MM Awustiraaliyaa umurii 60 erga naqatanii booda 'jaalalli waan bareedaadha' jedhan

Antooniy Albaanees fi jaalalleessanii

Madda suuraa, ANTHONY ALBANESE

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antooniy Albaanees jaalalleesaanii baroota afurii Joodii Haaydoon naqatan (qubeelaa kaahaniif).

Ministirri Muummee kun guyyaa jaalalleewwanii (vaalintaayins deey)tti iddoo bashannanaa (loojiitti) qubeelaa adda ta'ee qophaaye jalaalalleesaanii kanaaf kennan.

Alabanees nama ganna 60 yoo ta'an, jaalalleensaanii ammoo dubartii umrii 45ti.

Lameen kana walbaran affeeraa hirbaataa hojii wajjin walqabatee bara 2020tti magaalaa Meelbaranitti qophaayee ture irrattidha.

Ministirri Muummee kun osoo aangoo kanarra jiranii nama yeroo duraaf fuudhaaf naqataniidha.

Alabanees fuudhaaf naqachuusaanii akkuma nama kaanii miidiyaa hawaasaa gubbaatti suura ofee kaa;an barreefama ''tole naan jette'' jedhu waliin maxxansuun beeksisan.

''Oduu kana yeroo ibsinu gammachuu waliini, umrii keenya hafe waliin dabarsuuf jirra. Wal argachuu keenyaan abbootii carraadha'' jedhan lameen ibsa kennaniin.

Miseensonni paarlaamaa, hoogganaan Niiw Ziilaand Kiristoofeer Luuzoonfi michootni isaanii kaaniis baga gammaddan ittiin jedhaniiru.

''Jaalalli waan bareedaadha. Lamaan keessaniif gammadeera'' jedhan Ministirri Haajaa Alaa biyyattii Peeniiy Woong.

Ministirri Muummee kun haadha warraasaanii duraanii Ministira duraanii Kibba Weelsi kan turan Karmeel Teebuut irraa ilma waggaa 23 qabu. Gaa'ila isaanii san kan diigan bara 2019 ture.

Hogganaan Leebar Paartii kun gaa'illisanaii erga diigamee waggaa booda jaalalleesaanii haaraa kana waliin kan walbaraniifi kan walitti dhiyaatan sababa Garee Liigii Biyyaalessaa Raagbii, lameenuu jaalataniiti.

Qondaalli mootummaa kun bara 2020 tti wayita tapha raagbiirratti dubbii godhan namni garee Kibba Siidnii Raabbitohs deeggaru mana kana keessa jiraa jedhanii yoo gaafatan, Haaydoon as jirra, Up the Rabbitohs'' jechuun jalaa qabde.

Yeroo jalqabaa jalaalleewwan lameen jaalala isaanii ifa osoo hin baasiin turan. Ifa kan bahae bara 2022 wayita Haaydoon duula filmaataa Albanees deeggartudha.