Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ETn qooda daandiiwwan qilleensaa Afrikaa hedduu bituun milkaa’utti jira
Daandin Qilleensa Itoophiyaa (ET) waggoota 75 darbaniif maqaa gaariifi milkaa’ina gonfatee deemaa jira.
Maqaa gaarii horate kanaaf agarsiistun ammoo daandiwwan qilleensa biyyoota hedduu caaluun sadarkaa idil addunyaatti yeroo garaa garaatti badhaasa argachuu isaati.
Yeroo dhiyootti gosa badhaasa fe’iisa meeshaaletiin badhaasa ‘Air Cargo Industry Customer Care Award 2022’ jedhamu irra deddeebiin argatee jira.
Bara kana ammoo Filannoo Maamiltootaa Naannoo APEX 2022, 'Best Entertainment’ fi 'Best cabin service’ jedhuun daandii qilleensaa filatamaa jedhamee filatameera.
Namoonni baay’en kan dhugaa bahaniif Daandin Qilleensa Itoophiyaa daamee fe’iisa fi loojistikiitin badhaasawwan heddutti kan milkaa’e fi Afrikaatti daandii qilleensaa tajaajila fe’iisa meeshaalee kennu isa guddicha jedhameera.
Sadarkaa idil-addunyaatti badhaasawwan heddu mo’achuudhan industirii aviyeeshiniitinis daandii qilleensaa maqaa gaarii qabus jedhameera.
Daandin Qilleensa Itoophiyaa bara 1946 tti xayyaarota durii C-47 jedhamaniin tajaajila eegale. Balalii kan eegale ammoo Kaayiroo, Jibuutii fi Edanitti.
Balalii biyya keessaa ammoo Jimmatti eegale.
Daandin Qilleebsa Itoophiyaa baruma hojii eegalu xayyaarota C-47 sagal qaba ture.
Xayyaaronni C-47 kun jalqaba US tajaajila waraatif kan itti fayyadamaa turteedha. Teessumni isaa ammoo namni walitti garagalee kan taa’u ture.
Itti aansun daandiin qilleensichaa balaliiwwan isaa fooyyessun gara Naayiroobii, Poort Sudaan fi Boombey tti balalii eegale.
Bifa kanaan deemsa milkaa’inaa kan eegale Daandin Qilleensa Itoophiyaa, yeroo ammaa kana bakkeewwan idil-addunyaa 130 caalanitti balalii taasisaa jira.
Daandin Qilleensa Itoophiyaa daandiwwan qilleensaa Afrikaa warra jalqabaa keessaa isa tokkoodha. Y
Afrikaa keessatti fudhatamummaa qabu cimsuudhaf yeroo ammaa kana daandiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa heddu keessaa ‘gahee’ baay’ee bituutti jira.
Gama kanaan ammoo Afrikaa keessaa milkaa’ina guddaa irra akka jiru Daandin Qilleensa Itoophiyaa beeksiseera.
Kanaanis daandii qilleensa biyyoota Afrikaa jahaa keessaa gahee bituu danda’ee jira.
Gama biraan ammoo bara 2025 tti Afrika keessaa Daandii Qilleensa adda duree ta’uudhaf karoosee hojjataa akka jiru ibsee jira.
Karoora kana galmaan gahuufis daandiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa tokko tokko waliin bulchiinsa fi tarsiimoo irratti shariikan hojjataan jira jedhe.
Dabalataanis, daandii qilleensa biyyoota Afrikaa tokko tokko ammoo gahee irraa bitaa jira.
Daandin Qilleensaa Itoophiyaa hirmaannan inni daandiwwan qilleensaa Afrikaa keessatti qabu maal fakkaata? Muraasa isaanii mee haa ilaallu!
Kongoo
“Air Congo” daandii qilleensa DR Koongoo yoo ta’u, aabbummaan isaa harka 51 kan mootummaa biyyattii yoo ta’u Daandin Qilleensa Itoophiyaa harka 49 bitee jira.
“Air Congo” xayyaarota kudhanitti dhiyaatan kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa Dash 8-400, Booying 737 fi Booying 787 kan jedhaman isaan keessayi.
Akkaataa walii galtee kanaatti Daandin Xayyaara Itoophiyaa daandii xayyaara biyyattiitis xayyaarota dabalataa ni dhiyeessa.
Zaambiyaa
Daandin Xayyaara Zaambiyaa abbummaan isaa kan Rippaabilika Zaambiyaa ta’uu isaa fuulli marsariitii daandii qilleensichaa ni agarsiisa.
Daandii qilleensa Zaambiyaa keessaa gahee harka 45 Daandin Qilleensa Itoophiyaa bitee jira. Kan hafe harki 55 kan biyyattiiti.
Daandin qilleensaa kun daandiwwan qilleensaa buleeyyii keessaa tokko ta’us dhiyeenya kasaaraa irra gaheen hojii dhaabee ture.
