Miis Turiziim Oromiyaa babbareedduu Oromoo Odaa Shanan bakka bu'an barbaadaa jirtu

Madda suuraa, Kena Saketa
Miis Turizimii Oromiyaa ta’uuf yeroo sadii dorgomte. Dhumaa irrattis sadaffaa bahuun injifattee, Miis Turizimii Oromiyaa bara 2016 taate, shamarree Kennaa Saaqqataa.
Komishiniin Turizimii Oromiyaa mo’attoota 1-3 bahan waliin waggaa tokkoof hojjeta. Kennaan waggaa tokko goolabaa jiraattus, hojii “Turizimii reefan jalqabe” jetti.
Kaka’umsa mataasheetiin dhaabbata beeksisaa ‘Kennaakoon’ jedhamu hundeessuun hojii Oromiyaa beeksisuuf imala eegalteetti. Dhiyeenya kana ammoo ‘Barbaachashee’ magaalota Oromiyaa keessa deemaa jirti.
Eenyutu barbaadama? Eessa barbaadamti? Kaayyoosaa fi kaan dabalatee BBC’n Kennaa waliin turtii taasiseera.

Madda suuraa, Kena Saketa
‘Golgee duuba dhabadhee uffata ijoolleen sirreessaa ture’
Kennaa Saaqqataa Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamteetti dhalatte. Ogummaa Tiyaatiraatiin Yunivarsiitii Finfinnee irraa eebbifamte. Ijoollummaadhaa kaastee garuu jiruu turizimiitu hojjechuu feeti.
Tokko jettee imalashee kan eegalte ammoo yeroo barattuu waggaa afraffaa turtetti dorgommii miidhaginaa ‘Miss Tourism Oromia’ jedhamu irratti dorgomtuu ta’uudhaan.
“Dorgommii Miis Turizimii Oromiyaa si’a sadiin dorgome” kan jettu Kennaan, kan marsaa jalqabaa fi lammaffaatti akka hin milkoofne dubbatti.
“Golgee duuba dhabadhee uffata ijoolleen sirreessaa ture. Gaafan waltajjiitti bahu maqaankoo na harkaa badeen deebi’e,” jechuun waan dorgommii Miis Turizimii jalqabaa irrattishee mudate ibsiti.
“Isa lammaffaa gaafan deeme nan fooyyesse; sadarkaa [hanga] shanaffaa galeen ture. Isa sadaffaa irratti [sadarkaa] sadaffaan bahe,” kan jettu Kennaan, dorgommii marsaa sadiin hirmaatte irratti hagam turizimiidhaan hojii bu’a qabeessa hojjechuu akka dandeessu hubachuus kaasti.
“Baay’eedhuman iddoo sana [Miis Turizimii] barbaada ture,” kan jettu shamarri kun, yeroo daa’imummaashee baratttuu kutaa 1ffaa, 2ffaa turtetti, manni barnootaa ennaa cufamuuf jedhu shirrishirrii yookaan daaw’annaaf deemuun, hojiileen aartii gara garaa achirratti dhiyaatu bakka har’a geesseef akka karaa saaqeef yaadachiisti.
Yeroo biiftuun booruu ufattee qola isheetti seentu (sun set) “nan iyya” kan jettu Kennaan, daa’imummaa isheerraa kaastee uumamaaf jaalala addaa akka qadu himti.

Madda suuraa, Kena Saketa
‘Dorgommii sanatti shamaran hirmaatan hundumtuu carraa of beeksisuu qabu’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Komishiniin Turizimii Oromiyaa biyya beeksisuu, aadaa beeksisuudha; yeroo beeksistu atis of beeksista. Qaxalee taatee of baasta taanaan, keessumaa shamarran keenyaaf iddoo bareedaa; iddootti of agarsiisuu danda’anidha.
[Turizimiin Komishinii Oromiyaa] ijoollee tokkoo hanga sadii [bahan] waliin waggaa tokkoof akka ambaasaaddara isaatti itti fayyadama. Sanaan ala ijoolleen jiran [qaxalee] ta’anii jennaan dorgommii sanatti shamaran hirmaatan hundumtuu carraa ofiifi biyyasaanii beeksisuu qabu.
Komoshinii Turizimii Oromiyaa waliin waggaa guutuu hojjetta” jechuun kan dubbattu Kennaan, imalashee keessatti taateewwan hin dagatamnee akka dabarsite himti. Mudannoo isheen hin daganne keessaa tokko arjooma hawaasa Tuulamaa, Salaalee kan agarsiisudha.
Erga ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kabajameen booda Irreecha Hora Sirxii kan Salaaletti kabajamurratti argamte. Kabaja ayyaanichaatiin booda, namni hunduu gara mana nyaataa tokkotti yaa’a. Kennaanis gareeshee waliin nyaataaf gara bakkichaa deemte.
