Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weerara dhibee busaa mudateen Hospitaala Beegiitti qofa 'lubbuun namoota 29 darbe'
Yeroo ammaa aanaalee Oromiyaa 117 keessatti weerarri busaa kan mudate yoo ta'u, Hospitaala Beegiitti qofa ammoo lubbuun namoota 29 galaafachuun himame.
Weerarri dhibee busaa kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti mudate kun, Godinaalee Qeellem Wallaggaafi Wallagga Lixaa keessatti yaaddoo cimaa ta’eera.
Godina Wallagga Lixaatti kan argamtu aanaa Beegiitti weerarichi daran hammaachuun hanga Kamisaatti lubbuun namoota 29 sababa kanaan darbeera.
Meedikaal Daayireektarri Hospitaala Beegii Dr. Birmaduu Mokonnin BBCtti akka himanitti, weerarri dhibee busaa kun ji’a Adoolessaa irraa eegaluun guyyaa guyyaadhaan lakkoofsi dhukkubsattootaa dabalaa dhufeera jedhan.
“Lakkoofsi kun olka’aa adeemaa jira. Ji’oota muraasa darban keessatti qorannoo dhibee busaa namoota 6,000 taasisne keessaa walakkaa kan tahan irratti dhibeen busaa argameera. Hanga [ammaatti] namootni 29 lubbuun darbeera,” jedhan.
Du’aatiin kun mudachuu kan danda’eefis namootni lafa fagoorraa dhufan erga dhukkubichi itti hammaatee haala hamaa keessa seenaniin booda hospitaala dhufaa waan jiraniifidha jedhan.
“Gandoota baadiyyaa fageenyarra jiran naannoo waggaa lamaa asi buufataaleen fayyaa sababa rakkoo naageenyaan hojjechaa hin jiran.
Hospitala yeroo dhufanitti haala hammaataa hir’ina dhiigaa ulfaataafi somba isaaniirratti rakkoo cimaan erga uumamee booda,” jedhan.
Hospitaalichatti yeroo ammaa dhukkubsattootni dhibee busaa 40 tahan ciisanii wal’aanamaa jiraatanis, rakkoon hanqina dhiigaafi qorichaa ammas yaaddoo jabaa hospitaalicha mudataa jiru ta’uu eeran.
“Hospitaala keenyaf dhiigni argamaa hin jiru. Qorichi busaa lilmoodhaan kennamu amma tokkoyyuu hospitaala keenya hin jiru, dhumeera. Ji’a kana lilmoo 300 qofa Asoosaa irraa arganne. Ishee nama muraasa ittiin yaallee dhumeera,” jedhan.
Kana malees, hospitaalichi rakkoo ibsaafi Oksijiiniis waan qabuuf, baayyina dhukkubsattoota busaa gara hospitaalichaa dhufuu dabalaa jiru waliin haalli humnaa olii mudachuu mala jechuunis yaaddoo qaban himan.
Weerara busaa lubbuu namaa galaafachaa jiru kana too’achuuf qaamni dhimmi ilaallatu rakkoo kenna yaala dhukkubsattoota dhibee busaa kan ta’e hanqina dhiigaafi qorichaa hataattamaan akka qaqqabsiisuufis gaafatan Dr. Birmaduun.
Biiroo Fayyaa Oromiyaatti dursaa garee dhabamsiisa dhibee busaa kan tahan Obbo Jawaar Qaasim, du’aatiin naaamoota 29 Hospitaala Beegiitti Muudate kana ‘nuti gabaasa isaa hin qabnu’ jedhan.
“Sababa dhibee busaatiin hospitaala tokko keessatti lubbuun namoota 29 darbe kan jedhu gabaasa akkasii hin qabnu. Yeroo ammaa kana dhibeewwan biraa kan akka Kooleeraafi gifiraas ni jiru. Qorannoodhaan dhuguma busaadhamoo kan biraati kan jedhu adda bahuu qaba,” jedhan.
Isaan hanga ammaatti sadarkaa Oromiyaatti nama dhibee busaatiin du’e hagana kan jedhu ragaa qindaa’e hin qabnu jedhu.
Ta’us weerarri dhibee busaa kun godinaalee Oromiyaa 16, magaalota 7 fi aanaalee 117 keessatti weeraraan mul’achaa jiraachuu himu.
Yeroo ammaa akka Oromiyaatti namoota dhibee busaatiin qabaman keessaa godinaaleen Wallagga Lixaafi Qeellem Wallaggaa ammoo harka walakkaa ol qooddatu jedhan.
Hanqinni dhiigaafi qorichaa iddoowwan weerarri dhibee busaa mul’atetti mudachaa jiru dhugaa ta’uufi rakkoo kana furuuf dhaabbilee gurguddoo idil-addunyaas deeggarsa gaafachaa jiraachuu eeran Obbo Jawaar.
“Baay’inni namoota dhibee busaatiin ciisanii yaalamaniifi qoricha barbaadanii heddummachuu irraa kan ka’e hanqinni qoricha lilmoon kennamuu mudateera. Dhaabbilee akka WHO waliin ta’uun qorichicha dhiheessuuf yaalamaa jira, garuu weerarichi aanaa tokko miti aanaa 117,” jedhan.
Akka isaan jedhanitti, iddoowwaan weerarri dhibee busaa mudachuu dandaha jedhamee dursamee yaadamutti golgaan sireefi biiffaan keemikaalaa raawwatamulleen sadarkaa yaadameen dhukkubichi hin too’atamne.
Busaan maali, akkamiin ofirraa ittisna?
Busaan dhukkubaa lubbuu namaaf yaaddessaa ta'e gosa paaraasaayitii afuriin nama qabatudha. Isaanis P. falciparum, P. malariae, P. ovale and P. vivax jedhamu.
Paaraasaayitoonni kunneen bookee busaa dhaltuu faalamteen namarraa namatti darbu. Dhukkubichi yaalamuus irraa fayyuunis ni danda'ama.
Malli ittiin dhibee busaa ofirraa ittisan beekamoon lamatu jiru.
- Saaphana siree (insecticide-treated mosquito nets (ITN)) fi
- dawaa farra dhibee busaa (indoor residual spraying (IRS)) - isaan yeroo baayyee itti dhimma baanuudha.
Saaphana siree godhachuun qaamni keenya si'oominaan akka bookee busaa ofirraa ittisuu fi qorichi farra ilbiisotaa saaphanni kun cuuphame akka gaachanaa ta'ee dhibee busaa akka nurraa ittisuuf gargaara.
Dawaa farra ilbiisotaa biifuun ammoo bookeen busaa mana keenyaa akka dhabamtu taasisa, kan biifamu waggaatti tokko ykn lama ta'uu danda'a.
Gama kaaniin imaltoonni, dubartoonni ulfaa fi daa'imman dawaa farra dhibee busaa fudhachuuun ofirraa ittisuu ni danda'u.
Dhibee busaa wal'aansaan irraa fayyuun ni danda'ama.
Mallattoolee dhibee busaa daqiiqaa 30 keessatti qorachuun adda baasuun ni danda'ama.
Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti qorannaan fayyaa fi wal'aansa duraa dhibee busaarraa fayyuu, du'aatii sababa kanaan dhufu hanqisuu fi tatamsa'ina dhibee busaa hir'isuuf ni fayyada.
Yaaliin dansaan dhibee busaa irratti hanga yoonaa jiru, keessatti gosa 'P. falciparum malaria', 'artemisinin-based combination therapy (ACT)' jedhamuun beekama.