Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan deeggarsi midhaan nyaataa Itoophiyaaf kennitu 'gara darbaa jira' jechuun adda kutte
Mootummaan Ameerikaa deeggarsa midhaan nyaataa Itoophiyaaf kennaa ture adda kutuu beeksise.
Mootummaan Ameerikaa deeggarsi nyaataa kennamaa ture osoo uummata ergameef bira hin gahiin gara darbaa akka ture qorannoon bira gahamuu hordoftee akka gargaarsicha dhaabe hime.
Torban darbes Dhaabbanni deeggarsaa Ameerikaa USAID fi Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsi ergamu gurguramaa jira jechuun deeggarsa naannoo Tigiraayiif kennan akka dhaaban ibsaniiru.
Rooyitarsi ibsa USAID wabeeffachuun akka gabaasetti deeggarsi ergamaa ture ''garee humna waraanaa biyyattii keessaan’’ gara darbaa ture.
Barruun Addis Standard gama isaan gaabasa keessoo(internal Memo) USAID isa harka gale irraa deeggarsi nyaataa gara darbaa akka jiru jaarmiyichi hordoffii ji'oota lamaaf gaggeesseen bira gahuu ibsuu gabaaseera.
Gabaasni Addis Standard argeeraa''Miseensonni waraanaa biyyattii guutuu keessa jiran deeggarsa namoomaa kana irraa fayyadamaa turan'' kan jedhu ta'uu ibseera. Itti dabaluunis qaamoleen fedeeraalaa hanga naannoo jiran daldaltootni dhuunfaa hirmachisuun kana keessaa harka qabuu jedha.
Deeggarsi nyaataa tumsa qaamolee kaaniin argame gara dabarsuun ''yakkaa fi qindoomina’’ qaamolee mootummaa federaalaa fi naannoolee Itoophiyaan kan raawwatamedha jedhe USAID.
''Hamma haaromsi dhufutti rabsaa deeggarsa namoomaa goonu itti fufuu hin dandeenyu,’’ jechuu Waashingitan Post ejeensicha wabeeffachuun barreesse.
Naannoon Tigiraay waraana waliinii wagga lamaan erga miidhamee miliyoonaan kan lakkaa’aman deeggarsa midhaan nyaataan jiraatu.
Dabalataan walitti bu’insi naannoolee kaan keessaa fi goginsi hamaan uumame Itoophiyaa keessaa lammiileen miliyoona 20 tahan deeggarsa midhaan nyaataa akka eeggatan isaan taasiseera.
Itoophiyaa keessatti lammiileen miiliyoona 20 ta'an sababa waraanaa fi hongeen hanqina nyaataaf saaxilamanii jiru.
US, kan deeggarsa namoomaa Itoophiyaaf dhiyeessuun adda duree taate bara bajataa 2022 keessa qofa gargaarsa doolaara biiliyoona 1.8 ta'u arjoomteetti.
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa midhaan nyaataa karaa USAID dhiyaatu gara dabarsuu irratti mootummaa Ameerikaa waliin wal tumsuun qorannoo gaggeessuu fi qaamolee gochicha raawwatan itti gaafatamaa gochuuf akka hojjetu himameera.
Ministeerri Dhimma Alaa US, akka jedhetti, Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinkenii fi gitni isaanii Itoophiyaa, Dammaqaa Mokonnin, Riyaaditti wal arguun qorannicha irratti wal tumsuuf waliigalaniiru.
Ministiroonni lameen kabaja mirga namoomaa Lixa Tigiraay, haqa yeroo ce’umsaa hunda hirmaachisee fi iftoomina qabu gaggeesuu fi rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessaa furuu irrattis waliin mari’achuu, Ministerri Dhimma Alaa US himeera.
Itoophiyaa keessaatti sababa walitti bu'insaa fi goginsa waggootaaf walitti aansee mudateen naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Affaarii fi Tigiraay deeggarsa kan barbaadan hedduudha.