Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensonni Paarlaamaa Gamtaan Afrikaa mootummaafi hidhattoota WBO akka araarsu gaafatan
Miseensonni Paarlaamaa Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa irraa filaman Gamtaan Afrikaa mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota WBO jaarsummaan akka araarsu gaafatan.
Miseensonni lakkoofsaan kudhanii ol ta’an guyyaa Wiixataa xalayaa dhaaba muummeen isaa Finfinnee godhateef qaamaan argamanii kennaniiru.
Gamtaan Afrikaa mootummaafi TPLF mariin waldhibdee akka furan tumsuun waraana waggaa lamaaf kaaba Itoophiyaa goole xumura itti tolchuuf gargaareera.
Xalayaa kana irratti miseensonni kunneen gamtichi ''lola waggoota afuriif Oromiyaa keessa lubbuu hedduu galaafate salphisee ilaaleera,'' jechuun ''guddaa gadduu'' ibsani.
''Nagaan Tigraayitti bu'e Oromiyaa keessas akka bu'u ni barbaanna,'' jechuun gaafatan.
‘’Gamtaan Afrikaa gidduu seenee jaarsummaan akka waliigalteerra akka gahamu,’’ yaada dhiheessaniiru.
Gaaffii miseensonni paarlaamaa Gamfaa Afrikaaf dhiheessan ilaalchisee gamtichi dhimmicha irratti wanti jedhe hin jiru.
Miseensonni kunneen lola humnoota mootummaafi hidhattoota adeemaa jiru mariin akka furamu yeroo gaafatan kuni kan jalqabaa miti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa baatii tokko dura waamicha araaraa hidhattootaaf dhiheessee ture.
Waamicha kanas hidhattooti haal duree kaa’un akka fudhatan ibsaniiru.
Haa ta’u malee, eegasii sochiin dabalataa jiraachuun isaa hin beekamu.
Miseensonni Paarlaamaa kunneen qaamoleen lamaan rakkinicha mariin furuuf fedhii agarsiisu jajanii, haa ta’u malee tarkaanfiin qabatamaa furmaatatti akeeku mul’ataa hin jiru jechuun komii ibsan.
Gamtaa Afrikaattis akka dhiheessaniif sababii ijoo kana ta'u miseensonni BBC'n dubbise himaniiru.
Naannoo Oromiyaa bakka dhaloota Ministira Muummee Abiy Ahimad ta’etti, hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo keessumaa gama Lixaafi Kibba naannichaa bal’inaan sosso’u.
Hidhattooti badii garagaraan himannaan irratti ka’u kunneen paarlaamaa biyyattiin tarree shororkeessumaa jala ka’amaniiru.
Haa ta’u malee, ammatti rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa akka furamu ifatti kan yaada kennaa jiru naannicha dha.
Miseensonni paarlaamaa kunneen rakkoon Oromiyaa naannicha qofa hin ilaallatu, mootummaan federaalaas qooda ofii gumaachuu qaba jechuun gaafatan.
Faallaa waraana kaaba Itoophiyaa, lolaafi hookkarri Naannoo Oromiyaa keessa waggoota shanan darbaniif adeemaa jiru xiyyeeffannoo idil-addunyaa hin arganne jechuun qeeqxonni kaasu.
Torban darbe Itoophiyaa kan daawwatan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan marii Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin taasisaniin dhimma haala Oromiyaa keessaarratti ‘’yaaddoo’’ akka ibsan waajjirri isaanii ibseera.
Jalqaba waggaa kanaa mootummaafi TPLF waraana dhaabuun wal dhibdee mariin erga furan booda rakkoon Oromiyaas mariin akka furamu kan abdatan turan.
Mootummaan yeroo adda addaatti oppireeshinii waraanaa gaggeessus furmaanni waaraa hin argamne.
Gidduutti lammiileen hubamaniiru, kuma dhibba 700 ol qe’eerraa buqqa’uu UN ibseera.