Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Sudaan keessatti Itoophiyaafi Ertiraan gahee attamii qabaachuu malu?
Sudaanitti mormii hawaasaa sababii qaala’iinsa jireenyaatiin eegalame waggoota 30tti dhiyaatuuf biyyattii kan bulchaa turan Omar Hasan al-Bashiir bara 2019 aangoorraa buuse.
Boodarra siriiyyuu humni waraanaa Janaraal Abdul Fattaa al-Burhaaniin hogganamu sababii ''wal-waraansa ittisuuf’’ jedhuun, mootummaan siiviilii Ministira Muummee Abdallaa Hamdook irratti fonqolcha gaggeessuun aangoo fudhate.
Al-Burhaan Sudaan gara bulchiinsa Siviliitti ceesisuudhaaf kutannoo qabaachuu dubbatan. Kunis bara amma keessa jiru kanatti akka karoorfame dubbatanii ture.
Haata’u malee, qondaaltonni siyaasaa dimokiraasii leellisan waan waraana irraa amantaa hin qabneefu mormuu itti fufan.
Hiriirtoonni mootummaa waraanaa mormuun sirni dimokraasii akka jiraatuuf gaafachuuf addabaabaayiitti bahuun sagalesaanii dhageessisaa turan.
Mormitoonni kunneenis hiriira bahuun kan du'e du'ee kaan irra ammoo miidhaan qaqqabulleen, hiriira mormii ittaanuuf beellama qabatanii adda bahu. Mormiin kun taatee ji’ootaaf osoo addaan hin cinne ta'ee itti fufe.
Barii fonqolcha mootummaa waraanni gaggeesse irraa kaasee karaa Mana Maree Walabaa ce'umsaatiin biyyattiin olaantummaa janaraalota waraanaa lama jalatti bulaa turte.
Ajajaan waraana Sudaan Janaraal Abdul Fattaa al-Burhaan Mana Maree Walabaa sana hogganaa yoo ta’an, Ajajaa Humna Dafee Qaqqabaa Sudaan (RSF) kan Janaraal Mohaammad Dagaaloon (Heemeetii)n ammoo hogganaa ittaanaa Mana Maree Walabaa turan.
Mormiin wayita itti fufeefi aangoon gara bulchiinsa siviliitti dabarsuun wayita qaqqabeetti, janaraaloota waraanaa lamaan jidduutti wal mufachuun dhaga’amaa dhufe.
Pirezidantii ittaanaan Mana Maree Walabaa Sudaan kan turan Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo ykn Heemetiin, fonqolchi mootummaa al-Burhaaniin durfamuun gaggeeffame ''dogoggora ture’’ jechuun, gochaa fonqolcha mootummaa sanaaf deeggarsa taasisuun isaanii dogongoroota raawwatan keessaa tokko ta'u kaasuun gaabbuu dubbatan.
Dagaaloon TV irratti dhiyaachunis, fonqolchi mootummaa gaggeeffame jijjiramaa eegame fiduurra hafteen sirna al-Bashiiriif ''dawoo ta’eera’’ jedhan.
Maddi walitti bu’iinsi tibbanaas wal dhabbii janaraalota waraanaa lamaan jidduutti umameedha.
Janaraalonni lamaan aangoo bulchiinsa siviliitti dabarsuuf waadaa seenanii turan. Miseensota RSF kan Janaraal Dagaaloon ammoo gara waraana Sudaanitti akka dabalaman waliigalanii turan.
Humna addaa biyyattii 100,000 Heemetiin hogganan yoom waraana Sudaanitti dabalamu? Waraanni waloo hoo isaan booda eenyun hogganama? kanneen jedhan irratti janaraaloonni lamaan walii hin galle.
Qondaaltonni waraanaa lamaan kunneenis garaagarummaa saanii karaa mariitiin ni furu jedhamee eegamaa turulleen, kun osoo hin ta'iin hafee gara wal loluutti ce’an.
Janaraalota lamaan kunneenis Sudaanirraa qofa osoo hin taane, duubaan ta'un humnoonnii fi biyyoonni isaan deeggaraniifi isaan morman akka jiran himama.
Isaan keessaayis biyyoonni ollaa naannichatti argaman, biyyoota Arabaa akkasumas biyyoonni jajjaboon addunyaa osoo hin hafne garee tokko ykn gara biraa waliin akka dhaabatan tilmaamamaa fi ibsamaa ture.
