Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti Oromoon Ormaa ‘Irreecha’ haala ho'aan kabajan
Keeniyaa, Kaawuntii Taanaa Rivar keessatti kan argamtu magaalaa Bangaal keessatti, festivaalli aadaa Oromoota Ormaa walitti fide 'Irreechi' haala ho’aa taheen kabajame.
Festivaalli aadaa kunis kan yeroo duraatiif qophaa’e oggaa tahu, “aadaa dagatame deebisanii ijaaruufi bakkatti deebisuuf” kan kaayyeffate tahuu kanneen qopheessan himaniiru.
Sagantaan kun maqaa Irreecha jedhu haa qabaatuyyuu malee, aadaa malkaatti bu’anii irreeffachuun kan walfakkaatu miti.
Kaaba baha Keeniyaa goginsi akkaan itti hammaatu kana keessa waqtiin kun Birraa tahuudhaa baatus, haala kabaja Irreechaa Oromiyaan walsimuun qophaa’e.
Agarsiisa aadaa kana gara caalu dargaggoota Kaawuntii Taanaa Riivartu kaka’umsa ofiitiin qopheesse.
“Oromoo Itoophiyaa keessa jiru wajjin jaalalaa fi tokkummaa qabnu agarsiisuuf qopheessine,” jedha dargaggoo Abduwahaab Abdii Allangoo.
Sirboonni artistoota Oromoo kanneen akka Hacaaluu Hundeessaa, Caalaa Bultumee, Qamar Yusuuf, Fayyisaa Furii fi kaanis asitti guddoo beekamu.
Keessattuu artistiin waggaa sadiin dura lubbuun darbe Haacaaluu Hundeessaa, dargaggoota biratti hedduu leellifama.
Hirmaattonnis xiqqaa-guddaan, dhiiraa-dubraan uffata aadaa faayamanii sagantaa kanarratti argaman. Keessattuu uffanni alaabaa ABO fi Oromiyaan faayaman daran bal'inaan mul’atu.
Hawaasni asii fageenya lafaan kiloomeetira dhibba hedduu fagaatanis, haala siyaasaa, aadaa fi sabbonummaa Oromiyaa keessa jiru dhiyeenyaan guddoo beeku.
Akka jaarroleen hawaasichaa himanitti Oromoon Ormaa lafa jireenyaa isaanii duraanii Kibba Itoophiyaa Meeggarraa ganna 500 oliin dura ka'un, daangaa cehuun Keeniyaa qubatan.
Sagantaa yeroo jalqabaaf qophaa’e kanarratti agarsiisni aadaa kanneen akka Afaan Ormaan nagaa walfuudhuu, eebba, sirba aadaa, fi kaanis miidhaginaan dhiyaatan.
“Taphachi jira, sirbatu jira, sirba Inneessee, [agarsiisa] uchumaatu jira - ibidda buusan mukaan. Aadaa tennaan ibidda ormaa hin fedhan.
Sababni Baangaalitti qopheessineefis, aadaa keenna [saboota] biraafillee agarsiisuu feena.”
Kanneen sagantaa kanarratti hirmaatan bulchiinsa Taanaa Rivar garagaraa dhiyoo fi fagoo irraa dhufan.
“Waldeenna, Maadoogoo, Burraa, Hoolaa, Garseen, haga Laamurraa kan dhufantu jira,” jedha Abduwahaab.
“Irreechi kun ka jalqabaati, kan ittaanu Bisaan Maanyaatti midhaassina,” jechuun festivaala kana itti fufuun waggaa waggaan midhaasuu akka fedhan hima.