Baankiin Misooma Afrikaa hojjettootasaa Itoophiyaatii baasuufi

Madda suuraa, AfDB
Baankiin Misooma Afrikaa hojjetoota isaa idil-addunyaa ta’an Itoophiyaa keessaa baasuuf akka jiru maddeen madda oduu Roohitarsitti himan.
Baankiin Misoomaa Afrikaa hojjetoota isaa idil-addunyaa ta’an Itoophiyaa keessaa baasuuf akka jiru kan himame, Baankichi kanana dura “mirgi dippilomaasii sarbameera” jechuun yeroo ibsee turetti hojjettoonni isaa lama humnoota nageenyaa biyyattiitiin hidhamanii miidhaan qaamaa erga isaanirra gaheen boodadha.
Dhaabbanni Maallaqaa Ardii kun dhuma Onkoloolessa 2023 irra hojjettoonni isaa lama “seeraan ala” hidhamanii miidhaan qaamaa akka isaaniirratti raawwatame beeksisee ture.
Baankiin Misoomaa Afrikaa A L I Onkoloolessa 20, 2016 dhimma hojjettoonni isaa to’annoo jala oolfamuu erga Ministira Muummee Abiy Ahimadiif beeksiseen booda atattamaan akka hiikaman beeksisee ture.
“Hojjettoonni Baankii Misoomaa Afrikaa Finfinnee jiran lama ibsa ifa ta’e malee humnoota nageenyaatiin karaa seeraan alaa qabamanii miidhaan qaamaa irra gahee saatiiwwaniif hidhamaniiru,” jedha ibsa Baankichi Sadaasa keessa baase.
Baankichi wanta mudate erga ministira muummee biyyattiitti beeksiseen booda hojjetoonni kunneen atattamaan gadhiifamuu isaaniifi taatee ture sanas ballinaan akka qoratamu ministirri muummee waadaa galuu isaanii ibsa baaseen himee ture.
Haata'u malee, hidhaafi miidhaa qaamaa ka'umsa godhachuun Baankichi hojjetootasaa idil-addunyaa biyyattii keessaa akka baasu Roohitarsi maddeen dhimmichatti dhiyeenya qaban eeruun gabaaseera.
Maddeen Roohitars lamaanuu yeroo hojjettoonni idil-addunyaa Baankichaa itti biyyattii keessaa bahaniifi hojii Baankichi Itoophiyaa keessatti qabuuf dhiibbaa inni qabaachuu danda'urratti wanti beekan akka hin jirre dubbataniiru.
Baankichi ibsa Sadaasa keessa baaseen eenyummaa hojjettootasaa hidhamanii rakkoon irra gaheera jedhee, gahee hojii isaaniifi haala taateen sun itti mudate ilaalchisuun wanta jedhe hin qabu.
Baankiin Misoomaa Afrikaa michoota maallaqaa murteessoo Itoophiyaa ta'an keessaa tokko yoo ta'u, Pirezidantiin Baankichaa Akiinwemii Adeesiinaa dhiyoo kana wayita gara Itoophiyaa dhufanii turanitti ministira muummee Abiyyiin simannaan ho'aan taasifameefiif ture.
Fulbaana darbe Baankichi dhiyeessii humna ibsaarratti fooyya'insa taasisuudhaaf baajata dolaara miliyoona 100 raggaasisuun isaa ni yaadatama.












