Keeniyaatti lolli qonnaan bultootaafi hoomaa arbaa beela'e gidduutti hammaate

Odeessa gaazexeessitoonni bakka adda addaa irraa xalayaadhaan BBC biraan ga'an keessaa odeessi kun isa tokko.

Gaazexeessaan Afrikaa Ismaa'el Eyinaashe, Keeniyaa keessatti akkamiin jijjiiramni qilleensaa dhala namaa fi bineensota bosonaa akka walitti buusaa jiru ilaalchisuun akkasiin barreesse.

Ganda baadiyyaa Keeniyaa, giddu gala biyyaarraa fagaattee gara Kibbaatti argamtu Njoro Mata keessatti, qonnaan bultuun Aaddee Monikaa Mutiikee Mookii, ooyiruu ishee arbi barbadeesse keessa deemtee ilaalti.

Haadha ijoollee sadii kan taate dubartiin umurii waggaa 48 kun, ijoollee abbaa hin qabne kophaashee guddisti.

Ooyiruu isheen gosoota midhaanii akka kaasaavaa, boqqolloo, muuzii, shonkooraa fi maangoo irraa qabdu arbi weeraree jalaa barbadeesse.

Mala ammayyaawaa Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa ishee barsiise fayyadamuun ooyiruu ishee akkaan misoomsitee oomisha fooyya'aa bakka abdachuu eegaltetti, hoomaan arbaa iddoo qubsuma isaa godhate.

Aadde Mookiin akka jettutti guyyuu hoomaan arbaa paarkii biyyaalessaa dhiheenyatti argamu Tsavo irraa ka'uun ooyiruushee weeraraa jira.

Paarkiiwwan gurguddoo addunyaa kanaa keessatti kan maqaan dhawamu Tsavo'tti, bineensonni gosa adda addaa 15,000 tahan ni argamu.

Jalqaba tiksitoonni bakka dheedumsaa horiisaaniif barbaaduuf jecha mooraa paarkichaa cabsanii seenan, isa booda hoomaan arbaa karaa sana cabsee ba'e jetti dubartiin kun.

Hanqina roobaa waggootaaf tureen tikfattoonni waan horiisaanii nyaachisan dhabanii rakkataa jiru, akkasuma arbillee jiraachuuf jecha waan argate barbaadee nyaachuuf lola eegale.

Amalli bineensotaa akka geeddaramu kan taasise rakkoo jijjiirama qilleensaa Keeniyaatiin gogiinsa mudateedha.

Haalli kun akka bineensotni daggalaa ba'anii nyaata dhala namaa saamuun, namaan lolan taasiseera.

Akki hoomaan arbaa itti ooyiruu Aadde Mookii balleessee baayyee nama gaddisiisa.

Arbi sodaa tokkollee hin qabu kan jettu dubartiin kun, ''yeroo fedhetti dhufee ooyiruu weerara, yeroo gariin kophaa, yeroo kaan ammoo gareedhaan dhufu,'' jette.

Yeroo ammaa boqqolloon, muuzii fi kasaavaan hoomaa arbaan nyaatamanii ooyiruu irraa jalaa dhumaniiru.

Aadde Mookiin yeroo ammaa boqqolloo kuntaala shanii hanga ja'aa galfattu malee daa'immanshee qallabuun itti cima.

Midhaan haga kanaa yoo argatte gabaa magaalaa dhiheenyasheetti argamu- Taveta jedhamutti dhiheessuun hanga shilingii 6,500 (doolaara 48)tti gurgurti.

Oomishni kun jalaa barbadoofnaan waan maatiishee ittiin soortuu fi daa'imashee dubaraa waggaa 10 waan mana barumsaa ittiin galchitu hin qabaattu.

Qonnaan bultoonni gandashee keessa jiran kaan boqqolloo keeshaadhaan safaruun akka kaffaltii mana barumsaatti ijoolleesaanii barataniif kaffalu.

Manni barumsaas boqqolloo kana deebisee barattoota soora.

