Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo Sudaan dhaabsisuuf danqaan US fi Sa'ud Arabiyaa mudatu maali?
Magaalaan guddoo Sudaan, Kaartuum kaleessa bakka nagaa turte amma gara dirree waraanaatti jijjiiramteetti.
Waraanni waldhabdee aanga'oota waraanaa lama gidduutti dhalate hordofee uumame amma ji'a guutuuf deema.
Ammayyuu samii magaalaa Kaartum irra haleellaan qilleensaa akkuma roobaa jirutti jira. Humnoonni lafoo Janaraal Burhaan fi Hemeetii ammoo biyyattii bakka hedduu keessatti wal haadhuu ittuma jiru.
US fi Sa'ud Arabiyaan ammoo qaamota wal waraanaa jiran dhukaasa akka dhaabaniif amansiisfuu jecha Jiddatti waamaniiru.
Dhukaasni dhaabachuu danda'aa? Dhukaasni dhaabatee furmaanni waara'aa ta'e argamaa?
Ogessi dhimma Sudaan itti dhiyeenyaan xiinxalu Aleks de Waal tarkaanfiidhuma yeroo gabaabaa muddamaaf fudhatamedha jedha.
Rakkoo filannoo biyyoota araarsaa jiranii
Biyyoonni qaamota Sudaan keessatti wal haadhaa jiran dhukaasa dhaabanii booda ammoo gara araaraatti fiduutti jiran US fi Sa'ud Arabiyaan akkamitti akka itti deemuu qaban irratti shakkii keessa galaniiru.
Murtee biyyoonni kunneen lamaan bifaafi ajandaa marii atattamaaf isaan fudhatan hanga dhumaatti daandii Sudaan keessatti nagaa waara'aa buusuu kan murteessu ta'a.
Ammatti akka dhukaasni dhaabatu gochuudhaaf dippilomaatonni Ameerikaafi Sa'ud Arabiyaa bakka buutota sadii, sadii janaraalonni wal waraanaa jiran bakka buufatanii Jiddaatti ergatan waliin qofa dubbatu.
Ajandaan gargaarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu, tooftaa ittiin dhukaasa dhaabame hordofaniifi ulaa gargaaarsi ittiin darbuirratti kan xiyyeeffatudha. Gama lachuu keessaa qaamni marii gara waliigaltee siyaasaatti geessu danda'urratti tole jedhee of kennu garuu hin jiru.
Qaamoleen siviliifi koreen mormitootaa diddaa gaggeessuun mootummaa abbaa-hirree wagaa dheeraatiif aangoorra ture, Omaar Al-Bashir, waggaa fur aangoorraa kaasan amma diida qabamuuf jiru.
Janaraalonni lamaan dhukaasa dhabuuf akka walii galan gochuun salphaa hin ta'u.
Hogganaan humna waraanaa Sudaan Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaan mootummaa seera-qabeessa ta'en bakka bu'a jechuun masaanuu isaa kan 'gita kiyya' miti jedhu waliin walqixa ilaalamuu fudhachuurratti micicuu danda'a.
Janaraal Burhaan, Janaraal Mohaammad Amdaan Daggaloo kan maqaa "Hemeetii" jedhuun beekamu akka riphe lolaa tokkootti ilaaluu mala.
Haata'u malee, hanga gaafa guyyaa walitti bu'insi jalqabameetti itti aanaa Janaraal Burhaan kan ture Hemeetiin ammoo wal qixxeetti ilaalamuun naaf ta'a jedha.
Hemeetiin humni addaa isaa kan Raappiid Saappoort Foorsis (RSF) jedhamu bakki kennameefiif kaartuum gar-tokko akkuma to'ataniin turuu barbaada.
Janaraal Burhaan ammoo RSF kun gara bakka duraan osoo walitti bu'insi kun hin uumamiin turanitti akka deebiyan barbaada.
