Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Irreecha ilaalchisee qabxiiwwan ijoo beekuu qabdan shan
Duudhaalee Sirna Gadaa keessaa tokko ta'e Irreechi, uummanni Oromoo Waaqa kadhachuufi galatasaa galchuuf jecha tulluu fi malkaatti ba'uun kan irreeffatuudha.
Arfaasaa tulluutti ba'uun roobaafi nagaa kadhata, birraa ammoo malkaa bu'uun galata galcha, Oromoon.
Tulluun waa malee lafa diriiraa hin caalle, darbees waaqatti kaluudha kanaaf itti ba’anii yoo kadhatan irruma caalaa dhageettii waaqaa qaba jedha dhugeeffannaan Oromoo.
Malkaanis yeroo birraa ni taliila kanaaf mallattoo qulqullinaati, bishaan yoo dhugan lubbuu namaaf ta’a, yoo dhiqatan nama qulqulleessa, yoo dadhaban hafuurrisaa hamilee namaaf ta’a kan jedhus amantee ganamaa Oromooti.
Egaa saayinsiinis qaamni dhala namaa bishaan persantii guddaa of keessaa qaba jedhama mitiiree?
Mee irreechaan walqabatee qabxiiwwan ijoo shan kanneen haa ilaallu.
Malkaa fi tulluu- Irreecha Birraa fi Irreecha Arfaasaa
Akka guutuu Oromiyaatti Irreechi waggaatti yeroo lama-Arfaasaa fi birraa kabajamuun kan beekamu ta’us, irreeffannaan garuu jiruu fi jireenya Oromoon adda ba’ee hin beeku jedhu hayyoonni.
Yeroo rafan, yeroo ka’an, yeroo manaa ba’an, yeroo galan, bakka qotiisaatti, bakka lolaatti, yeroo fuudhaa fi heerumaa…taatee hundarratti irreeffannaan ni jira.
Abbaan Gadaa duraanii Tuulamaa Laggasaa Nagawoo, Irreechi akaakuu afur, hunduu walitti fufee waliin marsa jedhan.
''Kan jalqabaa Ireecha manaati. Irreecha osoo hin deemiin sirna manatti raawwatamuudha. Itti aansee Irreecha malkaa, kan Birraa ji'a Fulbaanaa keessa malkaatti irreeffatamuudha.
Inni sadaffaan Irreecha dirree jedhama, kunimmoo Irreecha birraatti aansuun kabajama. Kan itti aanu (Afraffaan) Irreecha Arfaasaa kabajamu, Irreecha Tulluuti. Kunimmoo kan uummanni Oromoo tulluutti ba'uun waaqasaa rooba kadhatuudha,'' jedhan.
Hayyuun seenaa Obbo Dirribii Damisee, uummanni Oromoo Arfaasaa yeroo caamsaan hammaatu tulluutti ba’uun waaqasaa rooba kadhata jedhan.
Ganni roobee, kan faca’ee margee dagaagee lalisee asheetee, lagni boora’ee guutuu wayita birraa taliilu ammoo Malkaatti ba’ee galata galcha jedhan.
Haala Kanaan sirni irreeffannaa lameen walitti hidhatanii raawwatu jedhan hayyoonni kunneen.
Irreechi yoom irreeffatama
Irreechi Tulluu Arfaasaan fuula deeffatee torbee jalqabaarratti irreeffatama, kan malkaa ammoo birraan bari’ee torbee dhumaa ji’a Fulbaanaatti irreeffatama.
Irreechi waan waggaa eegee yeroo lama yookiin sadi irreeffatamu qofa miti jedhu Obbo Dirribiin.
Adda addummaansaa inni waggaatti yeroo lama irreeffatamu sirni guddaan qophaa'ee kan Oromoon iddoo mara irraa walitti dhufuudha malee Oromoon waan raawwachuuf jedhu hundarratti waaqa ni kadhata, ni galateeffatas, ni irreeffata jechuudha jedhan.
''Fakkeenyaaf namni yeroo qonnaaf lafa haaraa baafatu achitti dhibaafatee irreeffata. Kun Jaarrii jedhamee beekama. Yaa waaqayyo dachee qonnaa kana naaf milkeessi jedhee kadhata. Yeroo sanyii baasu, yeroo fuudhaa fi heerumaa, yeroo karaa deemus ni irreeffata, milkii kadhata.’’