Bineensi guddaan addunyaa kun hoomaadhaan guyyaatti midhaan hanga kiilogiraama 150 soorata, tokko sadaffaa guyyaasaanii nyaataan dabarsu.

Aadde Mookiin haala kanaan oomishni ishee hundi jalaa nyaatamee dhumuu himti.

Hoomaan arbaa kun guyyaatti bishaan liitira 100 dhuga, kan Aadde Mookiin oomisha isheefi dhugaatiif jecha waajjira mootummaa naannoorraa argattu battalatti duraa gogsan.

Weerarri hoomaa arbaa itti hammaachaa deemuu kan himtu Aadde Mookiin, mala ittiin ofirraa ittistu dhawatteetti.

Qaruuraa bishaaniifi zayitni keessaa dhume shiboodhaan erga walitti qabsiistee booda, handaara ooyiruushee dhaabde.

Wayita arbi shiboorra ejjetu sagaleen meeshaa kun waan isheetti dhagahamuuf dammaquun ofirraa dhorkiti.

''Muka yaabee, baatirii ijasaaniitti qabeen itti iyya. Arbatti siquun waan hin danda'amneef,'' jette qonnaan bultuun kun.

Haata'u malee malli isheen abuurte kunis akka isheen yaadde hin taaneef. Garuu yoo xiqqaate eessa akka jiran baruu dandeesseetti.

Arbi bineensa akkaan hamaadha.

''Arbi yoo na miidhe, na madeesse yookiin na ajjeese maatiin koo ni dararamu,'' jetti Aadde Mookiin.

Ollaan Aadde Mookii qonnaan bulaan abbaa ijoollee afurii Jonaataan Mulingee, lubbuunsaa haleellaa arbaan ba'uuf qarqara irra geessee akka oolte hime.

Arba tokko oomisha isaarraa wayita ari'u, itti garagalee haleeluuf wayita jedhu arreedee utaalee manasaatti seene.

''Kan lubbuu kiyya oolche saffisa kan arbaa caaluun arreedee mana seenuu kiyya,'' jedhe.

Qonnaan bulaan akka jedhutti inni fi qonnaan bultoonni kaan weerara hoomaa arbaan dararamaa jiru.

''Kun lola nuyi, dhala namaa fi arba gidduutti gaggeeffamaa jiruudha,'' jedhe.

''Midhaan kan qottuuf irraa fayyadamuuf. Wayita inni ga'u arbi dhufee barbadeessa. Qonnaan bulaa harka duwwaatti hambisa.''

Hawaasi qonnaan bulaa kun weerara arba beela'ee kana ofirraa ittisuu hin dandeenye.

Warra dandeettiisaa qaban - Jaarmiyaa Eegumsa Bineensota Bosonaa (Wildlife Service (KWS) komataa jiru qonnaan bultoonni.

Jaarmiyaan kun gaaffii BBCn dhiheesseef deebii hin kennine.

Aadde Mookiin akka jettutti haalonni baayyee hammaataa deemaa jiru, garuu yaaddoo isaaniif qaamni xiyyeeffanaa kenne hin jiru.

Qondaalli Waldaa Fannoo Diimaa Keeniyaa Joram Ornaga, gogiinsi, hanqinni roobaa fi rakkoon jijjiirama qilleensaa, dhala namaa fi arba walitti buuseera jedhan.

Hoomaan arbaa beela'ee fi qonnaan bultoonni bishaan muraasa jirtuu fi qabeenya uumamaa naannoorratti waldhabuun, fuulduraafillee yaaddoo caalu akka uumuu malu eeran.

Weerarri arbaa kun qonnaan bultoota akka Aadde Mookiif dhibee sammuu ta'eera.

Halkan hirriba malee bulti.

Boqonnaa dhabdee, yoom akka haleellaan irra ga'u yaadda'aa jiraatti.

Yoo arbi ishee ajjeese, egeree maatiisheef yaaddofti.

''An duunaan eenyutu isaan guddisa, eenyutu jiraachisa jedheen yaadda'a. Baayyee sodaadheera,'' jechuun yaaddoo hamaa keessa jiraachuu ibsite.