Itoophiyaan 'wiigiidhaa hanga wuskiitti' meeshaa alaa galu dhorkuun kaayyoo barbaadame ni milkeessaa?

Itoophiyaan meeshaalee ‘dursi hin kennamneef’ jettu 38 gara biyya keessaa akka hin galleef dhorkaa keessee turte.

Hanqina sharafa alaa biyyattii mudateen walqabatee daldaaltonni meeshaalee kanneen gara biyya keessaa galchuuf isaan gargaaru “LC” akka hin arganne isaan dhorke.

Meeshaalee ‘dursi hin kennamneef” ykn meeshaalee qananiiti jedhamanii alaa galchuu dhorkaman keessaa konkolaatawwan, nyaata, meeshaalee manaa, meeshaalee bareedinaa, dhugaatiwwan alkoolii keessatti argamu.

Ministeerri Faayinaansii Itoophiya xalayaa Baankii Daldalaatif barreessen daldaaltonni meeshaalee kanneen akka hin galchineef akka hin eeyyamamneef dhorkeera.

Mootummaan Itoophiyaa murtee kana irra kan gahe hanqina sharafa alaa isa mudate irraa ka’uun meeshaalee barbaachisoo kanneen akka qorichaa, galtee qonnaa, galtee industiriiwwan biyya keessaaf oolan garaa gara biyya galchuuf akka ta’e ibse.

Daldaaltonni meeshaalee [dhorkaman] kanneen baay’inaan akka galchaniif qajeelfamni akka ka’uuf karaa Mana Maree Daldalaa Itoophiyaa “oliyannoo” gaafachaa akka jiran BBCn odeeffateera.

Seerri dhorkaa kun osoo hin bahin dura meeshaalen “LC”n itti kaffalame gara biyya keessaa akka galan qajeelfamni ni ajaja.

Ofii LC jechuun maali? Mootummaan qajeelfama kana baasuu isaatin hangam sharafa alaa buufateera? Oliyannoon daldaaltotaa maalirra gaheera?

‘Wiigii (Rifeensa nam-tolchee)’

Meeshaalee mootummaan Itoophiyaa akka alaa hin galle dhorke keessaa tokko wiigidha.

Kanarraa kan ka’e gatiin wiigii yeroo dhiyoo as baay’ee dabalaa jira.

Daldalaan maqaan isaa akka hin dhahamne barbaadu tokko kanaan dura wiigii ykn rifeensa nam-tolchee Dubaayirraa gara Itoophiyaatti karaa seera-qabeessan fidaa akka ture hima.

“Gatiin itti gurguramuu fi gatiin meeshichaa gibira itti kaffalamu wajjin gaafa wal bira qabamu bu’a qabeessa waan hin taanef daldaaltonni baay’en gibiraan ala galchu,” jedha daldalaan kun.

Gibirri gaafatamu baay’ee qaalii waan ta’eef daldalaan hunduu shaanxaa imalaa keessa kaahun galcha.

Kuni ammayyuu jira, kanaan dura kan ture wajjin yoo wal bira qabamu amma hir’ateera. Wiigin (human hair) karaa seera qabeessan galu hin jiru.”

Maddi keenya kun akka jedhutti, rifeensi nam-tolchee karaa seeran alaa gabaa Itoophiyaa keessa galu kun ‘sentetikii’ waan ta’eef seerri bahe kana ittisuuf ta’uu akka malu hima.

Seera haaraa bahe kana hordofuun dhiyeessin wiigii hanqachuu irraa kan ka’e gatiin isaa baay’ee ol ka’eera; daldaaltota irrattis dhiibbaa fideera.

“Eeyyee dhiibbaa narratti uumeera. Guutummaatti gara Itoophiyaa erguu dhiisera. Gibira ol kaasanii gara biyyaa galchuun sirrii natti hin fakkaatu. Kanaan dura wiigin giraamni 400 dolaara 120 ture. Amma garuu rifeensa nam-tolchee hidhaa shan jaha namni qabatee gara biyya gale dolaara 360 kaffala. Kanaaf bu’aa hin qabu.”

Qoqqobbii meeshaalee kanneen irratti taasifame hordofee wiigii irratti giddu galeessaan daballiin birrii kuma 15 akka dhufe daldaaltonni ni dubbatu.

Kanaan dura kuma 18 gurguramaa kan ture amma 29 akka gahe himu.

Wiigii qofaa osoo hin taane chokoleetii, tamboo, juusiwwan saamsaman, bishaaniifi dhugaatiwwan lallaafaa, dhugaatii alkooli, akkasumas meeshaalee bareedinaa kan of keessaa qabu gosti meeshaalee 38 warra alaa akka hin galle dhorkaman keessayi.