“Namni tokko hin hafu; namni Irreecha kabajuu dhufe hunduu walfaana yaa’a,” jechuun dubbatti. Erga nyaatanii boodas namni achii bahee gara tokkotti yaa’a jechuun himti Kennaan.
“Hundumtuu buna dhuga; an hin dhugu. Bunni siif haa dhufu’ jennaan ‘ani buna hin dhugu’ jedheen, ‘afaan duwwaa hin teessu’ jedhanii qodaa guddaadhaan aannan akka kennaniif yaadatti.
Ijoolleen gara saddetii ta’anis ishee arganii aannan ajajatan. “Gaafa baanu, herreegni meeqa? jenneen” kan bunaa qofatu nutti himame. Achiin gatii aannan dhuganii akka gaafatan kan kaastu Kennaan, “Hin qaanoftanii, kan aannanii kafaltanii arrabsiisuufii?’ Abaarsa [dheekkmsa] nutti fiduufii? Aannan hin gurguramu nuun jedhan.
Namichi [abbaan manaa] akkamiin kan aannanii nan kafala jettu?” jechuun ijoo dubbii akka taasisan kaasti.
Taateen kun mudannoosheen hin daganne akka ta’e kan himtu Kennaan, arjummaa hawaasichaatti akka dinqamtes dubbati.
Gama biraatiin imala turizimii keessatti yeroo isheen hin daganne jila hawaasa Oromoo Irreecha kabajuuf Keeniyaarraa dhufe waliin dabarsite haalaan akka jaalattuu fi yoomiyyuu hin daganne ta'u dubbatti Kennaan.
Anaaf Wanciin qofaasaa magaalaadha!
“Magaalaan baay’ee jaaladhe Wanciidha. Torbee lamaa ol achi keessa teenyee oliif gadi deemeerra. Har’as garuu gaafan dhaqu akka haaraatti iddoon daaw’adhudha. Achuma jiraadhu otoo jettee bakkan [jaaladhu].
''Wancii keessa iddoon hin jirre hin jiru. Haroodhuma sana naanna’ee bakki jiru, magaalaa ofdanda’e, bakka jireenyaa ofdanda’edha. Ammammoo haalli itti ijaarame, bakki jireenyaa jira. Bakki qotisaa [oyiruun] jira. Waldaan [manni amantaa] jira. Wanti hundumtuu jira,” kan jettu Kennaan, bakka hawwata turizimii daran jaalattu akka ta’es himti.
Barbaachashee: ‘Bareedduu Oromoo barbaadaa jirra’
“Isheen barbaadamtu bareedduu Oromooti. Bareedduun Oromoo kun qaxaleedha. Dubara dubbachuu dandeessu, aadaashee kan beektu, duudhaashee beektu. Akkasumas ammoo ummata Oromoo, shamarree Oromoo hundumaa fuuldura buutee dubbachuu kan dandeessuu fi kakaasuu kan dandeessudha kan barbaadaa jirru” jechuun imala barbaachashee magaalota Oromiyaa keessa deemaa jirtu ibsiti.
Karaa turizimii qofa otoo hin taane, karaa aadaa karaa duudhaa, shamaree jabduu taate tokko kan ummata Oromoo bakka buutee as baatee dubbachuu dandeessu tokko “bareedduu Oromoo barbaadaa jirra” jetti Kennaan.
Odaa Oromoo shananiin bakka buusuun “Oromiyaa hundarra naannofnee barbaadaa jirra” kan jettu shamarri kun, magaalota gara argama Odaa sanaatti dhiyaatan ammoo giddu galeeffachuun sagantaa dorgommii miidhaginaa qopheessuun shamaran hanga 3ffaatti bahan Odaa isaanii bakka bu’uun aadaa, seenaa, beekumsaa fi eenyummaa hawaasa naannawaa sanaa akka beeksisan, baasanii akka mul’isaniif kan kaayyeffate akka ta’e ibsiti.
Magaalonni shanan filatamanis Naqamte, Ambo, Baalee Roobee, Bishooftuu fi Haramaayaa yoo ta’an, dorgommichi garuu magaalota kanneenitti kan daanga’e otoo hin taane, shamaran naannawaa sanatti argaman hunda kan hirmaachisu ta’uu himti.
Odaa tokko bakka bu’uun “Shamaran [sadarkaa] tokkoo hanga sadii bahan filachaa jirra” kan jettu Kennaan, dhumarratti ijoolleen magaalota shananirraa filataman hundi walitti dhufuun Finfinneetti dorgomuun shamaran 1-3 bahan bareedduu Oromoo ta’uun akka filataman dubbatti.
