Pirezidantiin duraanii Naannoo Amaaraa Gadduu Andaargaachoo paarlaamaarratti maal jedhan?

Obbo Gadduu

Madda suuraa, SG

Rakkoo amma naannoo Amaaraatti mudateef sababiin bu’uuraa kufaatii oggansa siiyaasa mootummaa badhaadhiinaa amma biyya bulchaa jiruuti jechuun pirezidantiin duraanii naannoo Amaaraafi aanga’aa mootummaa federaalaa kan turan Obbo Gadduu Andaargaachoo kan dubbatan.

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate hordofuun labsii Yeroo Mudamaa mana maree ministirootaatiin labasame ragaasisuuf manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii ariifachiisaa Hagayya 14, 2023 taa’eerratti ture Obbo Gadduun kana kan jedhan.

Aanga’aan duraanii Obbo Gadduun miseensa mana maree bakka bu’ootaa ta’an illeen yeroo hedduu mana marichaa keessatti wayita hirmaannaa taasisan hin mul’atan ture.

Mormiifi walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa eddoowwan garaa garaatti baatiiwwan muraasaa dura taasifaman itti cimuun dandeettii mootummaa naannichaatiin ol waan ta’eef mootummaan federralaa seera akka kabachiisuuf haaluma gaaffii dhiyaateefiin raayyaan ittisaa naannicha keessatti akka bobba’u ta’eera.

Paarlaamaanis boqonnaarra osoo jiruu ture labsii yeroo muddamaa manni maree ministirootaa labsee akka raggaasisuuf miseensonni mana maree bakka bu’ootaa walgahii ariifachiisaaf Hagayya 14, 2023 walgahuun erga irratti mari’atanii booda murtee kan dabarsan.

Namoota siyaasaa MM Abiy gara aangootti akka dhufaniif gahee olaanaa bahaniiru jedhaman keessaa tokko kan ta’an Obbo Gadduun, erga gorsaa nageenya Ministira Muummee irraa kaafamanii booda aangoo mootummaa federaalaas ta’e kan naannoo irratti hin mul’atiin turaniiru.

Kana malees miidiyaalee irraa fagaatanii hirmaannaan mana maree keessatti qabaachaa turan murtaa’aa akka ture dubbii walgahii Wiixataa kanarratti taasisaaniin himaniiru.

Obbo Gadduun labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraa irratti labsame ilaalchisee karaa itti waamamaa mootummaatiin ibsi irratti kennameen booda miseensa mana marichaa kaan irraa yeroo bal’aan fudhatamee, paartii biyya bulchuufi mootummaa federaalaa qeeqaniiru.

‘‘Dogongorawwaniifi balleessaawwan keenya waggoota shanan darbanii irraa barachuu dadhabuun keenya na ajaa'iba’’ kan jedhan Obbo Gadduun, ‘‘mootummaan mataansaa rakkoo siyaasaa ni uuma, rakkinicha karaa siyaasaatiin fururra ammoo humna waraanaatiin furuuf socha’a,’’ jechuun qeeqan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan biyyattii keessatti rakkoolee siyaasaa garaa garaa umamanii labsii yeroo muddamaatiin furuudhaaf akkuma yaalameetti, kana raawwachiisuufis komaandi poostiiwwan hedduu hundeessuu isaanii kaasuun, ‘‘rakkoon furan tokkoolleen hin turre,’’ jechuun, furmaanni isaa siyaasa ta’uu daandii rakkoon Tigraay ittiin furame akka fakkeenyaatti kaasan.

Ummanni Naannoo Amaaraa tibba jalqaba jijjiramaatti deeggaraa Badhaadhiinaa akka turan kan kaasan Obbo Gadduun, haata’u malee sochiin jijjiramichaa daandiisaarraa goruu wayita hubannetti ummanni dogongora mootummaa akka sirreeffamanii cimsee gaafaataaa turulleen kan dhagahe akka hin turre dubbatan.

Dogongorawwan paartii biyya bulchaa jiruun raawwatamaniiru jedheen sirreeffamu irra itti cimuudhaan haala seenaa Itoophiyaa yeroo dhihoo keessatti ta’ee hin beekneen, ‘‘Ummanni Amaaraa sababii eenyummaa saatiin haleellaan irratti raawwatameera. Bakka jiraatu irraa buqqaafameera, rakkoofi salphinaaf saaxilameera,’’ jechuun kun komii akka cimseefi haala amma umameefis madda ta’u himan.

‘‘Sochii mormii ammaan tana naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru kan rakkoo fi miidhaan kuufame dhaleedha,’’ kan jedhan Obbo Gadduun, rakkinicha furuudhaaf ammoo furmaanni waraanaa osoo hin taane marii siyaasaati amantaa jedhu akka qaban mana marichaatti himaniiru.

Itti dabaluunis yeroo ammaa kanatti rakkoon naannoo Amaaraatti mudateef sababiin bu’uuraa ‘‘kufaatii hooggansa siyaasaa mootummaa Badhaadhinaati,’’ kan jedhan Obbo Gadduun, ‘‘walitti dhufeenyi ummata Amaaraafi Badhaadhinaa haala hin fayyiineetti adda citeera,’’ jedhan.

Gaaffii ummanni Amaaraa dhiyeessaa ture kan garee muraasaa gochuun ilaaluu, maqa baleessii kabaja xiqqeessan hawaasarraan gahuu, ummanni caalaa akka aaruu gochuun caalaatti badii kan cimsuudha jechuun akeekkachiisaniiru.

Obbo Gadduun mana marichaa keessatti haasaa gara daqiiqaawwan 12 ta’uf dubbataniin, dhimma labsii yeroo mudamaafi waa’ee rakkoo naannoo Amaaraa keessatti mudatee akkasumas waa’ee mootummaa fi paartii Badhaadhiinaa qeeqaniiru. Wayita kanattis irra deddeebiin ittaantuu Afi-yaa’ii fi miseensoota mana marichaatiin gaaffiin sirnaa irratti dhiyaate ture.

Rakkoo naannichaa furuudhaafi yoo nagaafi tasgabbiin akka bu’uuf barbaadame yaadawwan furmaataa ni gargaaru jedhanis kaasaniiru.

‘‘Mootummaan badii mataasaatiinii fi human dhabiinsaan fudhatama dhabe karaa meeshaa waraanaatiin deebiisuuf yaaluun daandii badiitti’’ kan jedhan Obbo Gadduun, raayyaan ittisa biyyaa naannoo Amaaraatti bobbaafamee ‘‘haal duree tokko malee gara kaampiitti haa deebii’uu,’’ jechuun gaafataniiru.

Kana malees paartiin biyya bulchu naannicha keessatti fudhatama waan dhabeef, ‘‘bulchiinsi yeroo humnoota siyaasa Amaaraa hunda haammatu atattamaan hundeeffamee,’’ rakkinicha furuun ni danda’ama jedhan.

Marichaa kanarratti miseensoonni kaanis labsii yeroo mudamaa irratti yaadawwan mormii fi deeggarsaa kan kennan yoo ta’u, itti waamamaan mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee akkasumas Ministirri Haqaa Dr Geediyoon Xiimootiyoos ibsaa fi deebii kennaniiru.

Kana hordofunis manni maree bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaa Wiixata Hagayya 14, 2023 gaggeesseen labsii yeroo mudamaa naannoo Amaaraa iratti manni maree ministirootaa labsee, sagalee mormii 16 fi sagalee kan hin kenniinee 12n, sagalee caalmaatiin raggaasiseera.