Aadaa Oromoo: Guyyaa Irreessaa manaa hanga malkaatti wantoota raawwataman

Irreessi bara 2023 Onkoloolessa 7 fi 8 kabajama. Sirni kun magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti walduraa duubaan raawwatama.

Irreessi baranaa nagaan akka kabajamuuf magaalaan Finfinnee qophii xumuruu ibseera.

Guyyaa Irreessaa manaa hanga malkaatti maalfaatu raawwatama? Odeessa kana keessatti wantoota irreessa dura, yeroo irrreeffannaa fi achiin booda raawwataman qixeessineerra.

____________________________________

Irreessa sambattan ayyaana masqalaatti aanan irra kabajuun kan baratame ture, barana garuu torban tokko fuulduratti siqe.

Dur uummanni Oromoo wayita irreechi ga'u torban tokko yookiin guyyaa sagal dursee soomee, kan waldhabe araaramee garaa qulqulluudhaan malkaatti ba'a jedhu hayyoonni seenaa fi aadaa.

Abbaan Muudaa Tuulamaa Abbabaa Haayiluu Goobanaa irreechi iddoo qaamaa qalbiin itti qulqullaa'an waan ta'eef, malkaa bu'uu dura waan hundaan qulqullaa'uu gaafata jedhan.

Namoonni mufannaa walirraa qaban hamma walitti araaramanitti iddoo tokkoti hin irreeffatan.

Abbaan Gadaa bakka irreessaatti namoonni mufannaa walirraa qabdan har'uma waliif dhiisaa jedhee kan gaafatuuf kanaaf.

Kanaafuu bu'aan guddaan irreechi akka hawaasummaatti qabu yoo xiqqaate Oromoon waggaatti yeroo itti waliif araaramu jechuudha jedhan.

''Oromoon ganama obboroodhaan ka'ee, buna ganamaarrattis waaqasaa kadhata. Booka diinqaa fi balbalatti biifee eebbifatee manaa ba'ee gara malkaa qajeela,'' jedhan Abbaa Muudaa Abbabaa Haayiluu.

''Dhibaayyuu diinqatti, adibaarii qe'eetti dhibaafatee, Waaqa bacaqii gannaa nu dabarsitee booqaa birraatti nu ceesiste galata kee jedhee ollaan walitti ba'ee waliin qajeela.''

Gara malkaa gulantaadhaan suuta 'Mareewoo' jechaa deemu.

''Haadhaliin siiqqee fi dubartoonni mataadha. Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin ammoo itti aanu. Duubaan qeerrootu jiru,'' jechuun akkaataa Oromoon itti gara malkaa imalu ibsan.

Jechi 'mareewoo' jedhu wayita irreeffannaa galaana afoolaa tuuta namootaan dirree sanatti dhihaatan keessaa baay'inaan kan dhagahamuudha.

''Mareewoo jechuun marmaaree, dagaagee, horee kana caalaa baay'atee akka wagga waggaan walga'u kadhachuudha,'' jedhan Abbaa Muudaa Abbabaa Haayiluu.

Haala kanaan ilillii birraa fi marga jiidhaa qabatanii gara malkaa imalu.

Dhiironni waljalaa fuudhanii 'mareewoo' yoo jedhan, dubartoonni ammoo araariyyoo kadhatu.

''Araariyyoo araarsa ammawoo, araarsaa Rabbi nuuf kennee, malkaan nu gahewoo jettee faarfatti haati siiqqee. Akkanaan waljalaa qabaa malkaa ga'u,'' jedhu Abbaa Muudaa Abbabaa Haayiluu.

Akka kanaan Abbaan Gadaa, Haayyoliin Siiqqee, jaarsoliin biyyaa, lubni Gadaa, Dooriin Gadaa, Foolleen tartiibaan deemu.

Malkaa yoo bu'an abbaa Malkaa waamu, abbaa malkaatu saaqa.

''Abbaan Malkaa, lubi Gadaa akkanaan tartiibaan taa'anii malkaa saaqanii eebbifatanii irreeffannaa eegalu. Uummanni kaanis faana hordofuun irreeffata,'' jedhan Aab Abbabaa Haayiluu.

Abbaan malkaa abaabilee, akaakileerraa jalqabee warra karra malkaa eegu, isaantu malkaa saaqee irreessa milkeessu jechuudha.

''Abbootiin keenya wanti kun duudhaa Oromooti, biyyaaf fayyada jedhanii waan natti dabarsaniif, rakkoo fi qormaati kamillee yoo jiraate an harka hin knenu,'' jedhan.

Haati malkaas abbaa malkaa waliin malkaatti gadi ba'u.

Erga irreeffataniis akkanumaan callisanii gargar hin ba'an.

''Erga malkaa bu'anii irreeffatanii, sirna guuttatanii deebi'anii booda 'Gabbisayyoo' sirbaa deebi'u. Gabbisayyoo, malkaa buunee, buune nagaan galle kunoo, jedhanii sirbaa deebi'u,'' jedhan Aab Abbabaa Haayiluu.

''Gabbisayyoo kanaan gabbisee yoo deemus addaan hin bittinnaa'u. Abbaa malkaa faana qajeelanii dirree abbaan malkaa jirutti barmaatilee fi duudhaa raawatantu jira.''

Irreessi ifatti ba'uu kan ittiin galateeffatan waan ta'eef sirni kamiyyuu erga aduun lixxee hin raawwatamu jedhan Abbaan muudaa kun.

''Kan bara dhufuun nu gahi, midhaan magarte nuuf sifeessa, gootaraan nuuf ga'i, gabaa teenya quufa godhi, yaa Waaq garaa nutti toltee egereellee nuuf toli jedhanii, waldhuungatanii jaalalaan gargar ba'u,'' jedhan.