Janaraalonni kunneen lamaan akka waa sharafanii walitti dhiyaatan gochuun hoji salphaa hin ta'u.
Yeroo akkas ta'utti ammoo warri araarsuuf walitti fidan janaraalonni kunneen lamaan waa sharafanii ykn nagaaf jecha waa dhiisanii yeroo jedhanitti amantaa guutuu akka qabaatan mirkaneessuufiif qabu.
Walitti siquuf jecha bakka qabatanii duubatti deebiyuun akka isaan hin saaxilleefi miidhaman kan taasisu akka hin taane wabii kennuufiif feesisa.
Kun ta'uu baannaan, qaamoleen wal-haadhaa jiran kunneen lamaan marii siyaasaa gaggeeffamu keessatti shoora caalu gaafachuun ajandaawwwan fedhiiwwan isaanii guutan qofarratti cichuun daqaa uumuu malu.
Janaraalonni lachuu - Burhaan fi Hemeetiin, akkasumallee biyyoonni Arabaa hollaa jiran irratti waliigalan mootummaa dimokiraatawaa ta'e kan hun barbaadne ta'uudha. Sudaan keessatti bulchiinsa dimokiraatawaa siviliin hogganamu hundeessuun ammoo dubbii ijoo walitti bu'insi kun osoo hin dhalatiin dura turedha.
Aanga'oonni waraanee kunneen lamaan erga bara 2019 Bashir aangoorraa kaasanii booda waliin ta'anii biyyattii bulchaa jiru, garuu aangoo kana bulchiinsa siviliitti dabarsanii kennuuf didaniiru.
Dhimmi biraan lamaan isanii waliif galchu tokko yakka waraanaa raawwataniif dhiifama argachuu ykn itti-gaafataa jalaa bahuudha.
Mariin adda-durummaan fedhii janaraalota kanneen giddu-galeessa godhatee gaggeeffamu kun waliigatee xumuramuu danda'a ta'a. Akkasiin milkoofnaan ammoo nageenya booressuun, carraa dimokiraasii biyyattii duubatti deebisuufi yakkaawwan biroo lachanuu harka keessaa qaban irra dibaan akka darbamu godhatu.
Waraanni Sudaan keessa jiru kun amma hin dhaabbatu taanaan, biyyattii carraa diigamuutu eeggata.
Ministira muummee bulchiinsa waloo waraanaa-sivilii kan janaraalonni bara 2021 aangoorraa kaasanii Abdallaa Hamdok waraanni haaraa biyyattiin itti jirtu kun kan Sooriyaafi Yaman keessatti mudate caalaa hmmaata jedheera.
Ebla 15 yeroo lolli gaggeessaa humna waraanaa Sudaaniifi hogganaa garee humna addaa RSF gidduutti jalqabetti, lamaan isaanii tokko isa kaan akka balleessu walitti dhaadatan.
Lamaan isaanii bakki humna isaanii irratti agarsiifataniifi bakka tarsiimawaa godhanii fudhatanis magaalaa guddoo biyyattii Kaartum godhatan.
Mancaatii guddaafi miidhaa hamaa jiraattota magaalattiirra ga'us dhimma hin godhanne jarri kun.
Lamaanuu humna qaban waraanitti hiriirsuun tokko isa kaan irratti ol aantummaa qabachuuf socho'aa jiru. Yeroo kana godhanitti ammoo humna waraanaa lafoo ofitti dabalachuu carraaquurra darbanii biyyoota alaa irraa warra michoota keenya jedhan irraas gargaarsa kajeeluus hin dhiifne.
Wanti lafarratti mumul'achaa jiru qaamonni wal lolan kun yeroo dheeraaf humna amma walitti agarsiisaa jiran kanaan kan itti fufan hin fakkaatu. Meeshaan waraanaa, loojistikiifi maallaqani jalaa dhumaa deemuun waan hin oolledha.
