Ameeriikaa fi Chaayinaan marii daldalaa 'abdii qabu' gaggeessuun himame

Madda suuraa, Getty Images
Mariin daldalaa Ameeriikaa fi Chaayinaan taasisuuf turan jalqaba baatii kanaa akka dabarfamu erga taasifamee booda, marii 'marsaa tokkooffaati' jedhan gaggeeffatan.
Qaamooleen lamaanuu jijjiiramni jiraachuu fi waliigaltee taasisuuf kutannoo qabaachuu bakka bu'aan daldalaa US himan.
Marii kunis Hagayya 15 gaggeeffamuuf kan ture ta'ulleen pirezidaanti Tiraampi ammatti haasa'uu hinbarbaadu jechuun dabarsuunsaanii ni yaadatama.
Haasaa duula na filadhaa baatii kana taasisan keessatti Aabba Tiraampi 'ammatti Chaayinaa waliin mari'achu hinbarbaadu' jedhanii ture.
Ibsi Bakka bu'aa Daldala US akka jedhuutti, qaamooleen lamaaanuu waa'ee mirgoota abbentaa qabeenyaa fi dhimmoota biroo irratti mari'achuun marii marsaa lammataatiif qabxiilee xiyyeeffannoo adda baasaniiru.
Xinxaltoonni kana akkamiin ilaaluu?
Yeroo marichaa kunis carraa baayyee qabaachuu danda'a jetti barreessituun xinxala daladala BBC kan biyyoota eshiyaa Kaarishmaa Vaaswaani.
Kana dura wayita mariin kun ni gaggeeffama jedhameetti hafee deebiifamee guyyoota 10 booda gaggeeffameera.
Haasaa Tiraampiin alattis sababii beellamni marii inni duraa itti dabarfameef ilaalchisee wanti ifatti jedhame hinturre.
Amma Tiraamp torban duula na filadhaatti deemaa waan jiraniifuu, dhimma walitti dhufeenya Chaayinaa yeroo dheeraaf turee qabatanii asi bahuun mataduree gaarii uumuuf akka malu himu xinxaltoonni.
Kanaanis bulchiinsa Tiraamp qofaatuu Chaayinaa gara mariitti deebiisuu danda'a jechuuf isa dandeessisas jedhu.
Dhiibbaawwan kubbaaniyoota Chaayinaarratti gama Waashingitanii taasifamuus kan dhagahamu, wayita pirezidaanti Tiraampi attamiin Chaayinaa irratti cimaa akka ta'an agarsiisuu barbaadan, akkasumas Baayideniittis jechuudha.
Akkuma beekamu Baayideen osoo filatamee Chaayinaa irratti laafuu danda'a jechuun Tiraampiifi deeggartoonni isaa yoo kaasan dhagahamu.
Haa ta'u malee Chaayinaan diraamaa siyaasaa Tiraampi taphataa jiru itti dhiheenyaafi of eegannoon ilaalaa jirti.
Ibsi dhimma kanarratti gama Chaayinaatii dhagahamees ''gama lamaaniinuu haalawwan mijeessuun waliigaltee daldalaa hojiirra oolchuuf itti fufuuf walii gallee jirra,'' kan jedhu qofaadha.
Haa ta'u malee bulchiinsi Ameerikaa Tiraampiin ta'ee Baayidaniin, yoomiyyuu Chaayinaa irratti dhiibbaa taasisuu akka hindhaabne ni amanu Chaayinooti. Kanas dhuunfaatti natti himaniiru jetti.
Akkasumas dhimma kanarrattis jarri lachuu irratti waliigalu jetti xinxaltuun tun.
Torbanoota darban muraasa keessa Mr Tiraampi dhaabbilee teknolojii Chaayinaa irratti dhiibbaa taasisuu dabaluuf jecha appii TikTok fi midiyaa hawaasummaa WeChat akka ugguramaniif ajaja dabarsee ture.
Kanumaan wal qabatees abbaa qabeenyaa TikTok kan ta'e ByteDance murtee pirezidaantiin Ameerikaa dabarsan kun kan siyaasaan guutame malee, akka jedhamee nageenya biyyaatiif miti jechuun himannaa akka banu beeksisuun isaa ni yaadatama.