Bareedduu Oromoo ta’uun odaa isaanii bakka bu’uun warreen filataman sadan “hojii hin hojjetan jechuu miti” kan jettu Kennaan, “Magaalaa isaanii irratti Odaa isaanii bakka bu’uun waggaa (tokko) guutuuf” turizimiitiidhaan hojii Oromiyaa beeksisuu akka hojjetan ibsiti.
“Magaalaalee deemnu hundumaatti bakka hawwata turizimii jiru hundumaayyuu ibsaa,” suuraaf viidiyoo fudhachuun, gara miidiyaatti baasuun akkasaan beekaman gochaa jiraachuus dubbatti.
‘Nama sadii taanee Oromiyaa waliin hin geenyu’
Akka Turizimii Ormiyaatti Miis-Turizimii “nama sadii taanee Oromiyaa waliin hin geenyu; amma garuu bakka bakka [magaalota] isaanii keenye gatii ta’eef miirri waldorgommii in jiraata.
Naannoo isaatti eenyutu irra caala qaxalee ta’a, eenyutu hawwata turizimii naannoosaa jiru beeksisuu danda’a, eenyutu [ija jabaatee] fuulduratti bahee dubbachuu danda’a?” waan jedhu barbaanna jechuun kan dubbattu Kennaan, bareedduun filataman hundi waggaa tokko guutuu Oromiyaa beeksisuu, aadaaf duudhaa, bakka hawwata turizimii naannawaa bakka bu’anii beeksisuun ofiisaaniis kan baasan ta’uu himti.
Dhuma irratti ammoo, “mo’attoota [odaalee shanan bakka bu’uun tokkoo hanga sadii bahantu] waldorgoma. Hojjechuu qabu karaalee jennu qopheessineerraaf. Deeggarsa namoota nuuf godhanis baay’ee haasofsiifnee jirra. Komishiniin Turizimii Oromiyaa [kan] akkan hojjedhuuf [akkuma ana] keessatti kaka’umsa uume hundumaa shamaran kunneen [kaka’umsa akkasii] gaafa qabaatan deeggaruu danda’a.
Akka dhaabbataatti [Kenakon Event and Promotion] garuu waan isaan hojjechuu qaban, karaa isaan irra deemuu qaban, akkamiin aadaa beeksisuu akka qaban, miidiyaalee hawaasaatti akkamiin akka dhimma bahan tarsiimoo mataa keenyaa qopheessinee jirra.
Oromiyaa [beeksisuun, mul’isuun] waggaa kana dhiphisuun keenya hin oolu” jechuun dubbatti Kennaan.

Madda suuraa, Kena Saketa
‘Edaa hammana geenyaa? Oromiyaa anuu hin beeku’
Hojii turizimii waggaa tokko guutuu Komishinii Turizimii Oromiyaa waliin hojjettee gara goolabaatti kan jirtu, Kennaan “Hojiin turizimii hojii guddaadha. Oromiyaa keessatti hojiin turizimii [akka ta’utti] hin hojjetamne.
Oromiyaa keessatti dhalannee, keessatti guddannee, irraa nyaanne, ittiin jiraannee keessumaa aadaa keenya, seenaa keenya anuu hin beeku.
Anillee bakkan hin beekne hedduun bare; bakkan hin argine baay’een arge. Ni hafa, ammayyuu humna addaa” akka barbaadu kaasti.
Carraa kutaalee Oromiyaa gara garaarra deemuu waan argatteef namoota duukaa salphaatti waliigaluun waan hundumaa gaafataa, qorataa akka deemtus himti, shamarri kun.
Imala ishee keessattis, aadaa fi jiruuf jireenya Oromoo hin beekne hedduu akka barte dinqisiifannaan dubbatti. Bakka deemtetti keessumaa namoota gurguddoo akka gaafattu kan himtu Kennaan, waan isaanirraa barteen “edaa hammana geenyaa?” jettee akka of gaafattu ishee taasisuus himti.
Aadaan kun akkamiin dhaloota har’aa waliin walsimee gara jiruf jireenyaatti jijjiiramee jiraatamuun danda’ama kan jedhu irratti hojjetamuu akka qabus dhaamti, shamarri kun.
“Dhugaa dubbachuuf an, mataan kooyyuu waanan hin beekne hedduun bare. Bakkan hin argine baay’een arge. Qabeenya hedduu qabna. Eessa jira, maaliif nu fayyada? isa jedhu irratti Turizimiin gahee guddaa waan qabuuf irratti hojjetamuu qaba” jechuun dhaamti.
‘Kankee gaafa ibsattuu fi namni biraa waa’eekee gaafa himu tokko miti’
Imala turizimii ishee irraa danqaalee turizimiiti jettee kan xiinxalte keessaa isaan hangafaa akkasiin ibsiti, shamarri kun.