Hanqina sharafa alaa

Dhaabbanni Maallaqa Adunyaa (IMF) akka jedhetti, Itoophiyaan bara 2023tti sharafni alaa isheen qabaattu meshaalee bu’uuraa kanneen akka qorichaa, boba’aafi xaa’oo fa’aa bituuf kan ishee gargaaru qofaadha.

Baankin Daldaala Itoophiyaa meeshaalee gara biyyaatti akka hin galle dhorkaman irraa waggaatti dolaara miliyeena 100 buufachuu ni danda’a.

Tajaajilli Qonna Alaa Ameerikaa akka jedhetti, Itoophiyaan bara darbe meeshaalee alaa galchuuf dolaara biliyeena 18 baastetti.

Kanarraa kan ka’e garaa garummaan baasiifi galii giduu jiru akka dabalu ta’eera. Dhaabbata International Growth Center jedhamutti ogeessa diinagdee kan ta’an Obbo Teewodiros Makonnin akka jedhanitti, seerri kun ba’uun isaa gabaan sharafa alaa yaaddoo keessa waan galeefi.

“Keessumaa waggoota lamaan, sadan darbanitti madaallin gatii kaffaltii (balance of payment) danqameera.

Koovid fi waraanni Kaaba biyyattiitti eegale akka sababaatti ka’u. Turistoonni gara biyyaa dhufan, meeshaleen gara alaatti erginu, akkasumas sharafni biyaa alaatii ergamu (remittance) gadi bu’eera,” jedhu.

Sababa waraanatiin deeggarsi ‘akkaawuntiin kaappitaalaa’ jedhamuun beekamu, liqiifi investimentiin kallattiin alaa dhufu irratti dhiibbaa guddaa akka uume ogeessi diinagdee kun ni himu.

Walumaa galatti, seerichi garaa garummaa gatii dolaarri baankiifi gabaa gurraacha irratti qabu dhiphisuuf akka bahe himu.

Itti dabaluunis, meeshaaleen murteessoo hin taane akka hin galle gochuun, keessumaa meeshaalen tokko tokko sharafa gabaa guraacha irraa argamuun galu waan ta’eef kana hambisuufis kan taasifame ta’uu akka amanan dubbatu Obbo Tewoodiroos.

LC dhorkuun fala ta’aa?

LC jechuun xalayaa hayyamaa (letter of credit) jechuudha. Daldala idil-addunyaa salphaatti adeemsisuuf mala nama gargaaru akka ta’e himu ogeessi diinagdee kun.

“Meeshaa alaa kan gurguruu fi asii kan bitu, baankileen karaa ittiin walii galanii fi meeshichi ergamuu fi gahuu isaa mala ittiin mirkaneessaniidha,” jedhu.

Seerri amma mootummaan baase meeshaalee kanaaf LCn akka hin banamne dhorka. Kanaaf, meeshaalee kanneen karaa baankii fiduun hin danda’amu jechuudha.

“Marfee waraqaa ittiin qabsiisaniif burruusa hin fayyadaman. Mismaara tokko rukutuuf burruusa isaaf malu fayyadamuu qabda” jechuun rakkoon sharafa alaa biyyattii guddaa ta’ee osoo jiruu tarkaanfii jijjirama guddaa hin fidne fudhachuun bu’aa akka hin buusne dubbatu Dr. Ayyalaa Galaan ammoo.

Akka hayyuun dinagdee kun jedhanitti, tarkaanfiin mootummaan hanqina sharafa alaa furuuf fudhataa jiru gonkumaa kan hin maalledha.

Dr. Galaan Ayyalaa dambiiwwan anniisaa, daldalaafi turizimii heddu qopheessu fi qorannoowwan garaa garaa hojjachuun kan beekaman yoo ta’u, amma Dhaabbata Qorannoo Saayinsii Kuweet keessatti qorataa diinagdeeti.

Akka Dr. Ayyalaan jedhanitti, meeshaalee kanneen akka alaa hin galle dhorkuun ykn LC dhorkachuun sharafa alaa hambisa jedhanii hin amanan.

“Waanta godhamuu qabuu fi waan biyyaaf barbaachisu gochuu wallaalanii miti…. Sababni isaa achuma keessaa harka mootummaa hidhanii akka barbaadan kan godhan baay’en waan jiraniifi.

Kanaaf, hundeen isaa yoo tuqame, warri gurguddaan [fayidaan isaanii] jalaa tuqamu jiru,” jedhu.

Obbo Tewodiros gama isaanitiin, maloota garaa garummaa gatii sharafa alaa baankiifi gabaa gurraachaa jidduu jiru furuuf gargaaran lama keessaa tokko to’annoo cimsuu akka ta’e himu.

