US 'jaarmiyaaleen teeknooloojii ammayyaa' warshaa Chaayinaaf akka hin hojjenne dhorkite

Ministirri Daldalaa US Waayit Haawus irraa wayita ibsa kennan

Madda suuraa, Getty Images

Jaarmiyaaleen teeknooloojii US bajata federaala irraa argataniin socho'an martinuu, waggoota 10 dhufaniif 'guddina teknooloojii ammayyaa' Chaayinaa keessa akka hin hojjenne bulchiinsi Joo Baayidan dhorke.

US jaarmiyaaleen teeknooloojii warshaalee biyya keessaa akka guddisanii fi bu'aan argamus lammiilee biyyattiif akka oolu tumsuuf doolaara biiliyoona 50 ramaddee jirti, karoora kana milkeessuuf labsii kana baaste.

Tarkaanfiin US kun erga jaarmiyaaleen biizinasii biyyattii hirkattummaa Chaayinaa jalaa ba'uuf jecha deeggarsa mootummaa gaafachuu cimsanii kan labsameedha.

Dhaabbileen biizinasii kunneen meeshaalee teknooloojii ammayyaa oomishuuf galteewwan teeknooloojii dhabuu himataa turan.

''Kanneen baajata mootummaa federaalaa irraa argatan gama teeknooloojiin nageenya biyyalesssaa rakkoo keessa akka hin galchine eegumsa ni taasifna. Maallaqa kana fayyadamanii teeknooloojii Chaayinaa keessatti invest gochuu hin danda'an. Teeknooloojii Chaayinaa guddisuu hin qaban. Kun waggaa 10'f hojiirra oola,'' jedhan Ministirri Daldalaa US Giinaa Raayimandoo.

US fi Chaayinaan waggoota dheeraaf damee teeknooloojii fi daldalaan olaantummaa argachuuf walqoccolaa jiru.

Hagayya darbe kana Pireezidantiin US Joo Baayidan dorgommii teeknooloojii amayyaaf godhamu keessatti Chaayinaa booda hafuu sodaa jedhuun damee manufaakchariingii teeknooloojii fi qorannoo saayinsiif doolaara biiliyoona 280 ramadanii turan.

Deeggarsi investimantii bulchiinsi Joo Baayidan labse kun, kubbaaniyyaawwan meeshaalee teeknooloojii ammayyaa oomishaniif gibira hir'isuus ni dabalata.

US yeroo ammaa shiboowwan elektirikii fi meeshaalee eletirooniksii kaan alatti dhiyeessuun addunyaarraa dhibbeentaa 10 qooddatti.

Bara 1990 keessa dhibbeentaa 40 ture. Hir'inni kun biyyattiif yaaddoo guddoo uumeera.

Imbasiin Chaayinaa Waashingtan jiru tarkaanfii US kana balaaleffateera. ''Yaadama Waraana hololaa'' kan of keessaa qabuudha jedhe.