Dhaabbanni turistoota daaw’achiisu “ijoollee keenyaan hin jiru” kan jettu Kennaan, sun ammoo namoota beekumsa bal’aa waa’ee aadaa, seenaa, jiruuf jireenya, beekumsaa fi falaasama hawaasa naannoo sanaa hin qabneen akka ibsamu taasiseera jechuun waan taajjabde kaasti.
“Afaan keenyaan hin jiru; nama biraat dhufee daaw’achiisa. Keessatti hin dhalanne, keessatti hin guddanne waan ta’eef seenaa dhugaa waa’ee bakka sanaa, bakka dhugaa, bara dhugaa isa sirrii ta’e ibsuu irratti [qaawwa uuma]. Innis [namni daaw’achiisu] jette jettee dhaga’eetu malee amaneetu miti.
''Kankee [sirnaan, hubannaan] gaafa ibsattuu fi namni biraa waa’eekee gaafa himu tokko miti. Kanarratti, humni dargaggootaa nu barbaachisa. Tuur oppereetaroota hedduutu nu barbaachisa.
Bakkaa bakkatti jiraachuu qabu jedheen yaada. Ati keessatti dhalattee seenaa ati beektu, bakka ati beektu ani hin beeku.
''Dhufee guyyaa tokko namni argemmoo bor nama biraa fidee gaafa haasa’u, isuma guyyaa tokko arge haasa’a” waan ta’eef danqaa turizimii jabaa ta’uu dubbatti Kennaan.
‘Haalli nageenyaa naannoo keenya keessa jiru danqaa nutti ta’aa jira’
Rakkoon biraa shamarri kun imala turizimii Oromiyaa beeksisuu keessaatti adda baste ammoo, hariiroon daaw’ataa fi namoota naannoo sana jiraatan gidduu jiru “akka waan [turistii] jireenyi irraa hafee basha’uu deemuutti yaadu.
An narraa hafee miti biyya daaw’achuu kanan olii gadi jooru; seenaa barbaacha, bakka hawwata turizimii barbaacha malee, [kanaaf] walitti dhufeenya sana sirreessuuf turizimiin maal akka ta’e, ummanni hubannaa gaarii akka qabaatuuf hojjetamuu qaba” jechuunis dhaamti.
“Turizimiin maal akka ta’e namni hundi hin beeku. Warrumti turizimii beekneyyuu [sirriitti] akka hin hojjenneef, haalli jireenyaa, haalli nageenyaa naannoo keenya keessa jiru danqaa nutti ta’aa jira. Turizimiidhaaf sun baay’ee danqaadha.
''Kanaaf, ummanni keenya waanta isa keessa, biyya isaa keessa jiru beeksifachuudhaaf jireenya tasgabbaa’aa qabaachuu qaba [waan ta’eef] isarratti osoo hojjetamee” jechuun guddina turizimiitiif nageenyii fi tasgabbiin hagam barbaachisaa akka ta’e dubbatti.

Madda suuraa, Kena Saketa
Egere ‘wantin jala sararee beeku hamma geenyu isan dhaga’e sanan jiraachuu barbaada’
“Ijoollummaa kiyyarraa kaasee hojii aadaa, seenaa beeksisuurratti baay’eedhuman keessakootii fedha qaba. Ammas kanin hojjechaa jiru sanuma. Gara fuulduraattis wantin jala sararee beeku hamma geenyu isan dhaga’e sanan jiraachuu barbaada. Isa sana galmaan gahuuf ammoo Kennaan biyya bulchuun barbaachisaadha taanaan hamma sanaatti” deemuuf qophii ta’uushee ibsiti.
Dorgommii bareedinaa kana yeroo taasistu shamaran si’atanii dhufanii galmaa’anii hirmaachuuf akka “sodaatan” kan kaastu Kennaan, “naannoo keenyatti waanti jedhamu jira; waanti sodaatamu jira” waan ta’eef sun jijjiiramuu akka qabu gorsiti.
“Shamarri cimtuu, qaxalee, kaamettii ta’uu qabdi. Dandeettii isaan keessa jiru baasuudhaaf ammoo homaa tokko otoo hin sodaatan ta’ee, maatiinis ijoollee [isaanii jajjabeessuu] qabu. Wanta nu keessa jiru as baasnee” ittiin hojjechuu qabna jechuun shamaran jajjabeessiti.
“Shamaran Oromoo aadaa gaarii qabdu; duudhaa gaarii qabdu. Isa sana fayyadamaatii dandeetti isin keessa jiru baasuudhaaf [dhama’aa] hin sodaatinaa, duubatti hin jedhinaa!” jechuunis shamaraniif dhaamteetti Kennaan.












