IGAD Sudaanitti humnoonni nagaa kabachiisan akka ramadaman yaada dhiheesse

Dureewwan IGAD magaalaa Finfinneetti walgahan Sudaan keessatti humni nagaa kabachiisu akka ramadamu yaada dhiheessan.

Mariin kuni Adoolessa 10 bara 2023 Finfineetti keessatti taasifame.

Marii kana kan hoogganan pireezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Samooy Ruutuu yoo ta’an, Ministirri Muumme Itoophiyaa Abiy Ahimad, barreessaa olaanaan IGAD Warqinaa Gabayyoo, Ministira Haajaa Alaa Jabuutii Mahamuud Alii Yusuuf, ergamaan addaa Sudaan Beenjamiin Bool Meel argamaniiru.

Marii kana irratti qondaaloti Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi kaanis argamaniiru.

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Gargaartuun Dhimmoota Afrikaa Moolii Fii aanga'oota naannichatti argaman waliin dhimma Sudaan irratti mari'achuuf gara Finfinnee akka seenan mootummaan US dursee beeksiseera.

Qondaalli US, IGAD, bakka bu’oonni biyyoota naannichaa maqaan hin dhahamiin akkasumas siviloonni Sudaan waraanicha dhaabsisuuf yaalii taasisaa jiran mariicharratti akka hirmaatan hime mootummaan US.

Yaa’iin dhimma Sudaan irratti xiyyeefate kun humnootni wal-waraanan akka argaman affeerus, qaamoleen lameenuu marii kana irratti hin argamne.

IGAD ibsa galagal kana baaseen argamuu dhabuu isaaniitti gaabbuu beeksiseera.

Gaazexaan Sudaan Tiriibuun jedhamu akka gabaaseetti, ajajaan waraana biyyatti Janaraal Abdal Fattaah Al Burhaan marii Finfinneetti gaggeeffamurratti isaaniis ta’e bakka bu’aansaanii hin hirmaatan.

Sababni dhiheessanis Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon duree humna addaatiin walitti dhiheenya qabu kan jedhudha.

Pirezidant Wiiliyaam Ruutoon immoo Dura Taa'aa IGAD dha.

Gaazexaan kunis dabaluun, marii IGAD Finfinneetti waameerratti hoggantoonni Jabuutii, Itoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan kibbaa ni argamu jedheera.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaas Moolii Fii, marii Wiixataafi Kibxata Finfinnee akka turan ibsuun,

Ameerikaan rakkoo Sudaan keessa jiruuf waraanni loltummaa filmaata hin ta’u ejjennoo jedhu qabdi.

Mootummaan Ameerikaa ibsa dhimmicharratti baasee kanaan, biyyoonnii naannichaatti argaman qaama kamiifu deeggarsa taasisuudhaan wal dhabdee Sudaan jidduu akka hin seenneef akeekkachiiseera.

Beellama Kaayiroo

Kun osoo kanaan jiruu Masriin Kamisa dhufu janaraaloota Sudaan wal waraanaa jiran Kaayirootti waamee marisiisuufan jira jetteetti.

Deeggartuu cimtuu Janaraal Al Burhaan akka taate kan himamuuf Masriinis ta'e Janaraal Mohaammad Dagaaloof michuu cimtuudha kan jedhamtu Gamtaan Araboota Imireetisi hanga ammaatti qaamolee wal waraanan mariisisuuf ifatti gaaffii hin dhiyeessine.

Waajjirri Pirezidantii Masrii kaayyoo marii Kaayiroo irratti gaggeeffamuuf karoorfame walitti bu’insicha karaa nagaatiin furuuf kan kaayyeffate jedheera.

Kanaan dura janaraalota waraanaa Sudaan wal waraanaa jiran kanneen karaa mariitiin akka wal dhabdee isaanii furan gochuuf yaaliiwwan turan hin milkaa'iin hafeera.

Ameerikaafi Saawud Arabiyaan qaamoleen wal waraanaa jiran kunneen waliigaltee dhukaasa dhaabu irra akka gahaniif yaalii taasisan illeen waliigaltichi osoo bu’aa hin argamsiisiin hafee waraanichi itti fufe.

Waraanni Sudaan kan baatii sadii guutuuf deemuun keessattuu magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum keessatti jiraattonni yaaddoo olaanaa keessaa seenaniiru.

Janaraalonni wal waraanaa jiran lamaanuu magaalattii guutummaan dhuunfachuuf jecha wal waraanaa jiru.

Kanaanis namoonni nagaa baay'ee ajjeefamuu gabaasuun kenya ni yaadatama.

Humni saffiisaa Sudaan (RSF) irra jireessa magaala Kaartuum, Omidurmaan fi magaalota qarqara galaanaa to’ataniiru.

Walitti bu’iinsi kunis namoota miliyoona 2.9 ta’an mana jireenyaa isaanii irraa akka buqqa’an taasiseera.

Kanneen kuma 700 ta’an ammo biyya gadhiisanii baqachuun gabaafameera.