Janaraalonni Sudaan waraana dhaabuuf fedhii hin qaban-UN

Aanga'oonni waraanaa Sudaan wal lolaa jiran fedhii inni tokko isa kaan irratti ol aantummaa qabaachuuf qabaniin lola torban sadii guutuuf deemu kana dhaabsisuudhaaf rakkisaa ta'uu aanga'aan ol-aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN ) tokko dubbatan.

UNtti Itti-gaafatamaan damee mirgoota namoomaa Maartiing Giriifitis magaalaa Poort Sudaan kanb qarqara Galaana Diimaatti argamtu erga daawwataniin booda, akka dubbatanitti, humnoonni wal waraanaa jiran fedhii walitti bu'insa kana itti fufsiisuuf qabaniin lola kana dhaabsisuun rakkisaa ta'eera.

"Akka dhukaasa dhaabuun guutummaa biyyaattiitti hojiirra ooluuf yaaliin taasifame hundinuu fedhii waraanicha itti fufsiisuu humnoonni wal waraanaa jiran qaban irraa kan ka'een gufataa jira," jedhe Giriifitis.

UN aanga'aan ol-aanaa gargaarsa namoomaa ammoo saffisa rakkoon Sudaan keessa jiru ittiin hammaacha ajiru "akka ma;lee nama yaaddessa" jedhe.

Rakkoon Sudaan keessa jiru baayyee kan isa yaaddesse Barreessaan Ol-aanaa UN Antooniyoo Guteereez guyyoota muraasa dura wayita gara Keeniyaa dhufanitti, walitti bu'insi kun osoo gara waraana guutuu hunda hammatetti osoo hin ce'iin dura janaraalonni wal waraanaa jiran atattamaan walitti bu'insa akka dhaabaniif waamicha taasisanillee kan isa dhaga'e waan argate hin fakkaatu.

Haala gargaarsi namoomaa ittiin atattamaan dhiyaachuu qabu irratti janaraalota wal falmaa jiran waliin fuulaafi fuulatti dubbachuudhaaf gaafatee akka ture Maartiin Giriifits, lachanuu seera mirgoota namoomaa akka kabajan dubbatanillee walitti bu'insa dhaabuuf garuu fedhii kan qaban hin fakkaatan jedhe.

Walitti bu'insa torban sadii dura jalqabe kanaan namoonni 500 ol ta'an ajjeefamanii, kanneen kumaan lakkaa'aman ammoo miidhaan irra gaheera.

Lammileen kuma dhibbaan lakkaa'aman ammoo biyya isaanii gadhiisanii kan baqatan yoo tahan, kanneen 300,000 ol ta'an ammoo Sudaan keessatti buqqaatota ta'aniiru.

UNtti dhaabbanni dhimma baqattootaa lammileen Sudaan kuma 800 ta'an buqqa'anii godaanuu danda'u jechuun of qopheessaa jira.

Warra buqqa'an akana ammoo ji'oota shanan itti aananiif gargaaruudhaaf dolaara miliyoona 450 akka isa barbaachisus himeera dhaabbanni UN kun.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyaa torbaaf eegaluuf kan jiru.

Maartiin ajeechaan sukkaneessaan rakkoo dhalootaa gara ta’utti geessuu malan raawwatamuu ilaalchisee odeessaalee dhagahuu himan.

Sudaan keessatti bara 2019 Omaar al-Bashiriin aangoorraa ka'uu hordofee nageenya hin arganne.

Mootummaan siviliin biyyattiif akka hundeeffamu waadaan galames dhiyaate osoo jedhanii didee jalaa fagaachaa dhufeera.

Ji'a Ebla darbe keessa ammoo aanga'oonni waraanaa lamaan waldhabanii biyyattiin nagaa dhabdee raafamaa jirti.

Janaraalonni lamaan aangoo irratti wal dhabuun magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum dabalatee magaalota biyyattii adda addaa keessatti walitti bu’insa guddaa kaasun lubbuun namootaa darba jira.

Pirezidaantii duraanii Omar al-Bashir aangoorraa kaasuun aangoo harkatti kan galfate bulchiinsi siivilii biyyattii osoo hin turiin aangoorraa kaafaman.

Ergasii Sudaan Mana-Maree Ce’umsaa hundeessuun ajajajoota waraanaa lamaan kanneeniin gaggeeffamaa turte.