Irreecha: Waa'ee Abbaa Malkaa Hora Harsadii dhimmoota kunneen beektuu?

"Namni callisee Abbaa Malkaa ta'uu hin danda'u. Abbaa Malkaa ta'uun sanyiidhaan deema. Gosaan deema," jedha Foolleen Roobalee Alamaayyoo Baalchaa.

Abbaan Malkaa nama kabaja ayyaana Irreechaa keessatti gahee olaanaa qabudha.

Abbaan Malkaa ayyaanni Irreechaa gahuu isaatin dura malkaa bu'ee malakaa haxaara. Malkaa saaqes, ni eebbisa.

Guyyaa ayyaana Irreechaas abbaan malkaa hunda dursa eebbisa. Sana booda abbootiin Gadaa akkaataa duraa duuba isaaniitin eebbisanii irreeffatama.

Abbaa Malkaa Hora Harsadii…

Maanguddoon umrii waggaa 72 Obbo Taaddasaa Mul'ataa Tasammaa Abbaa Malkaa Hora Harsadiiti.

"Abbaa Malkaa ta'uu kanin danda'e akkaataa Bulloo Jiloo irraa dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeen anis akaakayyuu koo Tasammaa Siidaa irraa imaanaadhaan fudhadhe," jedhu.

"Malkaan Harsadii kan Ada'ichaati. Ada'ichi immoo jahan Galaan keessaa tokko.

Kanaaf eenyuyyuu Ada'icha dura malkaa hin bu'u, Tulluus hin bahu," jedha Foolleen Roobalee Alamaayyoo Baalchaa.

Ada'ichi gosa sadi, Handa, Dhakkuufi Iluu jedhaman qaba. Sadeen keessaas gosa Handaa Sapheeratu hangafa.

"Kumburraa ka'ee Waaqotti dabarse Waaqo Boorriitti dabarse, Boorriin Buneetti dabarse, Buneen Jilootti dabarse, Jiloon Bullootti dabarse, Bulloon Siidaatti dabarse, Siidaan Tasammaatti dabarse, Tasammaan immoo Taaddasaatti dabarse," jedha Foolleen Roobalee Alamaayyoo Baalchaa akkaataa Obbo Taaddasaa Mul'ataa abbaa malkaa Hora Harsadii itti ta'an yeroo ibsu.

Obbo Taadasaa Mul'ataa abbaan isaanii Obbo Mul'ataa Tasammaa dursanii waan du'aan boqotanif ulfaa fi bokkuu kallattiin akaakayyuu isaanirraa fudhachuun abbaa malkaa ta'an.

Haa ta'u malee abbaan malkaa Taaddasaa Mul'ataa waggaa 14 kan ta'uf bifa sirrii hin taanen malkaa irraa kaafamanii turuu isaanii Fooleen Roobalee Alamaayyoo Baalchaa hima.

Boodas abbootii gadaatti iyyatamee abbootii gadaa Meelbaatin waggaa lama baranaa malkaatti deebi'an.

Kabaja ayyaana Irreechaa…

"Irreechi yeroo dhufu si'aa fi gammachuu guddaa qaba. Irreechi kadhaadha, nagaa biyyaati, araara biyyaati, araara addunyaa maraati" kan jedhan haati malkaa Yashii Hundee waggaa waggaan ayyaana Irreechaa hawwiidhaan akka eegan himu.

Guyyaa aayyaana Irreechaas uuffata aadaa uffatanii, elemtuu, kallacha fi siinqee qabatanii malkaa akka bu'an haati malkaa himu.

"Irreechi kan koo qofa miti osoo hin taane biyyaati" kan jedhan abbaan malkaa Hora Harsadii Taaddasaa Mul'ataa ayyaanichi kan guddaafi xiqqaan itti wal kabaju akkasumas ayyaana fayyaa, jaalala fi nagaa akka ta'es himu.