Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti namoonni beelaan of ajjeessuu irraa lubbuun hafan yakkaa himataman
Keeniyaatti sochii amantaatiin haala wal qabateen namoota nyaata lagachuun of ajjeessuu irraa lubbuun baraaraman keessaa namoota 65 irratti himannaan ofiin lubbuu ofii balleessuu dhiyaate.
Hordoftoonni amantaa ‘Janata seenuuf’ jechuun nyaataa lagatanii of ajjeessuuf yaalan kun, lubbuu baraartootaan bosonicha keessaa argamanii booda jidduu gala keessatti nyaanni dhiyaatuuf illeen lakkii jechuun diduun dhagahameera.
Abbaan alangaa biyyattii guyyaa Wiixataa mana murtiitti dhiyaachuun namoonni of beeleessuuf turan kanneenirratti qorannoon sammuu fi fayyaa akka taasifamuuf akkasumas mana sirreessaa keessa akka turaniif iyyateera.
Namoonni kunneenis nyaataa hin nyaannu waan jedhaniif jidduu gala lubbuu baraarsaa keessa tursiisuun akka hin danda’amnes ibseera.
Gaaffii abbaa alangaa kanaafis manni murtichaa dhiyeenyatti deebii akka kennu eegama.
Haala seera Keeniyaan ittiin bultuutti ofiin lubbuu ofii balleessuun yakka.
Seeroonni kunneenis bulchiinsa kolonii Ingiliizii jalatti kan tumaman ta'us, biyyi Ingilaand ofii ishee seera kana waggootii 60 dura haqxe. Keeniyaa keessattis falmitoonni mirga namooma seerri kun biyyatti keessa akka haqamuuf falmaa jiru.
Namoonni gocha nyaata lagachuun ‘Iyyasuus dafanii arguuf’ jecha of beelleessuuf yaala turan 65, hordoftoota Paastar Pool Maakeenzii jedhamuufi dhiheenya kana maqaansaa miidiyaa irratti ka’aa jiruuti jedhameera.
Paasitarichis hordoftoota isaa dhibbaan lakkaa’amaniin Jannata seenuudhaaf nyaata lagachuun akka of ajjeessan amansiise.
Bakki paastariin kun keessa socha’u qarqara galaanaatti bakka dhiyaatu Bosona Shaakaahoolaa jedhamu yoo ta'u, hanga ammaatti reeffii namoota 280 ol bosonicha keessatti bakka awwaalaa gadi fageenya hin qabne keesssaa argameera.
Kanneen keessaas reeffii namoota 10 Wiixata kaleessaa argaman.
Gabaasaaleen reeffaa akka agarsiisaniitti, daa’imman dabalatee irra jiraan isaanii beelaan yoo du’an, tokko tokkoo ammo hudhamanii, reebamaniifi ukkaamfamanii kan ajjeefamaniidha.
Bu’aan qorannoo reeffaa kun ifa akka taasiseetti, miseensoonni garee amantichaa du’a isaan mudateen alattis, yakki kutaalee qaamasaanii keessaa baasuu raawwatameera ta’a jedhamuun himamaa jira.