Fala jalqabaafi ijoodha jedhanii kan amanan garuu, “Poolisiiwwan sharafni alaa karaa sirrii ta’een akka socho’u godhan baasudha,” jedhu.

“To’annoo cimsuun furmaata yeroo dheeraa fiduu hin danda’u. Fakkeenyaf, suuqiwwan gabaa gurraachaa magaala keessa jiran mootummaan yoo cufe, gatiin sharafa alaa yeroo muraasaf gadi bu’ee gatii baankii wajjin walitti dhiyaata. Garuu takka turee gaafa to’annaan laafu deebi’ee ol ka’a.”

Gatiin meeshaalee amma dhorkamanii baay’ee akka hin taane kan himan Dr. Ayyalaan, meeshaaleen gatii meeshaalee hanga hayyamameefii ol baasan gara biyya keessaa yeroo galan to’achuu dhabuu isaatiin fayidaa biyyattiin argachuuf maltu osoo hin argatin hambisuu dubbatu.

Rakkoo biyyattii furuun kan danda’amu angawoonni mootummaa dolaarri biyya alaatti akka hafu hojjatan “hundeen isaa yoo gogeedha” jedhu.

“Sababni isaan hin tuqamneef, daldaalota wajjin hidhata fayidaa qabu, lammaffaan ammoo gabaan gurraachi akka badu fedhii hin qaban,” jedhu Dr. Ayyalaan.

Ogeeyyin diinagdee lamman BBCn dubbise itti fufiinsa seera bahee irratti shakkii qabu.

Malli fooyyee qabu, kan furmaata yeroo gabaabaa akka jiru himu Dr. Ayyalaan.

Filannoo tokkoffaan, mootummaan akkuma daldalaa gabaa gurraacha irratti hirmaachuu qabaadha.

"Daldalaan biyyoota alaa keessatti ija jabaatee gabaa gurraacha keessatti kan hirmaatuf waan isaan baasuufidha. Mootummaanis akkuma daldaltoota kanaa maalif irratti hin hirmaatu?" jechuun barbaachisummaa isaa bifa gaaffiin cimsanii ibsu.

Biyya ollaa kan taate Keeniyaatti eenyuyyuu doolara hanga barbaade bitachuu danda'a jechuun akka fakkeenyatti kaasu.

"Mootummaan ammoo daldalaa caalaa birrii qaba. Daldalaan biyyoota addunyaarra naannahee doolara bitee alatti hambisu mootummaanis gabaa gurraacha keessatti hirmaachun sharafni gara biyya keessaa akka dhufu gochuu danda'a," jedhu Dr. Ayyalaan.

Obbo Tewodiros ammoo seerri haaraa bahe kun daldaaltonni meeshaalee dhorkaman kara seeran alaa caalmatti biyya keessa akka galchuun bu'aa akka itti argataniif karaa banaaf jedhu.

"Meeshalen kunneen karaa seeran alaa galuu danda'u. To'annoon gaafa taasifamu humni raawwachiisuu guutuu waan hin taanef qawaan ni uumama. Namoonni muraasni qawaa kanatti fayyadamuun bu'aa guddaa itti argatu. To'annaan isaa yoo cime garuu bu'a qabeessadha," jedhu.

Dr. Ayalaan gama isaaniitiin meeshaaleen 38 kana akka alaa hin galle dhorkuun bu'aa hangas mara hin fidneef daldala seeraan alaa (kontorobaandii) babballisuullee mala jechuun dubbatu.

Tarkaanfiin fudhataman qorannoo irratti kan bu’uureffatan ta’uu akka qaban kan himan Dr. Ayyalaan, rakkoon dinagdee biyyaa mudate akkuma hakiimni dhukkubsataa bakka dhibame ilaalee qoricha ajajuuf sanadha jedhu.

Furmaanni rakkoo dinagdee Itoophiyaa tarkaanfiiwwan bibbicuu akkasiin kan furamu osoo hin taane faayidaa dhuunfaan olitti biyyaafi sabaaf yaadanii tarkaanfii qorannoo irratti hundaa’e jajjaba fudhachuu feesisa jedhu Dr. Ayyalaan.

“Furmaata waaraa kan argamsiisu imaammata kan jedhameef sababiin tokkoffaan kanadha,” jedhu Obbo Tewodiroosis.

“Galii galchinuufi baasii baasnu wal madaalsisuu qabna,” ejjennoo jedhu qabu.

“Mootummaan ofii isaayyu dhaabbata guddaa sharafa alaa fayyadamu tokkodha. Pirojektoota hedduu qaba. Pirojektoota kanneen irratti ammoo qisaasamni ni mul’ata. Namoonni hedduun biyya keessatti omishuu caalaa alaa galchuurrattidha kan bobba’an. Karaa ittiin gara omishuutti gallu jiraachuu qaba.”