Mohaammad Saalaa tapha Biraayitan irratti akkamiin rikardii galchii hedduu lakkoofsisuu dhabe?

Mohaammad Saalaa baay'ina galchii fi kubba galchiif mijeessee kennuun bara dorgommii Piriimer Liigii tokkotti rikardii cabsuuf xiqqumatu isa hafa ture.

Tapha 400ffaa Liiverpuuliif taasisee Biraayitaniin 3-2 mo'aman irratti yoo xiqqaate rikardii kana dura qabame qixxaachuun gammachuu isaa ibsachuuf ture.

Koodii Gaakpoo kubba xumuree akka Saalaan lakkoofsisuuf kenneef gaafa dhabu deeggartoota miti inni mataan isaa amanuu hin dandeenye.

Namuu hubachuu hin dandeenye. Karra qullaa namni keessa hin jirre irratti galchii lakkoofsisuu dadhabe.

Inniyyuu ofitti kolfe. Ji'a lama dura baay'ina galchii piriimer Liigii cabsuu isaati jedhamee eegamaa ture. Gahumsa dhuunfaa bara dorgommii tokkotti agarsiise rikardiin goolaba jedhamee eegame.

Saawuzhampitan irratti galchii lama yeroo lakkoofsise baay'ina galchii isaa 27 gahe. Kubba galchii tahan biroo 17 keessattis hirmaateera.

Kun taphoota Piriimer Liigii 29 irratti qofa. Taphoonni 9 yeroo hafan rikardii kana cabsuu isaati jedhamee eegamaa ture.

Galchii fi kubba mijeessee kennu sadii qofatu isa hafa ture rikardii Alan Shirer fi Andiriw Kool galmeessaniin qixxaachuuf.

Kubba mijeessanii kennuun ammoo bara dorgommii tokkotti rikardii kubba 20 Teerii Heenerii fi Keevin De Biruun qabatanii ture cabsuuf kubba sadii qofatu isa hafa ture.

Haa tahu malee, ergasii taphoota saddet irratti galchii tokkoo fi kubba galchii taate tokko mijeessee kenne.

Leenjisaan Liiverpuul ''yeroo kubbi gara Mohaammad Saalaa deemaa jirtu argu, amma galchuu isaati. Mo carraa gaarii akkasii argannaan ni lakkoofsisa jedhee shakkiiyyuu hin qabu ture,'' jedhe.

''Bara dorgommii kana Mo adduma ture. Yeroo tokko tokko jira yeroon akkuma nama kaanii taatu. Taphoota lama sadii irratti osoo hin galchiin bahuun isaa yeroo jalqabaaf miti.''

''Waan gaariin tokko garuu waan akkasii kun darbee darbee qofa ni mudata. Yoo akkas tahe tapha sadaffaa ykn arfaffaa itti aanan irratti ni galcha.''

Erga Liiverpuuliin shaampiyonaa taasisee Saalaan ''baay'ina galchii fi kubba mijeessee galchiif kennuu rikardii nan cabsa jedheen abdadha. Waan kanatu akkan jabaadhee hojjedhu na gochaa jira'' jedhe.

Ammas tapha dhumaa Kiristaal Paalaas waliin Anfiilditti qaban irratti rikardii kana hin cabsu jechuu hin dandeenyu. Milkeessuuf carraa guddaa qaba.

Saalaan yeroo jalqabaaf dursaa taphattootaa Liiverpuul tahuun tapha Biraayitan irratti dhiyaate. Bara kana galchii Piriimer Liigii 28 Aleeksaander Isaak caaluun tokkoffaa irra jira.

Waan hundaafuu badhaasa kophee warqii bara kanaa ni mo'ata.

Akka Awurooppaattis galchii waliigalaa hedduu lakkoofsisuun mo'achuu danda'a.

Amma akka Awurooppaatti dursaa kan jiru galchii 39'n taphataa Ispoortiingi Liisban Viiktar Jookeresidha.

Tapha tokkotu Saalaa fi Imbaappee hafa. Saalaan galchii lama lakkoofsifnaan sadarkaa tokkoffaa qabachuu isaati. Imbaappeenis carraa guddaa qaba.

Badhaasni Kophee Warqii akka Awurooppaatti kennamu bara 1967-68 kan jalqabe yoo tahu, ciminni liigichaas ilaalamuun kennama.

Bara 1967 seericha jijjiiruun taphataa liigii ciccimaa keessaa galchii hedduu lakkoofsiseef qofa kennama ture.

Mohaammad Saalaan erga bara 2017 Roomaa irraa Liiverpuul galee galchii 244 fi kubba galchii tahan 110 irratti hirmaateera.