Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaanonni maaliif Tiraampiif carraa lamataa akka kennan
Kun dhugaadhuma seenaa siyaasaa Ameerikaa keessatti namni tokko deebi'ee pirezidantii biyyattii ta'uun yoo filatamu ajaa'iba ta’uun isaa hin oolu.
Doonaald Tiraamp erga Waayit Haawus gadhiisanii bahaniin waggaa afuriin booda, akka deebi'uuf lammiileen Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’amaniin carraan lammaffaa kennuufii jira.
Duulli filannoo kun kitaabota seenaa keessaa tokko ture: Tiraamp yaalii ajjeechaa lama irraa kan hafe yoo ta'u, dorgomaansaa jalqabaa Pirezidaantiin Joo Baayidan guyyaa filannootiin ji'oota muraasaan dura duula addaan kutan.
Lammiileen Ameerikaa isteetiiwwan falmiin murteessoo ta'an keessatti gaggeefamu keessa jiran harki caalaansaanii sagalee isaaf kennuu filataniiru.
Hedduun isaanii ammoo dinagdeefi godaansa akka yaaddoo guddaatti kaasuun isaanii ni yaadatama.
Injifannoon isaa kun kufaatii ajaa'ibaan booda kan dhufedha. Bu'aa filannoo bara 2020 Baayidaniin injifatamuu fudhachuu diduudhaan bu'aa filannoo fudhachuu didee aangoo irra turuuf yaaliin inni taasisee ture ammalleen qoratamaa jira.
Haleellaa jeequmsaa Amajjii 6 bara 2021 Kaappitol Ameerikaa irratti raawwatame kakaaseera jedhamuun himannaan isarratti dhiyaateera.
Tiraamp maaliif nama baayyee ilalcha fiixeetti bahe akka qabu hubachuun nama hin rakkisu.
Duula filannoo kana hunda keessatti Tiraamp jechoota dubbii harbeessan fayyadamaniiru, qoosaa cimaa fayyadamaafi diinoota siyaasaa isaanii irratti haaloo ba’uu doorsisaa turan.
Ergaan inni diinagdeerratti dubbate nama tuqa
Waa'ee Tiraamp yeroo ka'u namoonni giddugaleessa ta'an muraasa. Filattoonni yeroo duula filannoo kanaa BBCn dubbise harki caalaan isaanii “afaansaa osoo cufatee” akka hawwan dubbataniiru. Haata'u malee, sana bira darbanii ilaaluu danda’aniiru.
Kanarras gaaffiilee inni duula hunda irratti gaafataa ture irratti xiyyeeffatan. “Waggaa lamaan duraa caalaa amma siif wayya?”
Namoonni baayyeen Tiraamp filatan irra deddebiin akka jedhanitti, diinagdeen biyyattii yeroo inni aangoorra ture caalaa wayya ture. Kanaaf, haala amma jiru akka dhaabbatu barbaadu.
Maddi qaala'insaa irra jiraan sababii dhimmoota alaa kanneen akka weerara koovidiitiin ta'ulleen, garuu bulchiinsa amma aangoorraa ka'uuf jiru himatan.
Akkasumas, filattoonni godaansa seeraan alaa bara Baayidan keessatti sadarkaa rikardii olaanaarra gahes baayyee yaaddoo qabu turan.
Tiraamp fi deeggartoonnisaa akkuma jedhanitti yeroo baay’ee ilaalcha sanyummaa hin ibsan ykn godaantonni bineedota manaa nyaataa akka jiran amanaa turan.
Tarkaanfii seera daangaa kabachiisuu baayyee cimaa ta'e qofa barbaadan.
'Dursa Ameerikaaf' bara aangoo Tiraamp lammataatti
“Ameerikaan haa dursituu” dhaadannoo Tiraamp gara biraa dhuguma filattota biratti kan nama hawwatu fakkaatudha. Guutummaa biyyattii keessatti namoonni – bitaa fi mirgaa – wayita maallaqni biyya keessatti gaarii ta’a jedhanii yaadanitti Yukireen deeggaruudhaaf dolaarri biliyoonaan lakkaa’amu ba’uu yoo komatan dhaga’aman.
Dhumarratti, Kaamalaa Haaris, kan waggoota afuriif itti aantuu pirezidaantii Baayidan ta’uun tajaajilaniif sagalee kennuufiif hin dandeenye. Kun ammoo caalaatti kanuma ta'a jedhanii sababii amananiif jijjiirama barbaadan.
