Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Lakkoofsi taphattootaa hin hir'atu yoo ta'e leenjisummaa nan gadhiisa'- Gaardiyoolaa
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa lakkoofsi taphattoota hin hir'ifamu yoo ta'e leenjisummaarraa akka gadhiisu beeksise.
Gaardiyoolaan garee isa jalqabaa keessatti taphattootni leenjisu bay'achuurraa kan ka'e filachuufis rakkachuu dubbate.
Tapha Kibxata galgala Etihaaditti Boornimaziin 3-1n injifate irratti Kusaanoov, Maakaatee, Echeverrii, Rikoo Luwiis garee keessatti hin hammatamne.
Garee keessatti filannoo baayyee qabaachuun wanta gaarii ta'us, Gaardiyoolaan garuu garee xiqqaa qabatee hojjechuu fedha.
''Kilabichatti taphattoota baayyee hin barbaadu jedhe himeera: Taphattoota shaniif jaha bakkeetti dhiisuu hin fedhu. Isa hin barbaadu. Nan gadhiisa. Garee xiqqaa godhaa, nan tura.''
Gaardiyoolaan taphattoota garee keessaa hambisee bakkee dhaabatanii akka daawwatan gochuu ''lubbuu koof waan hin taane'' jedhe.
Ji'oota sadiifi afur dura wayita miidhamni taphttootaa isa mudatee ture haalli akka biraa akka ture himuun, erga taphattootni deebi'anii bara dhuftu akkasitti itti hin fufu jedhe.
Akka leenjisaatti taphattoota 24 leenjisaa, yeroo taphni gahu ijoollee afur, shan, jaha sababa hin taphanneef qe'eetti, Maanchisteritti dhiisuu hin danda'u. Kilabichatti himeera, kuni hin ta'u.''
Amajjii darbe Siitiin miidhama taphattootasaa mudate hordofee bittaa taphattoota haaraaf paawundii miliyoona 200 baaseera.
Ammoo Kevin Debruuna garam akka qajeelu ifa ta'uu baatus Siitiitti nagaa dhaammateera. Hegereen Jaak Gireelishis hin murtoofne.
Waayee Gireelish kan koontiraata hanga bara 2027 turu qabuu yoo gaafatamu murteen kan kilabichaati jedheera. Ammoo yeroo taphattootni hundu gaarii jiran taphattootaa 24, 25, 26 qabaachuu hin fedhuu jedhe Gaardoolaan.
''Akka carraa ta'ee yoo miidhamni hedduun mudate ammoo ijoollee akkaadaamii fayyadamna.''
Gareen Piriimiyeer Liigii tokko tapattoota hanga 25 garee jalqabaa keessatti ni qaabata.
Maanchister Siitiin marsariitiisaa gubbaatti miseensota garee jalqabaa 28 tarreesseera. Dabalataan ammoo taphattoota afur ergisaan kilaboota biroo keessa jiran qaba.
Gaardiyoolaan amma duras garee taphattoota jajjabboo 20 hin caallee qofa qabaachuu akka barbaadu ibseera.
Bira qabaan yoo ilaallu miseensonni garee Chelsii 31, kanneen ergisaan jiran ammoo 21. Biraayitaniifi Tootenhaam ammoo miseensota 29 qabu. Woolviz taphattoota 30 qaba.
Warri miseensota garee xiqqaa qaban Arsenaal taphattoota 24, Liiverpuul, Astoon Viilaa, Evertaniifi Nootingihaam Foorest 25 qabu.