Amma daandin qilleensaa kun gosa xayyaaraa Bombaardiyar Q-400 jedhuun hojii eegalee jira.
Mozaambikii
Daandin qilleensaa Mozaambikii, maqaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa-Mozaambikii (Ethiopian Mozambique Airlines) jedhuun akka waamamu ta’ee jira.
Walta’iinsi kun bara 2018 tti kan eegale yoo ta’u, jalqaba yeroo hojii eegalu balalii biyya keessaa qofaa irratti kan xiyyeeffate ture.
Mozaambikii keessa buufataalee xayyaaraa sagalitti balaliin biyya keessaa kan taasifamu yoo ta’u balaliiwwan kanaaf xayyaara Q-400 jedhutu hojiirra oola.
Yeroo weerara COVID-19 hamaa ture sana hojiin isaa addaan cite kan ture amma garuu hojii eegalee jira.
Daandin Qilleensa Itoophiyaa gahee harka 99 daandii qilleensa Mozaambikii keessaa akka qabu beekamee jira.
Toogoo
Daandin qileensaa “ASKY” jedhamuun beekamu daandii qilleensa Toogoti. Daandin qilleensaa kun xiyyeeffannoon isaa balaliiwwan gara lixaa fi giddu galeessa Afrikaatti taasisuudha.
Daandin Qilleensa Itoophiyaa ammoo balaliiwwan lixa Afrikaatti taasifamaniif deeggarsa taasisa. Kanaaf ammoo daandiwwan qilleensaa lamaan waliin hojjachuuf walii galanii jiru.
Walii galteen daandiwwan qilleensaa lamaan gidduutti taasifame walii galtee walta’iinsa teeknikaa fi tarsiimooti jedhame.
Maalaawwii
Daandin Qilleensa Itoophiyaa gara Afrikaa Kibbaa imaluunis dhiibbaa geessisaa jira. Daandin Qilleensa Maalaawwii abbummaan isaa kanuma biyyattiiti.
Daamdin Qilleensa Itoophiyaa ammoo gahee daandii qilleensa Maalaawwii keessaa harka 49 dhuunfatee jira.
Kana qofa miti, Daandin Qilleensa Itoophiyaa hojii bulchiinsas ni hojjata.
Walii galteen daandii qilleensaa Itoophiyaa fi Maalaawwii gidduutti kan taasifame bara 2007 tti.
Akkataa walii galtee walta’iinsa tarsiimoo kanaatti kanaatti Daandin Qilleensa Itoophiyaa fi dhiyeenya kan hundaa’e Daandin Qilleensa Maalaawwii sagantaa balalii isaanii waliif qoodun maamiltootaf filannoo mijataa ta’e dhiyeessu.
Daandin qilleensaa kun xayyara Q-400 fi Boying B-737-700 jedhamuun tajaajila balalii kennaa jira.
Chaad
Daandin Qilleensa Itoophiyaa, daandii qilleensaa haaraa hundeessuf mootummaa Chaad wajjin kan walii gale bara 2018 ture.
Walii galtee kanaanis Daandin Qilleensa Itoophiyaa gahee harka 49 kan isaa kan godhate. Karaa magaala Finfinneetin ammoo balaliiwwan baha giddu galeessa fi bakkeewwan birootti ni taasisaa jira.
Ikuwaatoriyaal Giinii
Daandin Qilleensa Itoophiyaa, daandii qilleensa Ikuwatooriyaal Giinii C2-CYOBA International jedhamu waliinis walii galtee qaba.
Daandiwwan qilleensaa lamaan bulchiinsa irratti walii galtee kan waliif mallatteessan bara 2018 tti ture.
Akkaataa walii galtee kanaatti, Finfinneen wiirtuu balaliiwwan idil-addunyaa taatee tajaajilti.
Dabalataanis, Daandin Qilleensa Itoophiyaa daandiwwan qilleensa biyyoota Afrikaa biroo waliinis walii galtee gochuun hojjataa jira.
Kanaanis, tarsiimoo waggaa 15 baasen bara 2025 tti Afrikaatti Daandii Qilleensaa duree ta’uuf hojjataa jira.
Daandin Qilleensa Itoophiyaa xayyaarota haaraa biyya keessa galchaa jira.
Ji’a tokko dura xayyaarota fe’iisaa Booying B 777 jedham shan bitee jira. Daandin Qilleensa Itoophiyaa yeroo ammaa kana xayyarota Booying 80 ol ta’an fayyadamaa jira.
Kanaanis Afrikaatti daandii qilleensaa bu’aa guddaa argatu jedhamuun beekama. Weera COVID-19 dura Daandin Qilleensa Itoophiyaa waggoota walitti fufiinsan waggaa torbaaf dhibeentaa 25 guddina argamsiisaa ture.