‘’Dubartiin yeroo ateetee borootti ni irreeffatti. Osoo karaa deemtuu akka carraa malkaa yookiin tulluutti wayita baatus irreeffattee dabarta. Kanaafuu irreessi jiruu fi jireenya Oromoo keessatti guyyuu kan raawwatamuudha,’’ jedhan.
Inni arfaasaa tulluutti, birraammoo malkaatti ba'anii irreeffatan wayita waqtiin geeddaramu kan Oromoon gamtaadhaan walga'ee irreeffatuudha.''
Hayyuun Antirooppooloojii Gammachuu Magarsaa (PhD), ’’Oromoon durirraa kaasee malkaawwan fi tulluuwwan naannoo isaa jirutti irreeffata. Balbalaan, ollaadhaan, gosaan, odaadhaan, irreeffataa ture. Ammas ni irreefffata. Garuu akka walii galaattimmoo waggaatti altokko bishooftuutti irreeffata,'' jedhan.
Irreechi maaliif sambattan Masqalatti aanan kabajama?
Ayyaanni masqalaa ba’ee sambattan itti aanan irreessa kabajuun kan baratameedha.
Garuu yeroon guyyaa irreessaa kun maaliif guyyaa kana ta’e, yoomirraa eegalee akkas ta’e? kan jedhuuf Obbo Dirribiin deebii qabu.
Irreechi Dilbata guyyaa masqalaatti aanee dhufurra kabajamuun dirqama miti jedhan Obbo Dirribiin.
'‘Irreechi dirqama Dilbata ta’uu hin qabu, kana kan murteesse Boordii Waldaa Maccaa fi Tuulamaati. Yerooma dhihoo kana murtaa’e. Aniyyuu quban qaba, an miseensa boordii miti malee,’’ jedhan.
'‘Akka naannoo Tuulamaa kanatti masqala gubdee bariitusaa qe’eedhaa hin baatu, ulumaa jirta. Har’a masqalli gubatee borumtaasaa gosti ba’ee, hangafti walga’ee cilaattii gubaa addatti dibatu, walitti tufanii wal eebbisu.’’
Gaafa bultii sadaffaa ammoo yeroo ijoollee dubaraati, dirreetti baatee '‘Dirree sin gabbisaa na gabbisi, sin bareechaa na bareechi,’’ jetteetu bakkee baatee sirbiti.
Erga kun hundi xumuramee booda malkaa bu’anii irreeffatu jechuun akkaataa hariiroo masqalaa fi irreechaa ibsan.
'‘Akka falaasama Oromootti gaafa Ali-Waato seenu irraa eegalee ayyaanni qe’eetti gala. Ali-Waato obba’ee masqalli kabajamee erga ijoolleen durbaa dachee faarsitee booda, ayyaanni malkaa fi gaaratti gala. Achii booda irreeffatama malee Dilbata hin eegu Irreechi.’’
Boordiin Maccaa fi Tuulamaa masqalli ba’ee Dilbata itti aanu irreechi akka kabajamu wayita murteessu, yoo ayyaanonni lameen guyyaa lama walirraa fagaatan qofa ta’uu ibsee ture jedhan.
'‘Fakeenyaaf osoo masqalli Jimaatarra bu’ee irreechi Dilbata hin kabajamu. Sababni isaa guyyaa lammaffaa- Sambati guyyaa ulumaati, guyyaa sadaffaa- Dilbati guyyaa shamarran ba’anii dachee faarsan,’’ jedhan.
Kanaafuu yeroo akkanaa irreechi Dilbata torbeetti darba jechuudha jedhan Obbo Dirribiin.
'‘Gara fuulduraatti ayyaanni irreechaa Dilbataan osoo walitti hin hidhatin, mataamasaa danda’ee yeroosaa akka durduriitti jiruun akka kabajamu ta’uu qaba. Garuu masqalaan walitti ni hidhata,’’ jedhan.
‘’Dur ayyaantonni Oromoo urjii ilaaluudhaan guyyaa irreessaa murteessu.
Amma garuu namni akkuma isaaf mijatutti ayyaana masqalaa baasee Dilbata itti aanu irreeffata. Ayyaantuun ilaalee guyyaa irreessaa murteessuu dhabuunis duudhaa hir'ate keessaati.’’
Irreechaa fi amantii
Hariiroo amantii fi aadaa keessatti wantoonni amantii qofa akkasumas aadaa qofa ta’anii adda ba’anii beekaman jiraatanis, sabni tokko aadaasaatiin dabaalee amantii yoo gaggeeffate cubbuu miti jedhu Luba Amantii Ortodoksii kan ta’an Luba Balaay Mokonnin.
