Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa, buqqaatii lammiilee nagaa Oromiyaa xumura dhabeefi dagatame
Wanti baatii Fulbaana keessa Tolaa fi maatiisaa mudate guddoo isa hube.
Bakkee fagoo Lixa Oromiyaatti hidhattoonni Aanaa Jaardaa Jaarteerratti haleellaa bananii obboloota Tolaa lamaafi firoota isaa dhiyoo jaha dabalatee namoota hedduu ajjeesan.
Haleellaa tokkichaan firoota isaa dhiyoo saddeetu jalaa ajjeefame.
''Kuni ta'ii addaa raawwate miti, maatiin nama hundaayyu taatee kanaan miidhamaniiru,'' jechuun Tolaan BBCtti hime.
Tolaan amma baqatee magaalaa Finfinnee jiraata.
Inni akka jedhutti, haleellaa suukannessaa kana hidhattoota Amaaraa 'Faannoo' jedhamaniifi fi Oromiyaatti as ce'aniitu qaqqabsiise.
Jiraattonni bakkeewwan Godina Horro Guduruu Wallaggaa muraasa keessa jiraatan waggoota lamaan darban haleellaan eenyummaa bu'uura godhateen qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.
Ergasii anii fi miseensonni maatiikoo du'arraa hafnullee naasu keessa hin baane jedhe Tolaan.
''Obboloonni koo rasaasaa wayita rukataman ijoollee fi haadholiin warraa isaanii ilaala turan.
''Haala suukanneessaan wayita ajjeefaman sanatti bishaan kadhataa turan.'' jedhe Tolaan.
Keessattuu taateen tokko dhiibbaa jabaa narratti uume jedhe.
''Firroottan koo miidhaaman keessaa tokko barattuu kutaa 12ffaati.
''Abbaan ishee rasaasaan erga dhahame booda iddoo abbaan ishee itti kufan dhaqxee anas na ajjeesaa jetteen.
''Battaluma sana [osoo ijoolleen kaan arganii] haala sukanneessaan achumatti ishee ajjeesan,'' jedhe.
Warra ajjeechaa sana raawwatan mana barnootaatti beekti ture, maqaa isaanii dhoofti ture jechuun hima.
Tolaa fi firoottan isaa qonnaan bultootaa hojiisaaniitin milka'oodha. Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO)'tti hidhata homaa hin qabnu jedhe.
Haleellaan sun erga qaqqabee ji'oota muraasa booda Tolaan magaalaa Finfinneetti hojii guyyuu hojjatee bula, ammas sodaa keessaa jiraachuu hime.
Waggoota dhiyoon asitti Wallagga Lixaa keessatti ajjeechaaf buqqaatiiwwan kanaan walfakkaatan baay'ateera.
Humnoota mootummaa dabalatee gareewwan hidhattootaa manneen jireenyaa fi miidhaan oyruurratti gubuun himatamu.
Hasan, abbaa ijoollee afuriiti, waggoota dheeraaf Wallagga Lixaa keessa jiraatan.
Yeroo ammaa sababa haleellaan Lixa Oromiyaatti namoota nagaarratti 'qiyyaafate' jedhaniin durbiiwwaan isaanii lama haleellaa kanaan dhaban.
''Daa'imaa hanga maanguddoo ganna 90'tti haala sukanneessaan ajjeeffaman. Durbiiwwaan koo lamaan haleellaa kanaan dhabeera. Isaan malee namoonni biroo 70 guyyaa sana ajjeeffaman'' jedhan.
Obbo Hasan fi maatiin isaanii mana malee hafan, mootummaan nageenya isaanii eegee, waan nyaatan akka dhiyeessuuf deeggarsa barbaadu.
Obbo Hasan fi dhalattoonni Amaaraa Wallagga Lixaa keessaa jiraatan biroo haleellaa qaqqabeef hidhattoota WBO balaaleffatu.
Akkasumallee mootummaa naannoo Oromiyaa fi Federaalaa eegumsa gahaa nuuf hin goone jedhani komatu.
Hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu garuu himannaa kana hin fudhatan. Qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafatu.
Hookkarriifi rakkoon nageenyaa gama Lixa Oromiyaa osoo MM Abiy Ahimad aangotti hin dhufin eegale, inumaa itti hammaate.
Jiraattoonni yeroo adda addaatti BBCtti akka himanitti, eenyummaa keenyaaf qofa miidhamnee manaaf qabeenya keenya dhiifne baqanne jedhu.
Jiraattonniifi qondaaltonni mootummaa akka himanitti, hidhattoonni Faannoo jedhaniin dhalattoota nagaa Oromoo ''Shanee'' jechuun haleellaa irraan gahan.
Waggoota muraasa darban mootummaan hidhattoota WBO balleessuuf waadaa seenullee sochiin hidhattootaa babal'achaa jira.
Hidhattoonni WBO kuni baankiilee saamuun, daldaltoota, hojjattootaafi qondaalota mootummaa ugguranii maallaqa gaafachuun himatamu.
BBC'n namoota ugguramuu himatan giddugaleessa Oromiyaa keessattuu Jalduu, Gindabarat fi Meettaa Roobiirraa odeefateera.
Haata'u malee, namoonni hedduun seenaa isaanii miidiyaatti himachuu hin barbaadan- hidhattoonni haaloo na bahuu jedhanii sodaatu.
Erga gadhiifamanii booda miidiyaalees ta'ee namoota birootti akka hin himanne hidhattootaan doorsifamu.