Itoophiyaa fi Ertiraan gartuu kam deeggaru?
Siyaasa Baha Afrikaa itti dhiyeenyaan kan hordofu Gaaazexeessaa Mohaammad Abubakar, saayinsii siyaasaa qorate, akkasuma miidiyaalee garaa garaa keessa hojjateera.
Abubakar, Ertiraan Raashiyaa waliin michoomu fi Mohaammad Hamdaa Dagaaloon dhiyeenyaatti Asmaraa dhaquu hordofee, Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii, Hemetii deeggaruu jedhamee yaadama.
Abubakar garuu kanatti hin amanu.
Pirezidantiin Ertiraa dhiyootti af-gaaffii TV Ertiraa waliin godhan irratti "beekamtii fi deeggarsa Jeneraal al-Burhaaniif kan kennan fakkaata. Kun namoonni kan yaadan faalleessa,'' jedha.
Abubakar akka sababaatti kan dhiyeessu yaada Pirezedant Isaayaas dhaabbileen akka IGAD waldhabbicha hiikan dubbachuu isaaniiti jedha.
Pirezedantichi haasaa isaanii keessatti Ameerikaa maqaa dhahuu baatanillee, ejjannoo Waashingitan wajjin walfakkaatu qabaachuu eera.
Pirezidant Isaayaas af-gaafficha keessatti Yuunayitid Arab Emireetis fi dhaabbilee idil-addunyaatti quba qaban.
UK Yunvarsiitii Barmingihaamitti barsiisaa dhimma siyaasaa, Federaalizimii fi Imaammataa Dr Bizunaa Yimanuu, ''Itoophiyaa fi Ertiraan jeneraalota lamaan keessaa tokkosaanii addatti deeggaruu ragaan agarsiisu homtuu hin jiru,’’ jedhan.
Dr Bizunaan jeneraalota lamaan keessaa amma yoonaatti olaantummaa kan qabu kam akka ta’e akka hin baramne eeruun, ammatti garee tokko deeggaruun balaa akka qabu himan.
Haata’u malee, waraaanni Sudaan yoo dheerate biyyattii tasgabbeessuu maqaa jedhuun ''biyyoonni ollaa garee tokko deeggaruu waan hin oolle,’’ jechuun yaaddoo jiru ibsan.
Itoophiyaafi Ertiraa gahee attamii qabaachuu malu?
Akka Gaaazixeessaa Mohaammad jedhutti, Pirezedant Isaayaas ''biyya tokko keessa waraanni cimaan tokko akka jiraatu deeggaru.’’
Al-Bashiir aangoorraa erga bu’ee booda Sudaan waraana tokko qofaan hogganamuu qabdi turte, muddama amma dhalateef waliigaltee yeroo sana mallatteeffame fi mootummaa waloo himatu jedha.
Waliigalteen humnoota waraaana fi qondaaltota sivilii gidduutti mallatteeffame garuu Ministirri Muummee Abdullaa Hamdook gara aangootti akka dhufan gargaaree ture.
Gareewwan kana walitti fiduurratti MM Itoophiyaa Abiy Ahimad qooda guddaa gumaachutu yaadatama.
Lola Sudaanitti ammas haaraa dhalate MM Abiyi gartuuwwan lamaan akka walitti dhiyaatanii mariyatanii, fala barbaadan gaafataniiru.
Kanarraa ka’uun Pirezedanti Isaayaas waan gara garee tokko goran fakkaachuun gahee MM Abiyi gumaachan waan faalleessu fakkaata jedha.
Akka Mohaammad jedhutti, erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamee booda hariiroo Sudaaniifi Itoophiyaa laafeera.
''Wal shakkuun uumameera, amma qoodni Itoophiyaa guddaa miti. Garuu ejjannoo Itoophiyaatu dursa xiyyeeffannoo argachuu qaba ture.’’ jedha.
Dr Bizunaan gamasaanitiin Ertiraa fi Itoophiyaan garee tokko deeggaruurra gartuuwwan wal waraanaa jiran akka mariyatan jajjabeessuu qabu jedhan.
Biyyoonni lamaan haala Sudaan keessatti adeemaa jiru faayidaa biyyaaleessaa fi ollaa, michuuwwan sadarkaa idil-addunyaa waliin qaban giddu-galeessa godhachuun hordofuu qabu jedhan.
