Tattaaffii uffata Aadaa Oromoo sadarkaa Afrikaatti ammayyeessuuf eegale

Uffata Aadaa Oromoo

Madda suuraa, Visit Oromia

Ibsa waa'ee suuraa, Shamarran Uffata aadaa Oromoo garaagaraa uffatan

Yeroo amma uffatni aadaa Oromoo dizaayinii adda addaatin miidhagfamee hojjatamuun jalatamummaan isaa dabaleera. Keessumaa guyyaa aayyaana irreechaa duudhawwaan ayyanichaa akkuma jirutti ta’ee, addatti ammo miidhaginni dargaggootaa fi huccuu aadaa Oromoo haalan eegama. Guyyaa Irrechaa kaan garee gareen kaan ammoo dhuunfaan uffataa aadaa dizaayinii haaraan hoojatamaniin miidhaganii mul'atu.

Ogeeyyootni dizaayinii fi faashinii ammoo akka fedhii maamiltoota isaanitti bocanii hojjachuun wal dorgomaa jiru.

Irreechi bakka agarsiisa huccuu aadaa Oromoo kan aadaa fi ammayyaa bifa garaa garaan hojjatamuu ta’uun ammoo ayyaanichaaf simboo guddaa dabaleera.

Torban Irreechaa keessa huccuwwaan aadaa Oromoo bifa haaraan hojjataman ba'anii miidiyaa hawaasaa irratti beeksifamu. Dabalataanis sagantaawwaan bashannanaa adda addaa irraa eegalee hanga uffannaa guyya guyya akka ta’uuf hojiin eegalamee sadarkaan uffata aadaa Oromoo akka guddatu gumaachera.

Ogeettii Faashinaa fi Dizaayinii kan taate Firdoosaa Yusuuf Uffatni Aadaa Oromoo amma sadarkaa irreecha qofa ittin kabajamurra darbee gosa huccuu aadaa Afrikaa keessatti akka hammatamuu ta'aa jiraachuu himti.

Firdoosaan Dirre Dawatti dhalattee guddatte, yeroo dheeraf ammo biyyaa Kanaadaa jiraata turte. Amma Magaalaa Finfinneetti Dizaayinara Faashinii uffataa taatee hojjachaa jirti.

Fedhii industirii faashiniitii ijoollummaa ishee irraa kaasee qabduun Ogummaa dizaayinii fi faashinaa barattee hojjachuu eegalte.

"Biyya keessattis ta’ee alatti huccuu aadaa Oromoo haala miidhagaan hojjatamee boca gaarii qabu fi namni baay’een itti gammadee uffatu argachuun rakkisaa ture" jetti.

Isheen warra bu’ura kaa’an keessa tokko taatuus har’a dizaayinarootni huccuu aadaa Oromoo biyya keessaa fi alatti haala miidhagaa ta’een hojjachuun ga’ee isaani ba’aa jiran hedduudha.

Kun ammoo uffanni aadaa Oromoo yeroo gabaabaa keessatti biyya keessa qofa osoo hin taane akka Afrikaa fi addunyaatti akka beekamuuf carraa guddaa ta’aa jira.

'Miidhaginni uffata aadaa Oromoo addunyaa ajaa’ibsiisa'

Modeelota uffata aadaa Afrikaa Finfinneetti agarsiisanii fi Ogeettii Dizaayinara Firdoosaa Yusuuf

Madda suuraa, Firdoosaa Yusuuf

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Namni tokko hawaasa keessatti jijjiirama fiduu yoo barbaade, ofirraa eegaluu qaba'' kan jettu Firdoosan, namni kutannoo akkasii qabu tokko fakkeenya ta’uun namoota biroo kakaasuun akka danda’amu himti.

Jijjiramni gama huccuu aadaan yeroo gabaabaa keessatti dhufe gaarii ta’us, agarsiisaa fi dorgommii faashinii jabanaa keessatti akka hammatamuuf ammallee irratti hojjachuu fi beeksisuun barbaachisa.

Kana dura kaka’uumsa isheen uumteen waltajjiiwwaan idil addunyaa adda addaa keessatti dorgomtootni lammii Itoophiyaa ta'an tokko biyya xaaliyaaniitti injifachuu fi kan biraa ammoo 2ffaa ba’uun gabaafame ture.

Amma fedhii fi dinqisiifannaan lammileen biraa huccuu aadaa Oromoof qaban dabaleera. Kanaanis agarsiifni waltajjiiwwaan adda addaa irratti huccuu aadaa Oromoo arguun jalqabameera.

"Huccuun keenya akkataan uffanna isaa, baay'inni isaa , haalluu fi kuulli isaa adda adda ta'uun akka miidhaguu fi utuu irratti hojjatamee caalatti addunyaa kan aja'ibsiisudha."jetti Firdoosaan.

Ta'us akka isheen jettutti namooti bebbeekamoo fi dhiibbaa uuman uffachuun akka beeksisani fi haala nama hawwatu irratti ammallee hojjatamuu feesisa.

Kanaanis dhabbilee biyyoota Afrikaa addaa addaa agarsiisaa fi Dizaayinii irratti hojjatan waliin hojjachuuf walii galameera jetti.

Xumura waxabajjii darbee Finfinnetti waltajjiin agarsiisa huccu aadaa fi faashinii biyyota Afrikaa heddu hirmaachise qopha'era.

