Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dursaan waraana Sudaan al-Burhaan hogganaa garee finciltootaa Dagaaloo waliin nan mari'adha jedhan
Ajajaan humna waraanaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan hogganaa Humna Dafee Dhaqqabaa [RSF[ Mohaammad Hamdaan Dagaaloo waliin mariif taa’uuf qophii tahuu himan.
Humni waraanaa Sudaanii fi Humni Dafee Dhaqqabaa Sudaan erga ji’a Eeblaa as waraanaa hamaa walirratti gaggeessaa jiru.
UN, waraanichaan namootni 5,000 tahan du’aniiru jedhe.
Uummtani biyyattii miliyoona shanii ol tahan ammo qe’ee isaanii irraa buqqqa’aniiru.
Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan kora UN Niw Yoorkitti gaggeeffamaa ture irratti erga dubbatanii booda yeroo gabaabaaf BBCtti dubbataniiru.
Abdel Fattaa al-Burhaan bara 2021 keessa fonqolcha mootummaa gaggeessuun ture aangoo kan qabatan.
Jeneraalli kun erga fonqolcha gaggeessuun aangoo qabatanii dabarsanii hoggansa siiviliitti kennuuf fedha hin agarsiifne. Haa tahu malee, yeroo adunyaarra deemuun deeggarsa gaafataa jiranitti bulchiinsa isaaniif beekamtiin seeraa akka kennamuufis barbaadu.
Jeneraalichi himata humni isaanii namoota nagaa irratti haleellaa gaggeessaniiru jedhu haalaniiru.
UN fi dhaabbileen gargaarsaa garuu humni Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan osoo eeggannoo homaa hin godhiin naannoo maneen jireenyaatti haleellaa qilleensarraa raawwachuu isaaniif raga qabna jedhan.
Waraana kana akka injifannu abdii qabna kan jedhan hogganichi, haa tahu malee, teessoo isaanii olaanaa magaalaa kaartum keessaa baasuun magaalaa buufata doonii biyyattii kan taate Port Sudaan godhataniiru.
Sababni isaa magaalaa Kaartum keessa taa’uun waraanicha gaggeessuun akka hin danda’amne himan.
Jeneraal Burhaan hogganaa Humna Dafee Dhaqabaa [RSF] Hemeetii waliin taa’ee mari’achuuf qophiidha jedhan.
Kun kan tahu yoo akka marii Sawud Arabiyaa magaalaa Jiddaatti taa’ameetti nageenya lamiilee nagaa kabachiisuuf kutannoo qaba tahedha jedhan.
''Mariif taa’uuf qophiidha,'' jedhan Jeneraal Burhaan.
''Yoo hoggansi garee finciltootaa gara qalbii isaatti deebi’ee fi loltoota isaa naannoo mana jireenyaa keessaa baasee gara kaampii isaaniitti galche eenyuu isaanii waliiniyyuu mari’annee rakkoo keenya furuuf qophiidha.''
Torban kana ibsa karaa viidiyoo kenneen marii siyaasaaf taa’uuf fedha qabaachuu Jeneraal Hemeetii maqaa Dagaaloon beekamanis himaniiru.
Haa tahu malee, kun lameenuu waraana laffise hin qabu. Jeneraal Burhaan Sudaan akka Somaaliyaa kan mootummaan ishee kufee ture ykn akka Liibiyaa kan qoqoodamte taati kan jedhu hin fudhanne.
"Sudaan tokkummooftee itti fufti. Sudaan biyya jabaattee dhaabbatte malee kufte hin taatu. Uummanni Sudaan amma yaada tokko jala hiriiraniiru. Tokko waraanicha karaa nagaa xumuruu ykn waraanicha mo’achuudha,‘‘ jedhan.
UN ammoo gareen wal waraanaan tokkoon isaaniiyyuu gara wal mo’achuutti hin siqne jedhe.
Jeneraal Burhaan waraanichi magaalaa guddoodhaa isaan baasuu himanis ni mo’anna jedhan.
Ministerootni mootummaa, hawwaasni dippilomaasii fi kaan magaalaa Kaartum keessa taa’uun hojii isaanii idilee itti fufuu hin dandeenye.
Sababni isaas amma qaxanaa waraanaa taheera. Haleellaan isnaayiperii jira, oppireeshiniin waraanaa jira. Kanaaf qaamni kamiyyuu Kaartum keessaa hojirra hin jiru.
Kun waan tahuu hin qabne ture jedhan.
Kan biraan ‘’gareen finciltootaa uummata nagaa haleeluun viidiyoo waraananii akka humni waraanaa idilee mootummaa raawwateetti dhiyeessuudha,’’ jedhen Al Burhaan.
Nuyi uummata nagaa hin haleellu, ogummaadhaan qiyyeeffannoo keenya adda baafachuun bakka diinni jiru rukunna jedhan.
Sudaanitti Bakka Bu'aan Addaa duraanii UN, Vooker Peertis, mana maree nageenyaa UNtti akka himanitti haleellaan qilleensarraa uummata nagaa irratti warra humna qilleensarraa qabuun raawwachaa jira jechuun humni waraanaa Sudaan akka haleellicha duuba jiru ibsan.
Daarfur keessatti ammo waraanichi wal dhabdee saba gidduu akka malee hammeesseera.