Abbaan warraa, haati warraa andaaqqoo qaluufi dinnaan ibidda ofitti qabsiisee of ajjeese

Keeniyaa kaawuntii Migoorii keessatti abbaan warraa, andaaqqoo akka qaltuuf haadha warraa gaafatee waan diddeef manatti balbala ofitti cufee ibidda ofitti qabsiisee of ajjeese.

Miidiyaaleen Keeniyaa akka gabaasanitti abbaan warraa ganna 45 ta'u kaawuntii Mugoorii qe'ee Uriirii keessatti balbala ofitti cufee ibidda ofitti qabsiisuu dura haadha warraa isaa waliin andaaqqoo qalachuu irratti waldhaban.

Itti aanaa bulchaan naannoo Nyaobe Joon Aantonii miidiyaalee biyya Keeniyaaf yaada kennaniin''namichi Joon Rugaalaa jedhamu manatti ol deebi'ee balbala ofitti cufee ibidda qabsiise. Haati warraa andaaqqo hojjechuufi waan diddeefi jedhama,'' jedhan.

Qorannoo hanga ammaa jiruun haati warraa indaaqqoo qaluuf yaada abbaan warraa dhiyeesse kan didde, indaaqqichi kan mucaa dubaraa isaanii waan ta'eefi.

''Haati warraa, mucaa isaanii dubaraa, indaaqqoon kan ishee ta'erraa hayyama akka argatu ittimuu mormaa ture'' jedhan qonaalli kun.

Namni ganna 45 kun didamuu isaa hordofee haati warraa manaa akka siiqxu erga godhee booda manatti balbala cufatee ibidda ofitti qabsiise.

Jiraattotni nananoo ibidda mana keessatti qabate dhaamsuun isa baraaruuf yaalaniis lubbuu nama kanaa oolchuu hin dandeenye.

Reeffi nama kanaa qorannoof hospitaala galee jira. Poolisiinis dhimmicha qorachaa jiraa jedhame.

Ta'iin kun Kibxata akka raawwatame miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.