Muuxannoo aartii qabachuun koo akkan injifadhuuf na gargaareera - Daraartuu Tasfaayee

Dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ Kamisa galgala Onkoloolessa 03, 2024 Komishinii turizimii Oromiyaatin qophaa'e irratti kan injifatte Daraartuu Tasfaaye

Madda suuraa, Visit Oromia

Shamarreen dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ Kamisa Onkoloolessa 03, galagala gaggeeffamerratti kan injifatte Daraartuu Tasfaayee, haala dorgomichaa ilaalchisee afgaaffii BBC waliin taasifterratti injifachuu isheen baay'ee gammaduu himte.

Qopheessummaa Komishinii Turizimii Oromiyaatiin, sagantaan dorgommii Bareedduu Turizimii Oromiyaa (Miss Tourism Oromia)’ bara kana yeroo 4ffaadhaf gageefamera.

Dorgommii bara 2024 kana kan injifatte Daraartuu Tasfaayee "akkan injifadhuu shakkii hin qabu ture"jetti.

Dorgomichi baay'ee camaa ture kan jettu bareedduun Oromiyaa bara 2024 filamte kun, shamarraan mimidhagoo fi kanneen kennaafi dandeettii addaa heddu qaban waliin wal dorgomaa turuushee himti.

Haata'uu malee, injifachu fi injifatamuun waanuma jiru waan ta'eef, anis sirritti waanan irratti qophaa'eef akkan injifadhu eegan ture, itti milkaa'eras jette.

"Hundumti keenyaa walumaan shaakalaa turre garuu ammuma ati xiyyeeffannoo kenniteefin bu'aa isaas argita."

Muuxannoon hojii aartiirratti qabdu kun akka isheen ofitti amanamuummaa cimsattu, yaada ishee gabaabsitee ibsachuu dandeessu, akkasumallee barreefama qopheessuufi seenessitu darbees dorgommicha irratti dhiyeessuun ittin injifattu ishee taasisera.

Daraartuun eenyu?

Dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ Kamisa galgala Onkoloolessa 03, 2024 Komishinii turizimii Oromiyaatin qophaa'e irratti darartuf wayita badhaasni birri kuma 350 kennamu.

Madda suuraa, Visit Oromia

Godina Wallagga Lixaa nannawa Yuubdotti dhalattee guddachuu kan himtu Daraartuun, sababa maatiin hojiif Oromiyaa bakka garaagaratti socho'aniif isheenillee maatii waliin bakka adda addaa jiraachuu fi miidhagina Oromiyaa akka daawwattu carraa ta'eefira.

Aadaa, dudhaa fi qabeenya Oromiyaan qabdu kana caalaatti beekee addunyatti beeksisuun ammoo hawwii ishee akka ture himte.

Barnoota ishee digrii jalqabaa Yuuniversiitii Ambotii 'Sivil Injiinaringii' dhaan, digrii lammaffaa ammoo Pirojeekt Manajimnetiidhan Kolleejjii shaggar jedhamurraa xumurteetti.

Dhabbata biyya Faransaay keessatti hojii aartiifi dookumentarii adda adda qopheessuurratti hojjataa jirti.

Dhabbatichi fiilmii, dokumentariwwaniifi hojiwwaan aartii kanneen biroo gara afaan Oromootti hiikuun hojjata.

Daraartuun achi keessa hojjachuu isheetiin hojii aartiifi dookumentarii irratti muuxannoo akka qabaattuuf ishee gargaarera.

Dorgommicha irrattis dokumentarii gababaa waa'ee Irreechaa fi Oromiyaa ilaallatu ofiisheef seenessitee qopheessuun dhiyeessite.

Dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ Kamisa galgala Onkoloolessa 03, 2024 Komishinii turizimii Oromiyaatin qophaa'e

Madda suuraa, Visit Oromia

Carraa akkamii siif argamsiisa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oromiyaa keessa bakkeewwan hawwata turizimii ta'an ani daawwachuuf hawwu heddutu jira. Carraa kanaan waa'ee biyyaakoo, qabeenya ishee hambaalee fi kuufama beekumsa ummata Oromoo caalaatti akkan beeku na taasisa.

Hojii hanga yoona hojjatamaa tureen miidhagina Oromiyaa hanga tokko nu agarsiisaniiru.

Garuu miidhaginni gola Oromiyaa kan baafamee hin mul'anne, kan addunyatti gadi baasuu barbaadu, kan kabajaa fi qaroomina ummata keenyaa agarsiisan ammallee irratti hojjatamuu barbaachisan heddutu jira.

Kana irratti hojjachuun ga'ee keenya, kan dholota kanaatis, jetti

"Akkataan nuti biyya keenya ittin ibsinuu fi beeksifnu adda adda ta'uu danda'a. Namuu akkuma kennaa isaatti akkuma beekumsaa fi karoora qabutti ibsa, namootni adda addaa haala kanaan waa'ee biyya isaaniirratti hojjachuun guddina turizimii biyyaaf ga'ee guddaa qaba."

"Sababa 'Miss Oromia' ta'eef qofa utuu hin taane waa'ee biyya koof hojjachuuf dirqaman qaba,"kan jettu Daraartuun, carraan amma argatte ammoo itti gafatamummaa dachaa akka qabaattuuf ishee gargaareera.

Hojii warri kanaan dura hojjatan irraa waan adda ta'e maal fiddee dhufuu akka dandeessu irratti Daraartuun, "anis karoora mataa koo heddun qaba, karoora koo keessa dokumeentariwwaan gaggabaabaa qopheessuu, bakkeewwaan hawata turizimii ta'anii hangaa yoonas hin beeksifamnerratti xiyyeeffattee hojjachuu fa'aa" ta'uu BBC tti himte.