‘Itoophiyaatti namoonni mil. 4 ol qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru’-UN

Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 4 ol ta’an biyya keessatti bakka jireenyaa isaanii irraa buqqaafamuu dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Baqattootaa gabaasa haar’aa baaseen ibse.

Dhaabbatichi xinxala naannoolee biyyattii hunda keessatti taasiseen akka hubatetti, lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 4.38 ta’an biyya keessatti bakka jireenyaasaaniirraa buqqaamanii akka jiran hime.

Sababiiwwan namoonni kunneen akka bakka jireenyaasaaniirraa buqqa’an taasisuun eeraman keessaa walitti bu’insii isa guddaa yoo ta’u, ongeefi muddamni hawaasa garaa garaa mudatus eerameera.

Gabaasni buqqaatoota biyyaaleessaa dhaabbanni UN kun baasee kunis kan baatii Sadaasaa – Waxabajjii darbee jiru kan hamate yoo ta’u, naannoo Tigraay kan wagga lamaaf waraanaa keessa tures gabaasichaan hammatameera.

Baroota lamaan darbe keessa waraanaa hamaa naannoo Tigraayitti gaggeeffame dabalatee naannoolee biyyattii adda addaa keessatti walitti bu’insi gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, sababii kanaatinis namoonni hedduun bakka jireenyaasaaniirraa buqqaafamaniiru.

Buqqaatoota miiliyoona 4 ol ta’an kanneen keessaa parsantaa 66 kan ta’an kan buqqaafaman sababii walitti bu’insaan kan mudate ta’uu gabaasichi eereera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Dhimmoota Namoomaa akka jedheetti, naannoolee naannichaa keessatti kanneen sababii walitti bu’insaatiin buqqaafaman keessaa lakkoofsi irra caalaa naannoo Tigraayiitti argamu.

Walitti bu’insaachaan alattis ongeen walitti fufiinsaan waggootaaf naannoolee biyyattii garaa garaa keessatti mudate hedduun buqqaafamuuf madda kan ta’e yoo ta’u, haala kanaanis naannoo Somaaleetti buqqaatoonni hedduun kan argaman ta’uu kaaseera.

Kana malees, buqqaatoota Itoophiyaatti argamaniin alatti, lammiileen Itoophiyaa rakkoolee garaa garaatiif saaxilamtoota ta’an miiliyoonni 20 deeggarsi nyaataa akka isaan barbaachisu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kana dura kan beeksiise yoo ta’u, kanaafis doollaarri biiliyoona afur akka isa barbaachisu himeera.

Waraanni naannoo Tigraay buqqaatii ummata hedduuf sababii ta’e waliigaltee nagaa Sadaasa darbe taasifameen kan dhaabbate yoo ta’u, hojiin buqqaatoota gara qe’esaaniitti deebiisuu garuu ammallee kan hin raawwatamiin jiru ta’uutu himame.

Yeroo ammaa naannoo Oromiyaatti walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti gaggeeffamaa tureen wal qabatee, akkasumas haleellaa hidhattoonni gama naannoo Amaaraa irraa gara Oromiyaa seenuun raawwataniin walqabatee namoonni hedduun bakka jireenyaa isaaniirraa buqqaafamaniiru.

Akkasumas, walitti bu’insii dhiheenya naannoo Amaaraatti mudateen tasgabbii dhabiinsa uumame hordofees buqqaatii namootaa hordofsiisuu danda’ama jedhamee yaadda’ama.

Dhaabbanni dhimma buqqaatoota biyya keessaa hordofu tokko gabaasa darbe baaseen, Itoophiyaa keessa namoota biyya keessatti buqqaafaman miiliyoona shan ta’an jiraachuu ibsee ture.

Kunis addunyaarratti buqqaatoota biyya keessaa galmeeffaman lakkoofsa isa olaanaa akka ta’e mul’isuun isaa ni yaadatama.