Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Namni 10 du’uurra, osoo si'a 10 mari'anne wayya' – Miseensa Paarlaamaa Oromiyaarraa filaman
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa Oromiyaa irraa filaman walitti bu’insiifi hookkarri Oromiyaa keessa xumura akka argatuf hunduu dhiibbaa akka uumu gaafatan.
Ummanniifi jarsoliin gara mootummaattis, gara hidhattootaattis ''waraanni nu gaha jedhee dhiibbaa uumuu qaba’’ jedhan miseensi Paarlaamaa Obbo Tolaa Hayiluu.
Seera tumtoonni biyyattii kunneen torban muraasa dura haala kana dura hin baramneen mootummaan rakkoo Oromiyaa keessaa waraana dhaabuun karaa nagaan akka furu gaafachunsaanii ni yaadatama.
Miseensonni dhaaba biyya bulchu kunneen, mootummaan nagaa deebisuu qofa osoo hin taane akkuma Tigraay bakkee rakkooon jiru hunda deebisanii ijaaruun barbaachisa jedhan.
''Ummanni keenya qonna qotataa waan hin turreef mootummaan federaalaa akkuma Naannoo Tigraayiif godhe bajataafi lojistikii ramaduudhaan Lixa Oromiyaas deebisee misoomsuu qaba.’’
Miseensonni kunneen guyyaa Kibxataa Mudde 27, 2022 aangawoota mootummaa federaalaa, Af-yaa’ii manneen maree lamaaniifi Pirezidantii Naannoo Oromiyaa waliin dhimma nageenya Oromiyaa irratti marii’achu himan.
Miseensonni Paarlaamaa BBC’n dubbise gaaffiin isaanii deebii akka argatu akka abdatan dubbatan.
''Mootummaan rakkoo kana karaa nagaan hiikuudhaaf qophii akka qabuufi dirreen Oromiyaa qonna Arfaasaa bara 2015 dura gara dirree nagaatti akka dhufu nuti ejjennoo kana qabna.
''Akka hoggansoota federaalaattis kallattiin kun kan jiru ta’u isaa,’’ hubanna jedhan, Obbo Tolaan kan bakkee rakkoon itti hammaate keessaa tokko kan ta’e Wallagga Lixaarraa filataman.
''Haaluma rakkoon naannoo Tigraay [mariin akkuma furame], Oromiyaattis haa godhamu kan jenne adeemsa gaariirra jira’’ jedhan.
Karoorri mootummaa maal akka ta’e bulchitoonni dhimmicha kallattiin isaan ilaallatu garuu kanarratti waan jedhan hin qaban.
''Amma sadarkaa mariirra jira. Hojii qabatamaatti hin galla,'' jedha Obbo Tolaan.
'Osoo si'a kudhan mari’atan wayya'
Mootummaan waraana waggaa lamaaf Kaaba biyyattiitti adeemaa ture dhihoo mariin furuutti jira.
Haata’u malee, walitti bu’iinsi Oromiyaa keessaa itti fufuun, waliigalteen waraana Tigraay keessaa qofti Itoophiyaadhaaf nageenyaa waaraa akka hin fidne agarsiise jechun xiinxaltoonni himu.
Taatullee humnoota Tigraay waliin kan mari’ate mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan Shanee ittiin jedhu waliin marii akka hin teenye ibseera.
Kanaan komachuu kana dura BBC’tti kan himan miseensonni paarlaamaa Oromiyaarraa filataman, furmaata wal fakkaataa gaafachaa turaniiru.
Mootummaan hidhattoota kanneen ''ajandaa siyaasaa hin qaban’’ jechuun waliin marii akka hin teenye garuu ammoo kanneen meeshaa lafa kaa’anii dhufan akka simatan beeksisan.
Hidhattoonni badiiwwan garagaraan himannaan irratti ka’u gama isaaniitin haal duree kaa’un bakka qaamni sadaffaan jirutti akka mari’atan ibsu.
Obbo Tolaan lubbuu baraara taanaan eessattuu mariin taasifamu barbaachisaadha jedhu.
‘‘Addunyaarratti qabeenyi qaaliin lubbuu namaati. Lubbuu namaa, saamichi qabeenyaafi buqqaatiin Oromoo hin oolcha taanaan, mootummaan bakka kamittiyyuu marii taasisuun hammeenya qabaatee natti hin mul’atu.
''Namni 10 du’uurra, si’a kudhan osoo mari’anne wayya’’ jedhan Obbo Tolaan.
Waan aangawoonni marii gaafa Kibxataa irratti dubbatan kan gaafataman miseensi biraa Aadde Beetel Malkaamuu kana ibsan.
''Araarri Tigraayitti dhufe bifuma wal fakkaatuun hidhattoota Oromiyaa keessaa waliinis akka gaggeeffamu gaafanne. Isaaniis dhimma araara kanaaf qophii taasisaa akka jiraniifi eeyyamamoo ta’u isaaniiti kan nuuf ibsan.’’
