Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Oromoon Irreecha kiyya jedhee ofitti fudhachuu qaba'- Abbaa Gadaa Goobana Hoola
Ayyaanni Irreechaa kan bara 2015 Fulbaana 21 Fi 22 akka kabajamu Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo ibse.
Gumiin kuni ayyaana irreechaa bara 2015 kabajamuuf jiru ilaalchisuun Adaamaatti miidiyaaleef ibsa kenneera.
Walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo Fi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo Irreechi Finfinnee Fulbaana 21 kan Bishooftuu ammoo Fulbaana 22 akka kabajamu himan.
Irreechi Hora Finfinnee inni jalqabaa namoota miiliyoonaan lakkaa’amuun erga kabajamee booda Waggoota lamaan darban sababa koronaavaayirasiitiin lakkoofsa nama murtaa’een kabajamaa ture.
Irreechi Hora Finfinnee fi kan Harsadii baranaa daangeffama lakkoofsa hirmaattotaa malee akka kabajamu himan Abbootiin Gadaa.
Ayyaana kuni ayyaana Oromoo ta'ulleen ayyaana sabaa fi sablammootni biroos waliin kan irratti qooda fudhatan ta'uu himan Abbaan Gadaa Gujii himaniiru.
Ayyaana kanarrattis oromoon kutaa hundarraa dhufu alaabaa Abbaa Gadaatiin alatti alaabaa kamuu qabatanii dhufuun hin barbaachisu jedhan.
Ummanni Oromoo ayyaanni guddaan kuni karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka kabajamuuf namuu waan duudhaan irreechaa heeyyamu qofa qabatee akka argamu dhaaman.
Ummanni Oromoo biyya keessaa fi ala jiru hundis ayyaana Irreechaa Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamu kana irratti hirmaachuun duudhaasaa jabeessuu qaba jechuun himani.
Barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa gamasaaniin, uummata Oromoo Bakka hunda jiran baga bara haaraa fi jala bultii irreechaa geessan jedhan.
Oromoon gama adda addaa goree wal waraanaa jiru bara haaraa kanatti bara nagaa fi araarri itti uumamu nuuf haa ta’u jechuun hawwii qaban ibsan.
“Oromiyaa keessatti bara 2014 gidiraa hamaa keessa darbinee asgeenye. Ummanni keenya baga gidiraa kana keessa darbitanii bara haaraa Fi irreecha baranaa geessan” jedhan.
Guyyaa irreechaatiif haaldureen hundi xumuramee akka jiruu fi keessumaa nageenya irratti caasaa mootummaa wajjin qophii gaariin taasifamuu ibsan
“Karaa nageenyaa shakkii hin qabaatinaa. Oromoon bakka hunda jirtan koottaa irreeffadhaa. Koottaa Malkaa saaqaa. Ayyaanni ayyaana milkii siniif haa ta’u” jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
Guyyaan irreechaa guyyaa nagaa, jaalalaa fi tokkummaati kan jedhan abbootiin Gadaa kunneen, ummanni Oromoo fi warri irreecha Oromoo jaalatan hundi hirmaatanii akka kabajan waamicha godhan.
Ayyaanni Irreechaa kan Hora Finfinnee bara 2011 erga yeroo jalqabaaf deebi’ee kabajamuu eegalee amma marsaa 4ffaarra gaheera.