Itoophiyaa fi Ertiraan haala waraanni Sudaan keessa jiru xiinxaluurra darbee, Masrii fi Sudaan waggoota dheeraaf dhimma hidha Haaromsaarratti waldhabaa turuu ilaaluu akka qaban akeekan.
Itoophiyaa dabalatee, biyyoonni ollaa hafan dhaabbilee idil-addunyaa kanneen akka Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti gareen wal waraanan akka mariitti deebi’an dhiibuu, akka mariyatan haala mijeessuu qabu jedhan.
Xiinxalaan siyaasaa Aadam Kaasee dhiyeenya BBC waliin turtii taasiseen, Itoophiyaan hariiroo Sudaan waliin qabdu hariiroo sadarkaa idil-addunyaatti jiruu bu’uureeffachuu qabdi jedhee gorsa.
Itoophiyaan wayita wal-waraansa keessa turte Sudaan iddoowwan narraa fudhatte jettu yeroo kanatti deebistee to’achuu; nageenyaa, hidha Haaromsaa fi fudhatama sadarkaa addunyaatti qabdu wajjin walbira qabdee ilaaluu qabdi jedha.
Adam akka himutti, iddoowwan abbummaa isaarratti waldhabbiin jiru kanneen humnaan deebisanii to’achuuf yaaluun, dhimma baasu miti jedhu.
Lolichi Itoophiyaafi Ertiraa irratti miidhaa qabaachuu danda'aa?
Waraanni Sudaan magaalaa Kaartumi fi naannoo sana qofatti kan murtaa’e miti, magaalota birootti babal’ateera.
Amma yoonaatti dhiibbaa guddaadha jedhamu garuu Itoophiyaa fi Ertiraarratti hin fide.
Lolli kun yoo dheerate garuu biyyoota daangaa dheeraa waliin qooddatan, aadaa fi saboota walfakkaatan waliin qaban keessatti balaa jabduu qabaata.
Waraanni Sudaanitti dheerachuun Itoophiyaa fi Ertiraa akka miidhu hayyoonni hundi irratti walii galu. ‘’Uummaanni Itoophiyaa yoo rakkate Sudaanitti baqata, Sudaanillee yoo rakkoon jiraate gara Itoophiyaatti godaanu,’’ jedhan Dr Bizunaan.
Dr Bizunaan itti dabaluun, biyyi Itoophiyaa waliin daangaa dheeraa qooddattu Sudaan lolatti seenuun yaaddoo nageenyaa Itoophiyaa akka taatu himan.
Sababa yaaddoo nageenyaa uumuu wayita ibsu, namoota lakkoofsaan hedduu gara Itoophiyaatti godaanudha kaasan.
Lammaffaa, daddabarsa meeshaalee waraanaa hammeessa akka hammeessu
Meeshaaleen waraanaa seeran ala daangaa Itoophiyaa seenu riphxee loltoota Itoophiyaa naannoo daangaa Sudaaniirra socho’an harka akka salphaatti seenu kaasan.
Iddoo waraanni jirutti daldallii meeshaalee waraanaa ni ho’a waan ta’eef namoonni sivilii otoo hin hafiin akka salphaatti meeshaalee waraana hidhate walitti bu’uuf sababa ta’aa jedhan.
Sadaffaa, loltoonni gareewwaan wal-waraana jiranii dawoo barbaacha gara Itoophiyaa seenu malu.
''Waraanni Sudaan yoo dheerate tasgabbii dhabiinsa Itoophiyaatti deebi’aa jiru ittuu jeequ mala’’ jechuun yaaddoo qaban ibsan.
''Waraanichi Baha Sudaan[Gadariif fi Kasalaa fi naannoo isheetti]yoo dhiyaate Ertiraa fi Itoophiyaaf yaaddoo nageenya uumu mala. Waraanni kun yoo ittifufe godaannisa cimaa uumee darba,’’ jedha Gaazixeessaa Mohaammad.
Waraanichi yaaddoo uumurraa kan ka’e tarii lammileen Sudaan hedduun buqqa’uun biyyaa baqachuu akka malan eeruun waraanni Sudaan biyyoota ollaarratti dhiibbaa akka fiduu malu Hayyuun siyaasaa Dr Bizunaa himaniiru.