Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sababa gargaarsi Tigraayitti adda citeef namoonni 1,400 beelaan du'aniiru' - Aangawaa
Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti gargaarsi nyaataa sababa hatame jedhameef erga addaan citee booda yoo xiqqaate namoonni 1,400 beelaan du'uu aangawaan naannichaa beeksisan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) fi Dhaabbanni Gargaarsa Ameerikaa USAid ji’a Caamsaa keessa gargaarsa nyaataa Tigiraayiif kennan akka addan kutuu kan beeksisan.
Qorannoo kana hordofuun qondaaltonni Tigraay gaggeessan akka agarsiisutti, namoonni 500'tti siqan hanna gargaarsaa kana keessatti hirmaachuu Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayitti Hoogganaa Sodaa Balaa kan ta'an Obbo Gabrahiwoot G/Igzaaber BBC'tti himaniiru.
Tigiraay bara 2020 walitti bu'iinsaan kan miidhamte yoo ta'u, haalli beela fakkaatu naannichatti uumamee ture.
Wal-dhabdeen kun bara darbe kan xumurame mootummaan Itoophiyaa fi Addi- Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) waliigaltee Gamtaan Afrikaa durfamu mallatteessan hordofuun ture.
Waldhabdee kana keessatti loltoonni Eertiraa gama waraana Itoophiyaa goranii lolanii turan.
WFP fi USAid lammilee Tigiraay gara miliyoona jahaa gargaaruuf hojjataa turan , garuu gara ji'a sadii dura gargaarsi isaan kennan gara gabaa biyya keessaatti akka gara dabarfamu erga hubatanii booda gargaarsa nyaataa "yeroof addaan kutuu" labsan.
Dubbii himaan WFP torban kana BBCtti akka himanitti, ''salphaatti gocha yakkaa kana akka waan hin argineetti callifnee kennuu ittifufuu hin dandeenye,'' jedhan.
Dhaabbanni Gargaarsa Ameerikaa USAid baatii Waxabajjii keessa gargaarsa nyaataa kutaalee Itoophiyaa kaaniif kennu akka addaan kutu beeksise.
USAid -deeggarsa nyaataa biyyattiif dhaabbilee biroo hunda caalaa kennuun beekamu yoo ta’u, namoota miliyoonaan lakkaa'aman sababa walitti bu'iinsa, gogiinsa fi qaala'iinsa jireenyaatiin rakkatan gargaara.
Odeeffannoo miliqee bahe tokko kan baatii Waxabajjii keessa miidiyaalee hedduudhaan eeran akka ibsutti qaamoleen mootummaa federaalaa fi naannootti hidhata qaban bifa qindaa’een gargaarsa kanarra fayyadamaniiru jechuun himata.
Mootummaan Itoophiyaa himannaa kanneen qorachaa akka jiru himuun, bu’aan garuu haga ammaa ifa hin taane.
Waraanni biyyattii deeggarsa hatame jedhamerraa fayyadamoo akka hin taane ibseera.
Mootummaa Yeroo Tigraayitti qondaalli ittisa balaa Gabrahiwoot Gabragzaabheer, ji’a Eblaa keessa qarqaarsi akka dhaabbate BBCtti kan himan oggaa tahu, WFP fi USAID garuu ji’a ittaanu keessa ture kan ifa godhan.
Ebla irraa kaasee godinaalee sadii keessatti qofa, namoonni 1,400 tahan beelaan lubbuun isaanii darbeera jedhu qondaalli kun.
Godinaalee hafan naannichaa sadiirraa ragaan wayita walitti qabamee dhumu, lakkoofsi kun akkaan dabala jedhan Obbo Gabrahiwoot.
Dabaluunis, shakkamtoonni 492 qorannoon irratti gaggeeffamaa kan jiru ennaa tahu, 198 ammoo himatni irratti banameera jedhan.
Kanneen shakkaman keessaa qondaalonni mootummaa, hojjettoonni dhaabbilee mit-mootummaa, qindeessitoonni bakka dahoo baqqattootaa fi “waahillan midhaan qarqaarsaa raabsan” keessatti argamu jedhan angawaan kun.
“Daldaltoonni, keessattuu kanneen kuusaa midhaanii fi dhaabbata midhaan daaku qabanis keessa jiru,” jedhan Obbo Gabrahiwoot.
USAID Waxabajjii keessa, qarqaarsi midhaan nyaataa kan deebisee eegale yeroo “hawaasa saaxilamaa taheef qaqqabuusaa yoo mirkaneessuu dandeenyedha,” jedhee ture.
Dubbi-himaan WFP akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii qarqaarsa midhaanii deebisuuf hojjechaa jira.
Inumaawuu, iddoowwan gariitti tarkaanfiiwwan to’annoo jiran sakatta’uuf midhaan nyaataa muraasa raabsuu eegaluu himan.
‘’Dhiibbaa deeggarsa dhaabuun lubbuu namoota gargaarsa eeganirratti qabaachuu maluun guddaa yaaddofneera.
‘’Sababa kanaaf, deeggarsi namoota isaan barbaachisuuf gahuu isaa mirkaneessuuf eeggannoo godhamuu mala taasisaa jirra,’’ jechuun dubbii himaan dhaabbatichaa ibsani.
Miidhaa beelli dhaqqabsiise hubachuuf BBC’n magaalota gurguddoo Tigraay keessaa tokko kan taate Shiree daawwateera.
Harmeen haadha ijoollee sadii hanqina dhiigaa qabdu, Mebrihit Haayilaay, yeroo xumuraaf deeggarsa nyaataa Sadaasa keessa argachuu himte. Yeroo ammaa kadhachuuf dirqamuu dubbatti.
‘’Yeroo baay’ee biddeena ashaboo waliin nyaanna. Doktaroonni nyaata madaalamaa akkan yaadhu na gorsu. Garuu eessaan argadha?’’ jechuun dubartiin ganna 28 dubbatti.
Daa’imman ishee lamaan ganna saddeetiifi jaha ta’an huuqqataniiru. Iji keessatti dhooqeera.
Aadde Mebrihit yeroo BBC’n ishee dubbise ulfi ishee guddateera. Guyyoota muraasa booda intala godhachuu BBC’tti dubbatte. Akka carraa ta’ee, mucaan ishee dhalatte kuni fayyaa qabeettiidha.
Hospitaala naannicha keessa argamu tokkotti narsii kan taate Kibree Mabraatu haadholiin baay’ee sababa beelaan ijoollee isaanii hoosisuu hin danda’an jechuun dubbatti.
‘‘Hospitaala kanatti daa’imman baay’ee balaa du’aaf saaxilamanii dhufu,’’ jechuun himti.
‘’Baatii kana qofa afur [daa’imman] dhabneerra. Miidhaan walitti bu’iinsichaa, hanqinni nyaataa, hanqinni geejibaa sirriitti mul’ata,’’ jechuun ibsiti.
BBC’n daa’ima waggaa saddeeti 10kg qofa ulfaattu hospitaalatti argeera. Ulfaatinni kuni giddugaleessaan silaa ulfaatina daa’ima waggaa tokkooti.
Harmeen daa’ima kanaa Hiwat Lebaasi osoo deeggarsi namoomaa WFP fi USAid’dhaan kennamuu dhaabatuun dura deeggarsi isaan bira gahu akka dhaabate dubbatti.
‘’Takka takka muraasni [deeggarsa nyaataa] ture. Garuu ani keessa hin turre. Akkan yaadutti malaammaltummaan ni jira,‘‘ jechuun himti.