Magaalaa Shaggariifi godinaalee Oromiyaa shan keessatti weerarri koleeraa mudate

    • Barreessaa, Zalaalam Taaddasaa Duuressaa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist

Dhukkubni Koleeraa godinaalee Oromiyaa shaniifi magaalaa Shaggar keessatti argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa hime.

Dhukkubni daddarbaa fi lubbuu namootaa galaafachuun beekamu kun naannichatti godinaalee Baalee lamaan, Gujii, Arsiifi magaalaa Shaggar keessatti argamuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Itti aanaa Hogganaa fi garee hoggansa balaa fayyaa hawaasaa Dr Tasfaayee Kabbabaa BBC'tti himaniiru.

Magaalaa Shaggar keessaa namoonni 56 tahan dhiyeenya qabamuun akka yaalamaa turan kan himan Dr Tasfaayeen, godinaalee kaan keessattis namoonni tibbana qabaman yaaliirra akka jiran himan.

Magaalaa Shaggar bakka addaa Xabala Mikaa'ela Shunquruu jedhamutti namoota qabaman 56 keessaa namoonni du’an akka jiran kan himan Dr Tasfaayeen, lakkoofsa isaa manneen yaalaa irraa adda baasuu barbaachisa jedhan.

Xaballi kun naannoo magaalaa Sulultaatti akka argamu himanii, abbootii amantaa waliin mari’achuun bakka xabalichaas cufuun dhibicha to'achuu ibsan.

Dabalataan miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, naannoo Ummattoota Kibbaa aanaalee 43 keessatti dhibeen Koleeraa kun mudachuun lubbuu namoota 60 galaafateera.

FBC’n Daariktera Olaanaa Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa naannichaa Obbo Maammush Huseen wabeeffachuun akka gabaasetti, dhibee kanaan namoonni 60 tahan du’aniiru.

Dabalataan namoonni kumni 5,244 dhibichaan qabamuu himuun giddugalli yaalaa 56 hundaa'uun namoonni kuma 5,083 yaalii argataniiru.

Dr Tasfaayeen namoonni dhibee kanaan naannoo Oromiyaa keessaa qabaman kaan fayyanii amma lakkoofsi isaanii akka xiqqaataa jiru himuun namoonni yaalamaa jiranis gara 30 akka tahan himan.

Dhibeen koleeraa namoota muraasa irrattiyyuu yoo argame weerara jedhamee akka waamamu himu oggeessoonni fayyaa.

Dhibbeen kunis tokkicha yoo jiraachunsaa mirkanaa'e, guyyaa 40 hordofuun, jiraachuufi jiraachu baachuunsaa adda baasuuf akka gabaafamu kan himan Dr Tasfaayeen, ''nama tokko irrattiyuu yoo argamee hanga guyyaa 40 guututti yoo namni qabame hin jiraanne qofa zeeroo jenna'' jedhan.

Hordoftoonni amataa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa akkaataa amantaa isaaniitti bishaan xabalaa [bishaan qulqulluu] fayyadamu.

Haata'u malee Dr Tasfaayeen, namoonni hedduun bakka tokkoo xabala kana fudhachuun isaanii namoonni baay’een dhibee kanaaf akka saaxilaman taasisa jedhan.

Koleeraa hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu fi mana fincaanii qulqulluu akka dhufu himan.

Dabalataanis, namoonni tokko tokkoo kan xabala yoo dhugan haqqee fi garaa kaasaan isaan qabuutti, ilalcha ''xabalichi na fayyisaa jira’’ jedhuun gara mana yaalaa kan hin deemne akka jiranis himaniiru.

Bakka manneen fincaanii hin jirreetti namoonni bakkeetti yoo bobba’an, yeroo roobaa kanatti lolaadhaan gara bishaaniitti waan makamuuf dhibee kana fiduu akka danda’anis himaniiru.

Biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti sababa goginsa waggootaaf mudateenis akka lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii akka dabalu taasiseera.

Itoophiyaatti dhibeewwan daddarboo %60 hanga %80 tahan sababa hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu, qulqullina ofii eeggachuu dhabuufi balfa akka malee maqsuun akka dhufu Unicef gabaaseera.

Itoophiyaatti waraana fi walitti bu’insa biyyattii keessa jiruu fi tureen akkasumas goginsi kutaalee biyyattii gara kibbaa keessatti mudate sababa guddaa akka tahes Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibseera.

Uummanni tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatuu i mana fincaanii fayyadamaniif mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Fayyaa Adunyaafi dhaabbilee fayyaa biroo waliin hojjechaa jiraachuu himan.

Koleeraan dhukkuba daddarbaa sababa nyaata ykn bishaan baakteeriyaa 'Vaaybiriyoo Koleeraa' jedhamuun faalameen kan dhufudha.

Bakka balfi jiruu fi namoonni baay'inaan jiraatanitti, koleeraan salphaatti tamsa'uu danda'a.

Dhukkubni daddarbaan kun bishaan ashaboo rakasa ta'een kan wal'aanamufi namoonni yoo bishaan qulqulluufi mana fincaanii gaarii qabaatan salphaatti baduu kan danda'udha.

Garuu adduunyaarratti namoonni biiliyoona 2 ta'an tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu kan hin qabne fi balaa Koleeraaf kan saaxilaman ta'uu ragaan Dhaabbata Fayyaa Adduunyaa ni hima.

Dhibee koleeraa biyyoota Sahaaraa gadii keessatti hammaata. Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Adunyaatti, Afrikaa irraa erga Amajjii 2023 hanga ji’a Bitootessa darbeetti namoonni 217 186 tahan dhibichaan qabamaniiru.

Isaan keessaa namoonni 4,000 ol lubbuu dhabuu ibsuun, dhibeen kun Maalaawwii, Somaaliyaa, Kaameeruun, Itoophiyaa, Moozaambik, Sudaan Kibbaa fa'i keessatti argamuu ibse.