taanaan dorgommii baranaatti nagaa dhaamuusaati.

Taphataa gameessa Arsenaal kan ture Iyaan Raayit dirree Maadriidiin ''qaanessaadha,'' jedhee ibse.

Dogoggorri dursituu taphattoota garee biyyaalessaa dubartootaa Ingilaand Liih Wiiliyaamsan magaalaa Ispeen keessatti Arsenaaliin mataa gadi qabachiise.

Qaawwa kana fayyadamuun jifattuun lammii Kolombiyaa Liindaa Kayiseedoo boqonnaa dura Arsenaal irratti goolii jalqabaa galchuun Maadriid dursa qabate.

Taphattuun umrii waggaa 20 Kayiseedoon kubbaa duubarraa dabarfameef qixa sirriin itti fayyadamuun kilabaseef guddoo gumaachite.

Wiiliyaamsan kubbaa Kayiseedoof dabarfame gidduutti adda kutuu hin dandeenye, jifattuun Maadriid carraa kan hin qisaasessine.

Haala kanaan taphichi eegalamee boqonnaa dura walakkaa yeroo ga'u Riyaal Maariid yaalii jalqabaan goolii galche.

Jiidhinsi fi haalli qilleensaa qorraan dirree Alfredo di Stefano keessa tures Arsenaaliin qoreera.

Jifataan duraanii garee Ingilaand (kan dhiirotaa) Iyaan Raayit haalli taphaa ture fi dirreen irratti taphatame guutummaatti qaanessaadha jechuun miidiyaa hawaasummaarratti qoode.

Dirreen dubartoonni irratti taphatan kun kanneen taphattoonni dhiirotaa Riyaal Maadriid yeroo leenjiif itti fayyadaman keessaa tokko yoo ta'u baayyee manca'eera.

Kubbaan bakka taphattoonni itti ergan dhaquu hin dandeenye.

Kanas ta'u garuu Arsenaal carraawwan hedduu argatee ture.

Riyaal Maadriid goolii lammataa galchuu dura balleessaa taphattuun Maadriid taphattuu Arsenaal jijjiiramtee galte Kilooy Keelii irratti raawwatteef rukuttaa adabbii gaafatanis hin arganne.

Maadriidiif goolii lammataa kan galchite boodarra jijjiiramtee kan seente Ateeniyaa del Kastiiloo yoo taatu, kubbaa kan dabarsiteef taphattuu duraanii Arsenaal Kaaroolaayin Weeyir.

Taphi deebii Bitootessa 26 Istaadiyeemii Emireetis irratti taphatama. Lameen keessaa kan injifate Baayer Muunik yookiin Liyoon waliin tapha walakkaa xumuraaf falmata.

Tapha nuusa xumuraa kan jalqabaa kana Liyoon Kibxata kaleessaa Jarmaniitti Baayer Muunikiin goolii 2 fi 0 dhaan injifateera.

Gaanars Emireetis irratti falmii jabaatu eeggata

Torbee dhufu Arsenaal tapha deebiif Landanitti Maadriid keessummeessa. Ammas dorgommii keessa turuuf carraan Emireetis irratti qabu salphaa miti.

Leenjistuun Arsenaal Renee Sileegars fi taphattoonni ishee dirreen Emireetis kan Maadriiditti irratti taphaniin yoo wal bira qabamu baayyee fooyya'aa waan ta'eef taphas ni jijjira jedhanii amanu.

Taphi Arsenaal goolii 2 fi 0 dhaan mo'amerratti roobni hamaan roobee waan tureef dirreen kubbaa miillaa baayyee dhoqqaa'ee ture.

Taphattoonni laaqii keessa socho'uun qoramaata itti ta'eera.

Taphattoonni Arsenaal haala hamaa sana keessatti taphatanii erga ba'anii gara miirasaaniitti deebi'uuf yeroo itti fudhate.

Ammoo gooliin lama itti galus haala hammaataa ture keessatti hojii boonsaa hojjenneerra jedhanii amanu.