Waltajjii namootni bebbeekamoon akka taphattoota kubbaa miilaa fi artistootni irratti argaman kana irratti modeelotni 40 biyyoota afrikaa 18 irraa gara Itoophiyaa dhufanii hirmaatanii turan.

Agarsiifni fi waliigalteen akkasii jijjirama akkami fida?

Ogeeyyii Dizaayinarii fi moodeelistoota biyyota Afrikaa adda addaa irraa baatii Adoolessa darbee Finfinnetti agarsiisa qopheessan.

Madda suuraa, Firdoosa Yusuuf

Akkuma yeroo Irreechaa Oromoonni kumaatamaan lakkaa’aman uffannaa aadaa adda addaan miidhaganii mul’atan, waltajjiwwaan idil addunyaa adda addaa keessatti agarsiisa faashinii fi aadaatif dhiyeessuun guddina aadaa, falaasama ummatichaa, kalaqa fi faashinii huccuu Oromoo sadarkaa guddaatti baasa.

Akka Firdoosaan jettutti Dizaayinaroota biyyoota 18 waliin hojjachuuf sochiin taasifamaa jiru Uffatni aadaa Oromoo gosa Uffata Afrikaan ( Afrikan dress) keessatti ramadamuun waltajjiiwwaan gurguddaa sadarkaa Aarditti qophaa'an irratti akka dhiyaatan taasisa.

"Agarsiisni akkasii yeroo biyya keessa jiru(Itoophiyaa) isaanis dhufanii kan isaanii akka dhiyeessan, yeroo isaan sagantaa agarsiisaa uffata Afrikaa qabanis ijoolleen Oromoodhaa deemanii akka achitti agarsiisan waligalle."

Kun ammoo aadaa fi guddina aadaa sabichaa beeksisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.

Kana booda kan biyya keessatti ufftamu dabalataan kanneen gara biyyota Afrikaa deemuun agarsiisaf dhiyeessinu irratti hojjanna, inumaa Irreechi biyyota Afrikaa kanneen keessatti akka irreenfatamuuf mari’ataa jirra. Kun hariiroo faashinii fi disaayinii irratti hojjachuu qofa utuu hin taane tumsa dippiloomaatotaa fi mootummallee gaafata.

Faashiniin Ammayyaa fi Safuu Hawaasa wal faalleessaa?

Ogeeyyii Dizaayinarii fi moodeelistoota biyyota Afrikaa adda addaa irraa baatii Adoolessa darbee Finfinnetti agarsiisa qopheessan.

Madda suuraa, Firdoosa Yusuuf

Aadaan duudhaa fi safuun uummatichaa akka namoota uffata aadaa Oromoo bocanii ammayyeessaniif of eeggatan dhiibbaa godheera. Fedhiin dargaggootaa fi namoota faashinii hordofanii yeroo gara yerotti jijjiramaa adeema.

Seerri faashiniis kan namoonni beekan irraa adda goodhuun ykn kalaqa isaanii itti dabaluun akka hojjatan ajaja.

Garuu Firdoosaan uffataa aadaa hawaasichaa utuu haalluu fi dizaayinii isaa baay’ee hin jijjiriin miidhaksanii hojjachuu fi haalaa nama hawwatutti ammayeessuun akka danda’amu himti.

Tokkoffaa uffanni aadaa akkuma jirutti ta'ee, utuu aadaa haawaasa ganamaa irraa bay’ee hin jijjjirin haala salpa fi namaaf miijatuun hojjachuu yoo ta’u kan lammaffaa ammo haala faashiniin addunyaa irra gahe waliin ammayeessa, bifa nama hawwatuun, waan namoonni beekan irraa bifa addaa fi haaraa ta'een fooyyessanii hojjechuun akka danda’amu ibsiti.

"Haala sanaan adda baasanii fayyadamuun ni danda’ama yoo ta’e malee wayyaa aadaa keenyaa bakka hundatti uffachuuf miijessuu fi hawaasa biraa jaalachiisuun akkasumallee fedhii maamiltootaa yeroo yeroon faashinii jabaanaa hordofan guutuun hin danda’amu’’jetti.

Kana jechuun garuu waan safuu hawaasaa miidhuu fi qullaa deemuu jechuu akka hin taane fi taatewwaan akkasii aadaa kan miidhan malee kan fayyaadan akka hin taane kaasuun ”isa akkasii sana anuu nan morma. Ta’us miidiyaa hawaasaa irratti walitti duulurra wal gorsaa karaa walitti agarsiisaa deemuun gaaridha.”

Har’a Addunyaa irratti industiriin faashinii indaastiriiwwan gurguddoo addunyaa , kan dargaggoota hawwachuun madda bashannaa fi galii isa guddaa ta’edha.

Namootni damee sana irratti beekamtii argatan heddun sadarkaa addunyatti beekamtii fi madda galii fooyy'aa qabaachuun kanneen dhiibbaa uuman ta'an heddudha.Dizaayinaroonni faashinii, oomishtoonni fi daldaltoonni fedhii maamiltoota yeroo yeroon ammayyaa’aa deemuuf guutuuf wal dorgomaa jiru.

Kanaafuu Ogummaa fi faaya bareeda sadarkaa addunyatti guddachaa jiru kana kunuunsuu fi guddisuun ga’aa hawaasichati.