Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan dhibee busaa balleessuuf hangam dhiyaatteetti?
Itoophiyaatti dhibeen busaa qorichatti madaqe dhalachuu hanga ammaa ragaan agarsiisu akka hinjirre qondaalli Ministeera Fayyaa Itoophiyaa tokko BBCtti himan.
Itoophiyaa keessa qorichoonni busaa hagam humna fayyisuu qabu kan jedhurratti waggaa lama lamaan qorannoon kan adeemsifamu ta'uufi gosti busaa qoricha kanatti madaqe akka hin jirre Ministeerichatti qindeessaan duula biyyaalessaa busaa balleessuu obbo Mabraahatoom Haayila himan.
Gidduugala qorannoo Armaawar Haansen keessatti Busaarratti qorannoo kan gaggeessan Dr Fitsum Girmaa gama isaaniin, Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta'uun bu'a qabeessummaa qoricha busaarratti qo'annoo gaggeessaa jirra jedhan.
Hanga ammaa busaan qorichatti madaqe qorannoo isaaniin argamuu baatus, paaraasaayitiin qoricha dandamatu jiraachuu fi dhiisuu adda baasuuf qorannoon wayyoo qabu gaggeeffamuu qaba jedhaniiru.
Paaraasaayitiin busaa qorichaan walbare Eeshiyaa keessatti biyyoota Taayilaandiifi Kaamboodiyaa; Afrikaatti ammoo Ruwaandaa keessatti dhalachuun beekameera.
Erga bara 2000 eegalee sadarkaa addunyaatti weerarri dhibee busaa hir'isee tureera.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) bara 2019 gabaasa baaseen biyyoota addunyaa weerarri dhibee busaa keessatti laaffataa dhufe afur keessaa tokko Itoophiyaadha.
Itoophiyaa keessatti weerarri kun kan mudatu ji'oota roobaan walqabatee Fulbaanaa hanga Muddee ji'oota jiran keessatti ta'uu obbo Mabrahaatoom Haayiley himaniiru.
Weerarri kun ji'oota Eblaa fi Caamsaa keessas ni mudata jedhaniru.
Haata'uutii haala amma jiruun dhibeen kun bifa weeraraan ni dhalata sodaan jedhu guutummaan guutuutti hin jirus jedhan.
Milkaahinni akkasii kan argame ji'oota weerarri kun itti mudatu bu'uura godhachuun hojii ofirraa ittisaa hojjetameefi tarsimoo busaa balleessuun hojii waggoota 15 darbaniif hojjetamee jedhan.
Haala amma jiruun Itoophiyaa keessatti waggaa 10 dura waggaatti namni dhibee busaan qabame hanga miiliyoona shanii gabaafamaa kan ture ta'uufi erga bara 2011 miiliyoona tokko gadi ta'uullee dubbatan.
Bara 2012 sababa roobaa fi lolaa cimaan lakkoofsi dhukkubsattootaa dabalus bara 2013 hir'isaa akka jirus dabalanii ibsaniiru.
Uummata Itoophiyaa keessa dhibbeentaan 52 haala dhibee busaaf isaan saaxilu keessa jiraatu.
Naannolee dhibeen busaa itti hammaatu keessaa ammoo Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuz adda dureedha.
Waa'ee busaa keessaa muraasa:
- Paaraasaayitiiwwan Pilaasimoodiyeem jedhaman afuriin dhibee daddarbuufi du'aaf kan nama saaxiluudha.
- Isaanis Plasmodium falciparum, Plasmodium malariae, Plasmodium vivax fi Plasmodium ovale jedhamu
- Bookee dhaltuu paaraasaayiticha baattun yoo iddamtan busaan qabamtu.
- Dhibee kana ittisuunis ta'e waldhaanuun ni danda'ama