Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Al Hilaal Fernaandeez fudhachuuf paawundii miliyeena 100 dhiyeessuufi oduu jijjiirraa taphatattootaa biroo
Kilabni Saawudii Arabiyaa Al Hilal taphataa gameessa Maanchistar Yunaayitid kan ta'e, Buruunoo Fernaandeez fudhachuuf paawundii miliyeena 100 dhiyeessun dhagahame.
Al-Hilaal taphataa lammii Porchugaal ta'e, Fernaandeez Yunaayitid irraa bituufi oduun jedhu kan dhagahame, Yunaayitid waancaa Liigii Awurooppaa irratti Tootinhaamin erga mo'amee boodadha.
Buruunoon torbee tokko keessatti Yunaayitid keessa turuufi dhiisuu akka murteessu yeroon kennameef kan jedhutu dhagahame.
Akkuma odeeffamu Paawundii miliyeena 100n gara Al-Hilaal kan imalu yoo ta'e, torbanitti mindaansaa paawundii miliyeena 65 murameefii jira.
Kilabni Jarman Baayirmuunikis taphataa ganna 30 kan ta'e Buruunuu Fernaandeez akka barbaadutu odeeffamaa jira.
Barruun Teamtalk akka gabaasetti, Buruunoo qofa osoo hin taane, lammiin Arjentiinaa Aleyaandiroo Garnaachonis Yunaayitidii bahuuf jira.
Taphataan ganna 20 kun Maanchestar keessatti teessoo jijjiirra kaa'amuusaatti akka hin gammanne ibsaa jira. Keessumaa tapha Waancaa Liigii Awurooppaa irratti teessoo jijjiirraa irra godhamuusaatti akka gadde himeera.
Akka gabaasa Telegraphitti, bakka bu'oonni Garnaachoo egereesaarratti Maan Yunaayitid waliin dubbachuufi.
Oduu jijjiirraa biraan ammoo shaampiyoonan Pirimerliigii Ingiliz baranaa Liivarpuul kilaba Baayer Leevarkusan irraa taphataa sarara gidduu Filooriyaan Wirtz fudhachuufi.
Baayermuunikis akkasuma ijasaa taphataa kanarra kaa'atee jira. Filooriyaan garuu Baayer Muunik caala Liivarpuul galuu akka barbaadutu himama.
Baayer Muunik Filooriyaan Wirtz yoo dhabe taphataa lammii Jaappaanifi kilaba Biraayitaniif taphatu Mitoomaa fudhachuuf ija irra kaawwachuu Sky Germany gabaase.
Kilabni Evartan ammoo taphata sarara gidduu kilaba Ipsiwich ganna 21 ta'e Liyaam Deelap mallatteessisuuf haasaa eegaluutu odeeffamaa jira.
Kilabni Ispeen barana milii dhabe Riyaal Maadiriid ammoo Aleeksis Maak Alistar Liivarpuul irraa fudhachuuf fedhii agarsiisera.
Taphataan sarara gidduu Luukaa Moodiriicha amma ganna 39 guutee waan jalaa dulloomeef akkasuma ganna kana waan bahuu maluuf, Maadiriid nama amanamaa bakkasaa dhaalu barbaachaf jecha Maak Alistar irra ija kaawwate.
Jifataa cimaa dhabuun waggootaf komataamaa kan jiru Arsenaal RP Leepzing irraa jifataa ganna 21 kan ta'e Beenjaamiin Seeskoo fudhachuuf dubbii eegaluu Sky Sports Germany gabaase.
Maanchestar Yunaayitid ammoo kilaba Wolvis irraa jifataa lammii Biraaziil Maatiyaas Kuuniyaa fudhachuuf fiixerra gaheera jedhama.
Astoon Viilaan ammoo karra eegaa isaa Emiliyaanoo Maartineez dhabuuf waan deemu fakkaata. Maartineez maqaansaa kilaboota Saawudii akkasumas Maan Yunaayitid waliin ka'aa jira.
Taphataa sarara gidduu Daawuzaamtan kan ta'e Maatiyaas Fernaadees fudhachuuf kilaboonni akka Astoon Viilaa, Weest Haamfi Liids fa'aa wal-saamaa jiraachuu Football Insider gabaase.