Kun ammoo mariin jalqabame addaan kutanii gara gargaarsa dabalataa barbaaduutti deemuu malu.
Kana gidduutti ammoo humni waraanaa mudhukuufi yaada hirachuunis uumamuu mala. Garee isa tokko keessa bahee garee biraatti makamuu ykn gareen biraa uumamee huma filatuuf baabsii deemuun mudachuus danda'a.
Kanarra darbees, uummanni bakkaa bakka jiru hidhatee gara ofirraa ittisuutti galuus danda'a.
Humnnoonni qaama alaas qaawwa keessa galuu argachuun ni jiraata ta'a.
Haala amma jiruun kunneen hin ta'an jechuun hin danda'amu.
Haata'u malee, wanti hanga ammaatti hin mul'atiin jiru namoonni nagaa sababa sabummaa isaaniitiin haleellaan irratti xiyyeeffatame jiraachuudha.
Jaarummaan US fi Sa'udiin yaalaa jiran humna dhiibbaa uumuu danda'udha. Akka kan biyyyoota Arabaa hollaa jiran warraa kaanii fedhii addaa kan qaamolee wal waraana irraa qabanii miti.
Fakkeenyaaf, Masiriin Burhaan deeggarti. Yunaayitid Arab Emiratis ammoo Hemeetii waliin hariiroo qabdi.
Sa'ud Arabiyaan garuu addatti kan itti michoomteettu hin qabdu.
US qoqqobiin isinirra kaa'a jechuun doorsisuun mariif teessisuu dandeessi. Kun garuu janaraalota baayyee kan sodaachisu ta'uu dhiisuu mala, sababiin isaas Sudaan erga 1989 kaastee qoqqobbii Ameerikaa kana jala turte waan ta'eef itti barteetti. Humnoonni biyyattiis madda galii mataa isaanii waan horataniiruuf ammatti waa dandamachuu ni yaalu ta'a.
Guutummaa idil-addunya irraa dhiibbaan bu'aa fidu kan hunduu irratti waliif galu jiraachuu barbaachisa.
Amma Chaayinaafi Raashiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa waraanni Sudaan kun daran hamaa akka ta'e himaa jiru.
Pirotookooliin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ammoo miseensonni Mana-Maree Nageenyaa Afrikaa irraa ta'an dhimma kana itti gaafatamummaa fudhatanii akka Mana-marichaaf dhiyeessan hayyama. Kana gochuudhaan qaamoleen wal lolan akka dhukaasa dhaabaniif gaafachuu ni danda'a. Kun ammoo kan US fi Sa'ud Arabiyaan carraaqaa jiraniin alattidha.
Haalli Sudaan keessa jiru bulee hammaataa deemaa jira. Kan UN dabalatee dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan biyyattii keessaa bahaniiru.
Lammileen Sudaan hawaasni idil-addunyaa yeroo hamaa akkasii kana keessatti akka isaan dagachaa jirutti itti dhaga'amaa jira.
Itti aanee beelliyyu akka meeshaa waraanaatti hojiirra ooluu danda'ama jedhamee sodaatama. Gargaarsi hangi argamtullee hoggantoota waraanaatiin meeshaa ittiin dhiibbaa hin malle uuman ta'uus danda'a sodaan jedhu dabalaa dhufeera.
Kanaaf, dhaabbileen gargaarsaa karaa ittiin osoo hoogantoota waraanaa lamaan bira darbanii uummata gargaarsa barbaadu biraan gahan barbaaduuf jiru.
Kanaafi kanneen biroo yeroo ilaalaman rakkoo Sudaan daran hammaachaa deemu kanaaf falli salphaan hin jiru.
Kana waan ta'eef, murteen marii dhukaasa dhaabsisuuf fudhatamu kamiyyuu - eenyuti eenyuun bakka bu'a, haala akkamiitiin, akkasumas ajandaa akkamii qabatee -kanneen jedhan egeree biyyattii kan murteessu ta'a.