Kitaabasaanii ‘’Kiristaanummaa fi Oromoo durii hanga ammaa’’ jedhu keessatti hariiroo aadaa fi amantii ibsaniiru.
'‘Ergaan kitaaba kiyyaas aadaa fi amantiin Oromoo walitti hin bu’u, barmaatilee duubatti hafoo yoo ta’an malee, barmaatileen duubatti hafoon ammoo aadaa miti jedha,’’ jedhan.
'‘Irreecha kabajuun kiristaanummaas ta’e islaamummaa kan balleessu miti, namni waanuma itti fakkaate raawwata. Aadaadha waan ta’eef amantii hin faallessu,’’ jechuun irreechi aadaa ganamaa ta’uu himu.
'‘Aadaa jechuun waan hawaasi tokko uumamaan qabu yookiin aadeffatee itti bulu jechuudha. Kanaafu aadaan saba tokko amantii isa hin dhowwu. Fakeenyaaf sabni tokko uffata aadaa mataasaa yoo qabaate amantiisaa hin faallessu, hanga naamusa amantichaa eegetti,’’ jechuun ibsu Luba Balaay.
Irreeffannaa jechuun Waan waaqni arjoome hundaaf galata galchuudha kan jedhan Dr. Gammachuu Magarsaa waaqaaf galata galchuun yoggayyuu jiruu fi jireenya uummata Oromoo keessa jira jedhan.
Irreechi gabaabumatti amantii Oromooti kan jedhan Dr. Gammachuu Magarsaa jiruu fi jireenya Oromoo waliin walitti hidhata jedhan.
''Hawaasni Oromoo aadaa mataasaa qaba. Amantiinsaas aadaa isaa keessa jira. keessattuu uummanni Oromoo aadaasaa seera uumamaatiin waan walqabsiisuuf irreechi dhugeeffannaa isaati,'' jedhan.
Araaraa fi qulqullina- Irreeffannaa
Dur Oromoon wayita irreechi ga'u torban tokko ykn guyyaa Segal dursee sirnoota raawatu qaba ture jedhan Dr Gammachuun.
''Torban guutuu soomee waaqaaf galata galcha. Kan wal dhabe araaramee, waliif dhiisee garaa qulqulluudhaan gara bakka waaqni qulqulleesee Malkaa deema. Irreechi iddoo qaamaa qalbiin itti qulqullaa'aniidha waan ta'eef,'' jedhan.
Namoonni mufannaa walirraa qaban hamma walitti araaramanitti iddoo tokkoti hin irreeffatan. Abbaan Gadaa bakka irreessaatti namoonni mufannaa walirraa qabdan har'uma waliif dhiisaa jedhee kan gaafatuuf kanaaf.
‘’Haaloo garaa kaawwatanii waaqa qulqulluu kadhachuun waan hin danda'amneef yookaan waliif dhiisaa yookaan ammoo keessaa nuuf ba'aa waaqa nutti hin hammeessinaatii jedhu Abbootiin Gadaa Oromoo,'' jedhan hayyuun seenaa Obbo Dirribiin.
Kanaafuu bu'aan guddaan irreechi akka hawaasummaatti qabu yoo xiqqaate Oromoon waggaatti yeroo lama waliif araarama jechuudha jedhan.
‘’Yoo namni walitti araarame waaqnis namaaf araarama jedhee waan dhugeeffatuuf dirqama araara buusa Oromoon.’’
''Amma sanatu dhabame. Oromoon baay'inaan bakka tokkotti waan walitti ba'uuf eenyu eenyurraa mufii akka qabu baruun baay'ee rakkisaadha. Garuu nama walga'ee irreeffatuu dabaluun ammo milkaa'ina guddaadha.'' jedhan Obbo Dirribiin.
Dr Gammachuu Magarsaa uummanni Oromoo maaliif akka malkaatti ba’u, maal irraa argachuuf akka deemu akkanaan ibsan.
''Bishaanirraa lubbuu argatu. Yoo dhugan fayyummaatu argama. yoo dhiqatanimmoo ni qulqullaa'u. Malkaarraa hafuura fayyummaa, hafuura nageenyaatu argama. Tulluun ammoo lafaa oli. Waaqni raajii akkanaa uume galatoomi jedha oromoon.''