Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa qilleensaa Kaartuumitti raawwateen yoo xinnaate namoonni 22 ajjeefaman
Haleellaa qilleensaa raayyaan mootummaa Sudaan magaala guddoo biyyattii Kaartuum keessatti Sambata raawwateen yoo xinnaate namoonni 22 ajjeefamuufi kaan baayyeen ammoo miidhamuu kanneen ijaan arganiifi aanga’oonni beeksisan.
Namoota haleellaa kanaan miidhaman keessaa irra caalaan daa'immaniifi dubartoota ta’uusaanii kanneen ijaan argan BBC'tti himan.
Haleellaa guyyaa Sambataa bakkee bulchiinsa Omdurmaan kan laga Naayil ce'ee faallaa magaalaa Kaartum argamuutti raawwate.
Raayyaan ittisa biyyattiifi humna addaa biyyattii magaalaa guddoo biyyattii guutummaan dhuunfachuuf wal waraanuu kan eegalame baatii Ebla darbee ture.
Walitti bu’iinsi amma biyyattii wal waraansa sukkaneessaa kana keessa galche kunis erga Ajajaan humna waraana biyyattii, Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaan fi Hogganaan humna Addaa biyyattii (RSF) Janaraal Mohaammad Haamdaan Dagaaloo dhimma egeree biyyattii irratti waliigaluu dadhabanii booda ture.
Aanga’aan fayyaa bulchiinsa Kaartuum, haleellaa qilleensaa guyyaa Sambataa raawwateen yoo xinnaate namoonni 22 ajjeefamuu madda oduu Rooyitarsiitti himaniiru.
Haata’u malee, Humni addaa biyyatti (RSF) ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii 31 jedha.
Gareen RSF ibsa haleellaa raawwatamee ilaalchisuun baaseen itti dabaluun, ‘‘manneen jireenyaa irrattis miidhaa olaanaa qaqqabsiiseera’’ jedheera.
Humnoota waraanaa Sudaan wal waraanaa jiran keessaa tokko kan ta’e humni addaa irra jireessa magaalaa Kaartuum fi magaalota biraa lama; Omdurmaan fi Bahirii to’ateera.
Raayyaan Ittisa biyyattiis humnoota addaa eddoowwan to’atan keessaa akka bahaniif jecha irra deddeebbiin haleellaawwan qilleensaa fi madfii raawwata.
Haata’u malee, haleellaan guyyaa Sambataa kuni haleellaa yeroo tokkichaatiin namoonni baay'een kan ittiin ajjeefaman isa jalaqabaa ta’u hin oolu jedhameera.
Walitti bu’iinsa baatiiwwan sadiif gaggeeffamaa jiru kanaanis jiraattonni magaalaa guddoo biyyattii yaaddoo cimaa keessatti seenaniiru.
Suuqiiwwaniifi eddoowwan gabaa darbee darbee qofa kan saaqaman yoo ta’u, dhaabbileen fayyaa magaalattii haala gutummaan jedhamuun cufamaniiru.
Wal waraansi kunis magaala guddoon alattis naannoo Daarfuur dabalatee naannolee biyyattii kaanittis babal’achuun, Lixa Daarfuur keessatti ammo walitti bu’iinsi gosaa mudateera.
Sababii waraana kanaatiinis hanga ammaatti Sudaan eddoowwan garaa garaa keessatti namoonni dhibba baay'een lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Kanneen miiliyoona sadii ta’an ammoo mana isaanii irraa buqqaafamaniiru.
Waraanni kun eegalee torbanoota muraasaan booda Ameerikaafi Sawud Arabiyaan jaarsummaa taa’un humnootiin wal waraanaa jiran irra deddeebiin waliigalteen dhukaasa dhaabu taasifamulleen, osoo bu’aa qabatamaan hin argamne waraanichi itti fufeera.
Amma garuu IGAD yaa’ii isaa Wiixata dhufaa Finfinneetti taa’amurratti gareewwan wal waraanaa jiran kanneen jidduutti marii nagaa irra deebiin eegaluuf akka jiru dhagahameera.
Haata’u malee, Ajajaan Raayyaa Ittisa Sudaan Janaraal Al-Burhaan maricha irratti akka hin hirmaannee dubbii himaan isaanii ibsuun gabaafameera.