Arsenaal Fuulhaam injifachuun abdii waancaa xiqqoo qabu tursiisaa?

Taphoonni Piriimer Liigii bor deebi'u. Arsenaal waggoota lamaan darban waancaaf Maanchister Siitii waliin morkachaa ture barana ammoo Liiverpuul waliin falmiitti turan.

Garuu Liiverpuul aduu torban tokkoo keessatti waancaa Karabayoo dhabee akkasumas Shaampiyoonsi Liigii keessaas bahe waancaa Piriimer Liigii waan dabarsee kennu hin fakkaatu.

Arsenaal abdii hin kutanne. Darbii Landaniin Fuulhaamiin bor yoo keessummeessu injifachuuf abbala.

Garuu tapha salphaa hin tahu. Arsenaal taphoota 31 dirree isaa iratti Fuulhaam waliin taasise mo'amee hin beeku. 31 keessaa taphoota 24 mo'achuun kan hafan torba ammoo qixa xumuraniiru.

Seenaa kubba miilaa Ingilizii keessatti tapha baay'ee dirree isaa irratti takkaayyuu osoo hin mo'amiin xumure Arsenaal malee hin jiru. Kunis Fuulhaam irratti jechuudha.

Garuu taphoota sadii darban Arsenaal wlaiin taasise irratti Fuulhaam hin mo'amne. Tokko mo'achuun lama ammoo qixa bahaniiru. Fuulhaam Arsenaaliin tapha tokkitiin mo'ate dirree isaa irrattidha.

Darbii Lnadan bara kana taasise irraa Arsenaal qabxii 20 argateera. Kanaanis dorgomaa hin qabu.

Taphoota Darbii afur mo'ataniiru. Seenaa kana Arsenaal kan galmeesse bara 1931-32, 1947-48 fi bara 2000 - 01 keessa qofa.

Fulhaam dorgommii FA Cup irattis Kiristaal Paalaasiin mo'amaniiru.

Arsenaal ammoo tapha internaashinaalaa booda tapha jalqabaa isaa taasisa. Taphattoonni Arsenaal akka Bukaayoo Saakaa fa'aa miidhamarraa deebi'aa jiru.

Yeroo murteessaa kanatti tahuun Arsenaaliif oduu gaariidha. Waancaa Shaampiyoonsi Liigiis Riyaal Maadirid waliin qabu.

Liiverpuul darbii marsiisayidiin Everteen waliin morkata. Everteen tapha darbeen Liiverpuuliin qabxii gachisiiseera.

Aanfiildi irratti Liiverpuul haaloo bahuuf dhaadataniiru. Everteen erga Deevid Moyesiin deebisee qacaree gahumsa gaarii irra jira.

Abdii waancaa tokkittii kan qabu Liiverpuul ammoo falmii jabaa taasisa. Arnee Isloot bara leenjisummaa jalqabaa Liiverpuul waancaa Piriimer Liigiin eegaluun isaanii kan hafu miti.

Mohaammad Saalaa galchii Piriimer Liigii fi kubba galchiif mijeessee kennuun dursaa jira.

Maanchister Yuunaayitid bara kana gahumsa ajaa'ibaa irra kan jiru Nootiingihaam Foorest waliin morkata.

Fooresti taphoota darban lama Maanchister waliin taasise mo'ateera. Maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorim jalatti booda kana fooyya'aa dhufeera.

Garuu hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf kan falmatan Nootingihaam Fooresti ammas Yuunaayitid injifachuuf qophii tahuu himaniiru.

Nuunoo Ispiriito Saantoo waancaa FA Cup Biraayitaniin mo'achuun walakkaa xumura waancaaf darbaniiru.

Tapha itti aanu ammoo Maanchister Siitii waliin ramadamaniiru. Deeggartoonni Nootiingihaam Foorest waancaa FA caalaa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuu akka barbaadan xiinxaltoonni kubba miilaa himaniiru.

Kanaaf tapha Yuunaayitid waliin taasisan ciminaan akka taphatan eegama.