Daa'imman 13 sababa hanqina nyaata madaalamaan du'an- Hospitaala Ayidar

Hospitaalli riferaalaa Ayider naannoo Tigiraay Maqaleetti argamu sababa hanqina nyaataa madaalamaan ijoolleen13 du’uu ibse.

Kunis kan dhagahame yeroo itti dhaabbileen gargaarsa kennaa turan sababii qisaasama gargaarsaa eeruun deeggarsa dhiyeessaa turan adda kutuu ibsanittidha.

Ijoollee gara hospitaalichaatti yaaliif ergama keessaa torba ji’a Caamsaa keessa akka du’an hospitaalichi BBC Tigriffaatti hime.

Hospitaalichatti ogeettiin walaansa ijoollee, Simiret Nugusee BBCtti akka himanitti, ji’oota 12 darban keessa sababa hanqina nyaata madaalamaan yoo xiqqaate ji’atti ijoolleen sadii lubbuu ni dhabu.

''Erga ji’a Amajjii as yoo xiqqaate sababa hanqina nyaata madaalamaan ijoolleen 13 du’aniiru. Isaan keessaa torba kan tahan ammoo ji’a Caamsaa keessa du’an.’’

Akka hospitaalichi jedhetti, lakkoofsi ijoollee erga Ebla 2022 yaalaaf gara hospitaalichaati ergamanii dabalaa dhufeera.

Ijoolleen 32 kutaa kunuunsa addaa keessatti yaala argataa jirus jedhe.

Daa’imman sababa hanqinan nyaataan dhukkubsatanii yaalaaf gara hospitaala Ayidaritti ergamanii kanneen umuriin isaanii waggaa shanii gadii yoo tahu, sababa waraana Sadaasa bara 2020 jalqabeen bakka adda addaa irraa kanneen buqqa’anidha.

“Ijoolleen kutaa yaalaa keessa jiran miidhaaf saaxilamoo yoo tahan, deeggarsa nyaataa hospitaalichaan ala kennamuufiin ooluu hin danda’an,’’ jette Simiret.

Fedhii jiru waliin wal bira qabnee yoo ilaallu, dhiyeessiin qorichaafi meeshaalee wal’aansaa naannoo Tigiray keessaa dagatameera. Hospitaalicha keessaa qorichii fi nyaatni wal’aansaaf oolu dhumeera jette.

Ogeettiin yaalaa kun dhaabbileen gargaarsaa idil-adunyaa deeggarsa kennuu dhaabuu isaanii ni komate.

''Deeggars alubbuu baraaru dhaabuu isaaniin ijoolleen waggaa shanii gadii fi dubartoonni miidhamaa jiru. Haalli itti dhaabbates sirrii miti,’’ jette.

Sagantaan Nyaata Adunyaa fi USAID deeggarsa nyaataa naannoo waraanaan miidhame kanaaf gochaa turan dhaabuu ibsaniiru.

Sababni isaanii ammoo deeggarsa dhiyaataa ture hatamauu fi gabaa irratti gurguramaa jiraachuu himuunidha.

Erga waraanni naannoo Tigiraay jalqabeen as ijoolleen kumaatamni sababa hanqina nyaataan lubbuu dhabaniiru.

Waxabajji 2021 hanga 2022, ijoolleen kuma 240 tahan, sababa hanqina nyaata madaalamaa hamaa taheen miidhamaniiru.

Dabalataan ijoolleen kuma 76 tahan sababa hanqina nyaata madaalamaan dhukkubsataniiru.

Hnaga Onkoloolessa bara 2022tti ijoolleen 2450 tahan sababuma kanaan du’aniiru jedhan.

Amma dhaabbileen deeggarsaa idil-adunyaa gargaarsa dhaabuun isaanii ammoo yaaddoo namoonni hedduun miidhamuu danda’u jedhu fideera.

Dhaabbanni miti mootummaa MSF jedhamu, buufataaleen fayyaa naannoo Tigraay keessaa %70 kan tahan ta'e jedhamuun saamamaniiru, akkasumas tajaajilaan ala tahaniiru jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF Sadaasa bara 2022 Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti waliigaltee nagaa erga mallatteessii asi waraanni dhaabbachuuf deeggarsi namoomaas gara naannichaa seenuu eegaluun himamee ture.

Waraanni waggaa alamaaf Tigraay fi naannolee ollaa miidhees amma dhaabbateera. Haatahu malee, lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa'amiin galaafachuun, miliyoonota qe’ee irraa buqqisee ture.

Naannoo Tigiraayitti mootummaa naannoo yeroo hundaa’uun naannichi akka bayyaannatuuf hojjatamaa akka jiru mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaatti himeera.