Haata’u malee, hiikiifi adeemsii araaraa kanaa maal akka ta’e, aangawoonni dhimmicha hordofaniis ta’e kan akkuma TPLF waliin ta’etti marii taa’uuf deemuun addatti hin beekamu.
''Garuu deebii amma isaan laataniin akkuma Tigraay qaamni sadaffaan gidduu seenee araara kana xumuruu qaba, adeemsa kanaan ta’u qabas waan jedhuf waan deebi’e hin jiru.
''Garuummoo qaamni hundumtuu gahee isarraa eegamu bahee qaamoota araaratti dhufuudhaaf barbaadan kanas mariisisee gara araaraatti fiduun dursa kennamuufi qabaadha,’’ jechuun kan isaan dubbatan BBC’tti himan.
''Qaamni kamiyyuu rakkinni, gadadoon ummata kanaa itti dhagahamee gara nagaatti akka dhufuf yoo yaade gaarii natti fakkaata,’’ jedhan Aadde Beetal.
Dhimma kanarratti karoora mootummaa baruuf BBC’n aangawoota mootummaa akkasumas dubbii himaa hidhattootaa biraa odeeffachuuf yaalus hin milkoofne.
'Obbolaan wal ajjeesaa jira'
Marii gaafa Kibxataa irratti Ministiroonni garagaraa, Ajajaan tika biyyaalessaa, hoggantoonni paartii biyya bulchu akkasumas keessummoonni kaan argamaniiru.
Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa ''rakkoo biyyaa ta’eera’’ jedhanii dubbachuu Obbo Tolaan BBC’tti himan.
''Dhimma kana mariidhaan furuudhaafis qophii akka qaban isaanillee kaasaniiru,’’ jedhan.
Rakkoo Oromiyaa keessaa karaa nagaan furuuf aangawoota federaalaa waliin ''wal hubannoorra’’ gahamuullee dubbatan.
Rakkoon Oromiyaa sadarkaa idil -addunyaatti miti sadarkaa biyyaalessaattu xiyyeeffannoo hin arganne jechuun, komatu kanneen itti dhiheenyaan dhimmicha hordofan.
Obbo Tolaanis miidiyaan mootummaafi dhuunfaa rakkoo ummataa naannoo Oromiyaa keessaa sirnaan hin gabaasne jechuun qeeqani.
Miseensoota bakka bu'oota ummataa qofaa osoo hin taane, abbootiin amantiifi Abbaan Gadaas rakkoon Oromiyaa keessaa marii qofaan akka furamu ibsan.
Walitti bu’iinsiifi haleellaan waggoota shanan darbaniif keessumaa gama Lixaafi Kibba Oromiyaa ture gama giddugala biyyattiitti babal’ataa jira.
Mootummaanis eega baatiwwan muraasa dura eegalee haleellaa qilleensaa eegaleera.
Taatullee, lammiileen nagaa lubbuu dhabaa akka jiran jiraattoti BBC’tti himaniiru. Xiinxaltoonnis gaaffii irratti kaasaa jiru.
‘’Nageenya Oromiyaa deebisuudhaaf hundumatu abbaa dhimmaati. Nuyi, mootummaan, ummati, ijoolleen maqaa bilisummaatiin bosona Oromiyaa keessa jiran kunillee abbaa dhimmaati.
‘’Abbaa isaaniitu du’aa jira, haadha isaaniitu du’aa jira, saamamaa jira. Obbolaan wal ajjeesaa jira. Hundi dhaabbatee,’’ of ilaaluu qaba jechuun ibsu.
Haleellaa keessumaa booda kana gama Godina Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti raawwatuun hidhattoota gosa lama maqaa sabaa dhahatanitu himatame.
Mootummaan lammiilee tiksuu dadhabuun komatama.
‘’Aanaaleefi godinaaleen Oromiyaa tokko tokko dirree ajjeechaa , dirree saamichaafi meeshaa waraanaa ta’eera’’ kan jedhan Obbo Tolaan ‘’Nageenyi inni sirriin kan inni bu’u danda’u araaraani’’ jechuun ibsu.
Komishiniin Mirga Namoomaa qorannoo baatii jahaa dhihoo baaseen sarbami mirga namoomaa olaanaa Oromiyaa keessatti raawwataa akka jiru ibse.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gama isaatiin lammiileen 700,000 ol gama Lixa Oromiyaa walitti bu’iinsa dhalatuun buqqa’u ibseera.
Hidhattooti WBO bara 2019 ABO irraa adda bahuun ‘’mirga hiree murteeffannaa’’ Oromiyaaf akka qabsa’an himuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiru.
Sochii isaanii walqabatee rakkoo nageenyaa hammaateen paartileen mormituufi rogeeyyiin karaan nagaan akka furamu gaafataa turuun ni yaadatama.