Mootummaan Itoophiyaa gargaarsa dhaabuun tarkaanfii ‘siyaasati’ jechuun morme

Mootummaan Itoophiyaa murtee dhaabban Ameerikaa USAID fi dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii WFP deeggarsi dhiyaatu qisaasameera jechuun dhaabuuf taasisan ‘siyaasa’ jedhe.

Qondaalli mootummaa Federaalaa, Eejjansiin Misooma Idl-addunyaa Ameerikaa (USAID)n miidhaan gargaarsaa namoota barbaarchiisuuf dhiyaatuu waliin ta’uun maqsan jechuun maqaa gaarii mootummaan federaalaa fi mootummoota naannoolee akkasumas kan waraanaa balleesseera jechuun himatan.

Ministirri Tajaajila Komunikeshinii Mootummaa Federaalaa Laggasaa Tulluu ibsa Sambata Waxabajjii 10, 2023 gaazexessitootaaf kennaniin, argannoon himannaa dhaabbata USAID kunis kan osoo walita’insaa fi marii dhaabbilee mootummaa kamu waliin hin taasifamiin raawwatamedha jedhan.

Haata’u malee dhimmicharratti ammalleen qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus kaasaniiru aanga'aan kun.

Bakkeewwan amma keessatti miidhaan gargaarsaa maqfamuun himamee keessatti ammoo deeggarsa kan raabsanii fi haala dhiyeessitii gargaarsaa to’atan eejjansiiwwan deeggarsaa ta’anii osoo jiranu, ‘‘fageenyi dhaabbanni USAID kun itti mootummaa balaaleeffachu imale gonkumaa fudhatama hin qabus,’’ jedhan Ministirichi.

Torbanuma darbe kana keessa ture dhaabbileen USAID fi Sagantaan Nyaata Adunyaa (WFP) dhiyeessitii gargaarsa nyaataa Itoophiyaaf dhiyeessan adda kutuu kan beeksiisan.

Itoophiyaa keessatti sababii ongee mudatee fi waraanaatiin wal qabatee ummanni miiliyoona 20 ta’u deeggarsa namoommaa irratti hirkataadha.

Isaan duras Dhaabbanni deeggarsaa Ameerikaa USAID fi Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsi ergamu gurguramaa jira jechuun deeggarsa naannoo Tigiraayiif kennan akka dhaaban beeksiisuun isaanii ni yaadatama.

Qondaalli mootummaa Laggasan itti dabaluudhaan, adda kutamuun deeggarsaa nyaataa kun ‘‘siyaasa’’ jechun balaaleeffataniiru.

Haata’u malee, ‘‘namoonni dhuunfaa ykn dhaabbileen’’ gochaa deeggarsa nyaataa kana maqsuu keessatti hirmaatan argaman itti gaafatamtoota seeraa ta’u akka qaban mootummaan kan amanu ta’u aanga’aan kun himaniiru.

Haaluma walfakkaatunis Raayyaan Ittisa biyyaa ibsa himannaa deeggarsa nyaataa maqsuu keessaa harka qaba jechuun irratti dhiyaatee ilaalchisee ibsa har'a baaseen, ''kaayyoo ijoon raayyaa ittisa biyyaa ofiisaatiin dura dantaa ummataafi biyyaattiif dhaabbachuudha,'' jechuun himannicha kufiiseera.

Itti dabaluunis, ‘‘Nuti dhaabbata, kutaa ykn loltuu qamadii deeggarsichaa irraa fayyadamu hin qabnu’’ jechuun himannicha kufiseera.

''Tarii ammoo haaluma ibsa dhaabbata USAID kanaan loltuun miseensa raayyaa ta'e hojii isa hin ilaalannee keessa galuun haala caasaan ala ta'een hojii seera kabachiisuutti fayyadamuun hattoota waliin ta'ee deeggarsi hatamee akka bahuuf kan wal ta'e yoo jiraate fi qoratamee yoo argame, bulchiinsi raayyaa ittisa biyyaa tarkaanfii keessa hin deebii'amne ni fudhata,'' jedheera ibsas miidiyaa hawaasaa irratti baaseen.

Ejjansiin Gargaarsa Baqattoota Idil-addunyaa ibsa addatti BBC’f kennee keessatti, Itoophiyaa keessatti ‘‘daba maqsuu olaanaa hammayyaa’aa irra gahame’’ hordofuun, Ameerikaan ‘‘gochaan gosa akkasii kan obsaan bira hin dabarree ta’usaa’’ mallattoo ifa ta’e agarsiisuu qabdi jechuun isaa ni yaadatama.