Itoophiyaatti weerarri dhibee koleeraa namoota 37 galaafate

Itoophiyaatti weerara dhibee koleeraatiin namoonni 37 du'uu Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa Bitootessa 16 baasen weerarri dhibee koleeraa addumatti naannoo Oromiyaafi Somaaletti mudachuun lubbuu namootaa gaaga'uu beeksise.

Weerarri koleeraa kun naannolee kanneen lamaanitti ALI bara 2014 ji'a Hagayyatii kaasee hanga Guraandhala 20, 2023'tti namoonni 1,541 dhibichaan qabamuutu ibsame.

Kanneen dhibichaan qabaman keessaa gara caalu jechuunis 1,306 Naannoo Oromiyaa irraati.

Naannoleen lamaanuu hongee Gaanfa Afrikaatti waggoota 40 keessatti isa hamaadha jedhameen hubamaniiru.

Kanneen dhibichaan du'an 37 keessaa namoonni 20 naannoo Oromiyaarra yoo ta'u 17 ammoo naannoo Somaalerraa akka ta'e eera ibsi kun.

Naannoolee lamaan keessatti dhibeen koleeraa walumaagalatti namoota 1,055 irratti argamuu fi 28 kan ta'an galaafachuu baatii Amajjii keessa UN himee ture.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas godinaalee sadii keessatti mudatuu mirkaneessee ture.

Akka ibsa Inistitiyuutii Fayyaatti Nannoo Oromiyaa keessaa godinaaleen akka Baalee, Gujii, Arsii Lixaafi Baale Bahaa akkasumas Naannoo Somaalee Godina Liibanitti mudate.

Dhibeewwan hongee waliin walqabatee mudachuu malan keessaa tokko Koleeraadha.

Dhihoo ogeeyyiin fayyaa tajaajila kennuuf gara Godina Booranaa imalan roobni tibbana roobe yoo itti fufe dhibeewwan akka garaa kaasaa babal'achuu danda'a jedhaniiru.

Koleeraa: Sababaafi mallattoo

Koleeraan baakteeriyaa vibiroo koleeraa jedhamuun dhufu yoo ta'u, yeroo baay'ee nyaata yookiin bishaan faalameen akka darbu ogeeyyiin himu.

Kana malees hanqina qulqullina dhunfaa fi naannoo mana fincaanitiin alatti qulqullaa'uu, akkasumas mana fincaaniitti haalaan fayyadamu dhabuu akka ta'e, ragaan Inistitiyutii Fayyaa Ummata Itoophiyaa ni mul'isa.

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti koleeraan ammallee yaaddoo fayyaa hawaasaa ta'ee itti fufee jira.

Namoonni 21,000 hanga 143,000 ta'anis sababuma dhukkuba kanaan lubbuun isaanii darba jedha dhaabbatichi.

Sababoota dhukkuba kanaa ijoo:

  • Nyaata fi bishaan faalame
  • Harka sirriitti osoo hin dhiiqatiin soorachuu, nyaata bilcheessu
  • Soorata vaayirasii dhukkubichaan faalame soorachuu
  • Nama koleeraan qabame eeggannoo malee quunnamuu
  • Hir'ina ykn dhabamuu asiidii hypochlorhydria yookiin achlorhydria' kan garaa keenya keessatti argamu.

Mallattoo:

  • Hoqqisiisuu
  • Gogiinsa garaa
  • Of wallaaluu