Filannoo kana keessatti waan nama ajaa’ibu keessaa tokko kaadhimamaa amma jijjiirama bakka bu’e kun waggoota afur dura ofiisaatiin aangoorra kan turedha. Garuu ammoo yeroo sanaafi amma gidduu garaagarummaa hedduutu jira.
Jalqabaaf bara 2016 aangootti yeroo dhufeetti nama siyaasaan alaa kan ture yoo ta’u, yoo xiqqaate yeroo muraasaaf, gorsitoota siyaasaa duraaniifi hojjettoota kanneen kallattii itti agarsiisaniifi gocha isaa danqan waliin of marsee ture. Amma garuu waan tapha seera taphachuuf fedhii qabu hin fakkaatu.
Gorsitoonniifi hojjettoonni walfakkaatan kun hedduunsaanii, “sobduu, faashistiifi kan hin taane” jedhanii waamuun.
Yeroo aangoo gadhiisetti, jeequmsa Kaapitool keessatti gahee qabuuf, sanadoota nageenya biyyaa ilaallatan akkamitti akka qabateefi kaffaltii maallaqa taatoo fiilmii beekamtuu callisiisuuf kaffaluu waliin waliin walqabatee himannaa yakkaa hedduutu isa mudate.
Haata'u malee, Manni Murtii Olaanaa pirezidaantichi gocha yeroo aangoorra jiruun himannaa irraa bilisa guutuu qaba jedhee waan murteesseef, abbaan alangaa kamiyyuu yeroo bulchiinsasaa itti aanutti himachuu rakkiisaa ta'a.
Akkasumas, akka pirezidaantiitti, murtii hidhaa akka hin yaaddofneef, himannaawwan federaalaa kanneen jeequmsa Amajjii 6 waliin walqabachuun isarratti baname akka dhiisuuf kutaa haqaasaatiif qajeelfama kennuu danda’a.
Haaluma wal fakkaatun, namoota dhibbaan lakkaa'amaniifi jeequmsa Kaapitool keessatti qooda qabaachuusaaniitiin hidhaan itti murtaa'eef dhiifama gochuu danda'a.
Dhumarrattis, filattoonni gosa Ameerikaa lama dhiyaataniiru.
Doonaald Tiraamp biyysaanii biyya kufaa ta'eefi inni qofti deebisee guddaa gochuu kan danda'u ta'uu itti hime.
Gama biraatiin ammoo, Kaamalaa Hariis yoo Tiraamp filataman dimokiraasiin Ameerikaa mataansaa yaaddoon baduu mudachuuf akka malu akeekkachiisaniiru. Sun kan ilaalamu ta'a.
Haata'u malee, wanti Tiraamp mataansaa yeroo duula filannootti dubbatan sodaa namootaa sirriitti kan salphiisu hin turre.
Hoggantoota abbaa irree kan akka Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un kanneen, “jaalattanis jibbanis tapha isaanii irrattis sadarkaa olaanaa irra jiru” jechuun faaruun isaan tuuleera.
Qeeqxoota pireesii keessa jiran isa callisiisuuf yaaluu dubbateera. Filannoon gaggeeffamuuf guyyoota muraasaan duras yaada miseensonni miidiyaa yoo ajjeefaman akka isa hin dhibne agarsiisan kenneera.
Akkasumas filannoon dhumarratti kan injifannoo isaatti geessu ta’us, yaadni shiraa fi himannaa bu’uura hin qabne hanna filannoo guddisan itti fufeera jedhan.
Amma, wanti inni yeroo duula filannootti dubbate keessaa hangam haasawa laaftuu qofa akka ture filattoonni adda ni baasu. “Tiraamp Tiraampiidhuma”. Akkasumas yaadadhaa: Ameerikaanota qofa miti kan dhugaa turtii Tiraamp isa lammaffaa mudachuuf jiru.
Addunyaan marti amma dhugaatti ''Ameerikaan haa dursitu'' (“America First”) jechuun maal jechuu akka ta'e ni hubata.
Bu’aa dinagdee addunyaa irraa taarifa %20 kan inni daldala alaa galfaman Ameerikaarratti yaada dhiheesse irraa kaasee, hanga waraana Yukireen fi Baha Giddugaleessaatti xumuruuf dhaadatetti, gama kamiinuu yoo mo’ate waan argamuudha.
Doonaald Tiraamp marsaa jalqabaa aangoo isaa keessatti karoorasaa hunda hojiirra oolchuu hin dandeenye.
Amma aangoo lammaffaafi ba’aa baay’ee xiqqaa ta’e keessatti, Ameerikaaniifi addunyaan, dhuguma maal gochuu akka danda’u arguuf jiru.