Baatii Sadaasa keessa hojjattooti warshaa simintoo Daangotee hedduun Aanaa Ada'aa Bargaa, bakka km 90 magaalaa Finfinneerraa hin fagaannee keessatti hidhattootaan butamanii turan.
Namoota butaman keessaa 17 dhuunfaa dhuunfaatti birrii Itoophiyaa 300,000 hanga 500,000 kaffalanii bahuu BBC'n odeeffate, kaampanichi garuu dhimma kanarratti yaada hin kenniin hafe.
Si'a lama buqqaane
Namoonni kuma hedduun lakkaa'aman Wallaga Bahaa Kiramuurraa buqqa'an dhaabbilee barnootaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessa torbaniif qubatanii jiru.
Namoota qe'eerraa buqqa'an kanneen keessaa haatii ijoolle sagalii Lookoo jedhaman iddoo yeroof qubatan irraa BBC'tti dubbatan.
Aadde Lookoo fi maatiin isaanii guutuun torban lama dura qe'eesaaniirraa buqqa'an.
Aadde Lookoon waggaa lama dura akkatti namoota biroo wajjiin lafa qonnaasaaniirraa buqqa’anii yeroo sanarraa eegalee Kiiramu jiraachaa turan.
Haleellaa haaraa ammas uumame kanaan garuu yeroo lammaffaaf aanaa ollaa kan taate gara Giddaa Ayyaanaatti baqatan.
‘’Ijoolleen yeroo dheeraaf barnoota dhiisaniiru, qabeenyi keenya ni barbaadaa’e. Namni tokkollee mandara sanatti hin hafne, namni kamiyyuu magaalaa Kiraamutti walitti tuuta’e,’’ jedhan.
Akkuma Tolaan firoota isaa hedduun du’aan of biraa dhabetti, Aadde Lookoonis badii qaqqabeef hidhattoota Amaaraa 'Faannoo' jedhaniin balaaleffatan.
Lookoo fi maatiin isaanii magaalaan Kiiramuu humnoonni nageenyaa mootummaa waan jiraaniif miidhaan hangas hammaatu nurra gaha jedhanii hin yaadne ture.
‘’Deeggarsaa mootummaa fi warri kaan nuuf taasisaniin jiraataa turre.
''Torban lama dura [garichi] dhukaasa banee, namoonni hedduun du’an, waaqayyoo nu gargaareetu jalaa miliqne,’’ jedhan.
Guyyaa sana maaltu akka ture wayita gaafatamaan Aadde Lookoo imimmaantu hudhe.
Sana booda akkatti hidhattoonni Amaaraa dubartii ulfa ajjeesan kan argan dubbatan.
‘’Waan seenaan dhageenye ija kootinan arge. Dubartii ciniinsuurra turan,'' haala suukaneessaan ajjeesan jedhan.
Aadde Lookoon mootummaarraa deeggarsa dhabuu kaasuun, namoota dhuunfaa fi garee gargaarsa naannichatti kennan irraa deeggarsa xiqqoo arganne jedhan.
'Walitti bu'iinsa dagatame'
''Sababoota walitti bu’iinsi Lixa Oromiyaa xiyyeeffannoo gahaa dhabeef keessa tokko waraana Kaaba Itoophiyaati,’’ jedhu xiinxaltuun dhimmoota siyaasaa Tsadaale Lammaa.
Tsadaaleen, hundeessituu barruu Addis Istaandarditi, Ministirri Muummee Abiyi Ahimad aangoo erga qabatanii booda waanti raawwatan dhimmicha ‘’walxaxaa taasise’’ jedhan.
Sababni biraan haalli Oromiyaa keessa jiru akka xiyyeeffannoo dhabu taasise hawaasni addunyaa Ministirri Muummee Abiyyi ''waan Oromoon gaafateef isaan deebii kennu jedhanii yaadu,’’ jedhan.
‘’Hidhamoota siyaasaa hiikan, pireesii bilisa godhan, qondaalota siyaasaa biyyaa baqatan biyyatti akka deebi’an affeeran, kanaafuu nama gaaffii hawaasni Oromoo dhiyeesseef deebii sirrii kennuu akka ta’eetti ilaalame,’’ jedhan.
Paarlaamaan Itoophiyaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan ABO irraa foxxoqe tarree shororkeessatti ramadeera.
Gareen kuni bara 2019 dhaaba ABO irraa adda bahuun qabsoo hidhannoo akka itti fufu beeksise.
Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kanaan dura haleellaawwan qaqqabeef humnoota nageenyaafi hidhattoota WBO itti-gaafamoo taasise.
Qaamoleen walitti bu’iinsa Oromiyaa keessa jiran marti garuu himannaa sarbama mirgaa hin raawwanne jechuun waakkatu.
Waggoota dhiyoon asitti Itoophiyaa keessatti walitti bu’iinsi sabaa dabalaa jira, Oromiyaatti ammoo caalatti kan hammaate fakkaata.
Qondaaltoonni naannoo Oromiyaa fi Federaalaa waggoota afran darban rakkoo nageenyaa lammilee Oromiyaa keessa jiran mudatu atattamaan akka furan dubbataa turan.
Rakkoon kuni garuu ittuu caalatti hammaata adeeme.
Namoonni nagaanis yoom qe’eefi qabeenya keenyarraa buqqaana jedhanii yaadda’aa jiraachuu itti fufaniiru.
*Maqaaleen barreeffama kana keessatti eeraman nageenya miidhamtootaaf jecha geeddarameera.