Maanchister Siitii qabxii gahaa dhabuu isaaf anatu itti gaafatamuu qaba- Gaardiyoolaa

Leenjisaan maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan bara kana kilabni isaanii qabxii gadi bu'aa galmeessuu isaaf ''anatu itti gaafatama'' jedhan.

Bara dorgommii afur walitti aansuun waancaa Piriimer Liigii kan mo'ate Maan Siitiin amma sadarkaa shanaffaa irra jira. Liiverpuul dursaa liigichaa irraa qabxii 22 boodatti hafeera.

Maanchister Siitiin Peep Gaardiyoolaa jalatti waancaa Piriimer Liigii jaha injifateera.

Hojii leenjisummaa isaanii erga jalqabanii sadarkaa sadaffaa gadi takkaayyuu xumuranii hin beekan.

Hojii leenjisummaa kee bara kanaa akkamiin madaalta jedhamanii kan gaafataman Peep ''bara kanamo? Baay'ee gadi aanaadha'' jechuun hojii akka leenjisaatti hojjetan ceepha'an.

''Morkattoonni keenya kana dura yeroo waancaa Piriimer Liigii mo'annoof haala mijataa addaa nuuf kennan hin qaban.

''Hojiinkoo haala bara kana keessa turre haala gaariin jijjiirudha'' kan jedhan Gaardiyoolaan Maan Siitiin qabxii dhabuu isaaf ofuma qeeqan.

Sababni itti qabxii dhaban maal akka tahe kan gaafataman leenjisichi ''waanuma xixiqaadha,'' jedhan. ''Bara dhufu akka waan kun hin mudanne abdiin qaba'' jedhan.

Waancaa Piriimer Liigii bara kanaa dhabuun isaa waanuma beekamu kan tahe Siitiin waancaa FA Cup walakkaa xumuraaf darbuuf Barnimooz waliin morkata. Yoo har'a kan darban tahe walitti aansuun yeroo torbaaf walakkaa xumuraaf gahuu isaaniiti.

Gaardiyoolaan garuu osooma waancaa FA mo'annee akkasumas sadarkaa 1-4 galuun Shaampiyonsi Liigii bara dhufuuf dabarreyyuu waancaa Piriimer Liigiif morkachuu dadhabu keenya kan nuuf qajeelchu miti jedhan.

''Dhugaadha waancaa FA mo'achuun akkasumas Shaampiyoonsi Liigiif darbuun namatti tola,'' kan jedhe Gaardiyoolaan kilebni isaanii qabxi hanga kanaan Liiverpuul irraa fagaachuu garuu akka isaan hin gammachiisne dubbatan.

''Silaa osoo FA mo'annee milkaa'ina gaarii ture. Akkasis tahee garuu bara kana baay'eema gadi buuneerra.''

''Sadarkaan gahumsa keenyaa fi wantoonni biroo hedduun haala gaarii irra hin jiranKanaaf waancaa tokkoyyuu injifachuun haala kana nuuf jijjiiruu hin danda'u.''

Maanchister Siitiin waancaa 'Club World Cup' kan Waancaa Kileboota Adunyaa jedhamuun beekamu irrattpi ni hirmaata. Waancaa kana kilebni mo'atu badhasa guddaa argata.

Haa tahu malee osoo waanchicha mo'attaii kaffaltii boonasii guddaan isinii kenname maaltu isinitti dhagahama jechuun kan gaafatame Gaardiyoolaan ''nuuf hin malu'' jedhan.

Badhaasni maallaqaa argamu kilebichaaf gala. Bara kana boonasii miti sa'aatii xiqqoo tokkoyyuu anaafi taphattootakoo, garee leenjistootaa fi hojjettoota nu duuba jiran kaaniif hin malu'' jedhan.

Waan ittiin beekamuun ala Peep erga qabxii dhabaa dhufee aariin isaa waan dabalaa dhufe fakkaata.

Miira keessa yeroo galan yeroo hedduu argamaniiru. Tarii haalli ulfaataan akkasi yeroo jalqabaaf waan isa mudateefii laata?

Peep Maanchister Siitii haala ulfaataa amma keessa jiru keessatti dhiisee hin bahu jechuun kontiraata biraa hanga 2027 turu mallatteessaniiru.

Siitii irratti himati 115 ol dhiyaachuu hordofee Gaardiyoolaan kilebicha dhiisanii akka hin baane ibsan. Osoo Piriimer Liigii keessaa gadi nu buusaniyyuu dhiisee hin bahu jedhanii ture.

Haaromsa taphattoota isaanii jalqabaniin ji'a Amajjiitti qofa taphattoota hahhaaraa mallattesisaniiru.

Waliigalaan Paawondii miliyoona 250 ol baasuun taphattoota akka Omaar Maarmush, Kusaanoov fa'aa mallattesisan. Maan Siitiin bara dhufu ol aantummaa isaatti deebi'aa?