Phaaphasiin duraanii Waldaa Kaatolikii baay'ee dhukkubsachuu Pop Firaansis himan

Poop Firaansis fi Poop Benedikt

Madda suuraa, REUTERS/VATICAN

Phaaphasiin duraanii Waldaa Kaatolikii Poop Benedict XVI baay'ee dhukkubsachuu isaanii Pop Firaansis beekisisan.

Namoonni kadhannaadhaaf gara Vaatikaan imalanis kadhannaadhaan akka isaan yaadatan Poopi Firaanis ergaa dhaamaniiru.

Phaaphasiin Waldaa Kaatolii Roomaa duraanii Poop Benedict XVI amma umuriin isaanii waggaa 95 ta'eera.

Bara 2013tti "kana booda dulloomera" jechuun fedhii isaanitiin dursummaa Bataskaana Kaatolikii gadi dhiisun Poopi Firaansi gara gaggeessummaa Waldaa Kaatolikitti dhufan.

Poop Benedikt waggaa 600 keessatti phaaphasii yeroo jalqabaaf fedhii isaanitiin gaggeessummaa Waldaa Kaatolikii Roomaa gadi dhiisaniidha.

Ergaa lallabaa dhuma waggaa bara faranjootaa kana irratti dubbataniin "kadhannaa addaa Poop Benediktiif kadhadhaa" jedhan Poop Firaansis.

Fayyaan Phaaphasii duraanii Waldaa Kaatolikii kun baay'ee hammaachuu Vaatikaanis gabaastetti.

"Ammatti haalli jiru oggeeyyii fayyaatin hordoffii cimaan godhamaa jira," jedhan oduu himaan Vaatikaan Maateyoo Biruunin.

Poop Firaansis ergaa kana erga dhaamanii booda bakka Poop Benedikt jiraataan Gadaamii Mater Ecclesiae jedhamutti daawwatan.

Ji'a kana gara jalqabaa deddeebi'uun Poop Benedikt akka iyyaafatan ibsanii turan Poop Firaansis.

Poop Benedik nama namuusa fi dhala namaaf iddoo qabanidha jechuun dubbatan Poop Firaansis.

Poop Benedikt XVI bara 2013tti yeroo angoo irraa bu'an nama umurii 85 turan.

Erga bara 1415 Poop Girigorii XII fedhaan aangoo gadi dhiisanii waggaa 600 booda Poop Benedikt XVI fedhaan aangoo gadi dhiisan.