'Maanchister Yuunaayitid du'uu hin qabu, oolchuu qabna' - Taphattoota Yuunaayitid

''Amma yeroon gadda deeggartoota keenyaa qooddadhudha. Waan kanaan oliitu isaaniif mala ture. Waan hundumaa yaalleerra. Garuu gahaa miti. Fuulduratti maal hojjechuu akka dandeenyu waan ilaallu taha,'' jedhe Ruuben Amoorim.

Amoorim ofumaan waan qumaara nyaatame fakkaata. Amanannaa Masan Maawonti irra godhatee Gaarnaachoo carraa dhowwate hin milkoofne.

Gaarnaachoon ''hanga xumuraaf geenyutti tapha hundarrattiyyuu jalqabumaa eegalee hiriiruun gareekoo gargaaraa ture. Dhumaaf geenyee immoo daqiiqaa 20 qofa akkan taphadhu godhe. Maaliif akka tahe hin beeku,'' jedhe.

Yaadni kun Amoorim waliin ammas walitti isa buusuun isaa waan hafu miti.

Itti dabaluun ''walumaa galatti barri kun nuuf baay'ee fokkisaadha. Xumura waancaaf geenyee mo'amne. Tapha Piriimer Liigii tokkos mo'achuu hin dandeenye. Baay'ee nama gaddisiisa'' jedhe.

Maanchister Yuunaayitid hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu dhabuu ilaalchisee Amoorim karoora lama qabna jedhe.

Kilebni akka kan keenyaa kun Shaampiyoonsi Liigiin ala tahuun ulfaataadha. Yeroo dheeraa waan qabnuuf torbanoota irras gadi teenyee mari'achuun Piriimer Liigii keessatti waan kanarra fooyya'aa tahe hojjechuuf ni yaalla jedhe.

Fuuldureekoo ilaalchisee: ''Ani yeroo hundumaa amanamummaanan isinitti dubbadha. Har'a gahumsa guddaan hin taphanne.

Morkattoota keenya caalaa baay'ee fooyyee qabna ture. Boqonnaa booda taphattoonni sarara ittisaa keenya akka fuulduratti bahanii taphatan gochuun waan dandeenyu hunda gooneerra. Har'a guyyaa keenya miti jedheen yaada'' jedhe.

Itti dabaluun waan fooyyessuu qabnu hedduu qabna jedhan leenjisaan Yunaayitiid kun.

Ruuben Amoorim jalqabuma Gaarnaachoo taa'umsa jijjiirraa irratti dhiisuun, Masan Maawontiin taphachiisuun dogogora hojjete tahuu xiinxaltoonni ni himu.

Amoorim ammoo ''walakkaa xumuraaf yeroo taphachaa turre carraa galchii guddaa argame enyutu balleesse? Gaarnaachoo mitii? Kubbi miilaa akkasidha'' jedhe.

Dhuma irratti ''Boordii fi deeggartoonni Maanchister Yuunaayitid leenjisaa nu madaalu miti jedhu taanaan ammas tahu beenyaa tokko malee gadhiisuuf qophiidha jedhe Amooriim.

Riyoo Ferdinaandi bara dhufu ji'uma jalqabaa irraa eegaluun Amoorim cimsee hin hojjetu taanaan ''tarii namni kun Maanchister Yuunaayitidiif hin madaalu ykn ammayyuu dargaggeessa muuxannoo gahaa hin qabu'' jechuu jalqabna.

Amoorim bara kana sababoota adda addaa himachuu waan darbeef bara dhufu garuu yeroo shaakalaa dheeraas waan qabuuf dhiibbaa keessa galuun isaa waan hafu miti jedhe Ferdinaandi.

Buruunoo Ferdinaandez ''ammayyuu leenjisaa sirriin hiree Maan Yuunaayitid qajeelchuu danda'u Amoorim jedheen amana jedhe.

Fernaandez yeroo lama tapha xumura waancaa Maanchister Yuunaayitid waliin gahe mo'amuun dhabeera.

Son Hingi Min, dursaan taphattoota Tootenhaam yeroo jalqabaaf kileba isaa waliin waancaa injifate. Haarii Keen erga baee dursaa taphattootaa kan tahe Son taphataa Kooriyaa Kibbaa jaqlabaa Piriimer Liigii keessatti dursaa taphattootaas tahuun waancaa injifate taheera.

Leenjisaan Tootenhaam, Anji Poostikooguluu, TNT Sport waliin turtii taasisan irratti, Injifannoon kun kileba kanaaf maal jechuu akka tahe naaf gala. Hammuma osoo waancaa hin mo'atiin waggaa dheeraa turtu, sitti dabalaa, ulfaachaa deema'' jedhan.

Maanchister Yuunaayitid irratti bara kana injifannoo %100 qaba jedhan. Bara tokkotti yeroo afur Maanchister Yuunaayitidiin mo'ataniiru.

Miira namoota kilebicha keessa jiran hundaa nan hubadha. Ba'aa kana hanga dugdakee irraa buustutti miira akkamii akka siif kennu hubachuu hin dandeessu.

Hammuma ba'ichi isrra ture sitti ulfaataa deema'' kan jedhan Poostikooguluun Tootenhaam waancaa injifachuuf waggaa 17 eeguu isaa ibsan.

Taphattoota ol adeemoo tahan hedduu qabna. Injifannoon kun miira akkamii akka isaaniif kennu erga hubatanii booda maal gochuu akka qaban hubatu jedhan.

Carraa dursuu yoo arganne akkamiin akka Maanchisteriin dhaabnu irratti karoora qabna ture. Innis haala gaariin nuuf hojjeteera jedhan.

''Yeroo hundumaa waggaa lamaffaakotti waancaa nan injifadha'' jedhanii ji'a Fulbaanaa darbe keessa dubbatanii ture.

''Namoonni karaa sirrii na hin hubanne. Of tuuluuf miti. Labsee akka taphattoonnikoo amanan gochuuf malee. Waan kun isa kaan kamiyyuu caalaa keessakoo guutee ture'' jedhan.

Sadarkaa sadaffaan xumuruun kileba kana waan fayyadu tokkoyyuu hin qabu. Waancaa mo'achuutu isaan fayyada. Kun fedhakoo isa guddaa ture. Amma waan milkeessineef gammadeera,'' jedhan leenjisaan Tootenhaam.

Tootenhaam waancaa dorgommiiwwan Awurooppaa erga injifatee waggaa 40 darbeera.

''Dargaggoota kanatti waa'ee waancaa injifachuu miira inni qabus itti himuu dandeessa. Garuu ofii isaanii injifatanii miira isaa beekuu kan caalu hin jiru. Garee kana irratti bu'uura cimaa ijaaruun barbaada. Amma gaaricha bahaniiru. Waggoota dheeraaf garee injifachuu danda'u cimaa ijaaruu barbaada jedhan.

Poostikooguluu Tootenhaam gadhiisuu danda'u jedhamanis ammatti hojii na hafu jira jechuu malee gadhiisuu isanaii waan akeeku hin dubbanne.

Maanchisteriif kun xumura bara dorgommii fokkisaa tahedha jedhe Ferdinaandi. Kubba tokko qofa karra eega airratti yaaltee waancaa injifachuuf yaaluun waan hin taanedha jedhe.