Walgahii kaabinee Tiraamp irratti komii Elan Maaskii irratti ka'e fi hir'ifamuu aangoosaa

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp ministiroota isaanii walitti qabuudhaan kan biyya keessaa fi addunyaarratti ijoo dubbii ta'e dhimma Elan Maask, baasii hir'isuu fi hojjattoota hir'isuuf tarkaanfii fudhatame irratti mari'atan.
Miidiyaalee Ameerikaa akka gabasaniitti mariin gaggeeffame kan baayyee falmiin guutame ture.
Niiw Yoork Taayimsi akka gabaasetti walgahicharratti ministirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiiyoo ministeera dhimma alaa keessatti hojjataa hanga eegamu hin hir'ifne jechuun himatan.
Akka gaazixichi gabaasetti abbaan qabeenyaa Maask hojiiwwan dippilomaatiin ijoon Ameerikaa Ruubiiyoon raawwatan dhiisuudhaan qoqqobaniiru.
Kana malees ministira geejibaa Shoon Daf waliin falmii keessa seenanii turan. Ministirichi waajira gahumsa waajiraale mootummaa Maaskiin durfaman to'atu, hojjattoota to'attoota balaliinsa xiyyaaraa hir'isuudhaaf yaaluusaa kaasuudhaan walitti bu'anii turan.
Oggeessoonni to'annoo Tiraafika qilleensaa bulchiinsa Aviyeeshinii federaala Ameerikaa jalatti argaman hir'ina akka qabu kan himame yoo ta'u, ministirri geejibaa Tiraamp erga aangootti dhufanii booda xiyyaaroonni lama kufanii caccabuun walqabee waajjiirrichi qoratamaa jira.
Walgahicharratti aanga'oonni mootummaa olaanoo jidduutti falmii ture erga dhagahanii booda pirzidantiin Tiraamp jidduu galuudhaan, waan waajjirri Maskiin durfamu raawwatu akka gargaaraniifi garuu ministiroonni hojiicha akka dursaniif waajjiirri Maask akka isaan mariisiisu ajajan.
Dubbi himaan waajjirri dhimma alaa Ameerikaa, walgahiin kaabinee Maarkoo Ruubiiyoof ''mariin ifaafi bu'a qabeessa ta'e'' akka gaggeeffame ture Niiw Yoork Taayimsiitti dubbatan. Garuu ammoo gaaffii BBCn waajjira Pirezidantiif dhiyeesseef deebii hin kannine.
Walgahii hariitiin qindeeffame irratti waajirri Maskii mariisiisuu irratti akka daangeffamu taasisuun, torbanoota aangoosaanii jalqabaarratti aangoo baasii mootummaa akka hir'isaniif Maask kennanii turan daangeessuuf murteessuu isaan ragaa agarsiisuu ta'u danda'a.
Qabiyyee walgahii ministiroota waliin taasisan gama ilaallatuun, Tiraamp yaadasaanii kan kennan, erga miidiyaaleen biyya keessaa dhimmicharratti gabaasanii booda, barreeffama toora miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreeffama maxansaniidha.
Kanaanis aanga'oonni waajira Maask waliin ta'udhaan ''tarkaanfiiwwan baasii hir'isuu'' irratti akka hojjataniif ajaja dabarsuu ibsaniiru.
''Ministiroonni akkuma hubataniitti namoonni waajiiraale garaagaraa keessa hojjatan yoo beekaniifi hubatan, kan itti fufuufii kan hir'ifamu adda baasuudhaan tarkaanfii sirrii fudhachuu danda'u'' jechuun hojiin of eeggannoon guutame akka hojjatamu kaasan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Elan Maask bulchiinsa Tiraamp keessatti aangoo murteessaadha jedhame baasii mootummaa fi hojjattoota hir'isuudhaaf itti gaafatamummaa erga qabatanii booda, dhaabbilee hedduurratti yeroo gabaabaa keessatti gochaafi ergaadhaan dhiibbaa olaanaa taasiseera.
Kanaanis waajiraaleen federaalaa doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu sochoosaan laaffataniiru ykn hojiin ala ta'aniiru.
Kana malees, waajirri Maask akkaawuntiiwwan imeelii mootummaa mirkannaa'oo ta'aniin hojjattoota mootummaa federaalaa miiliyoonotaan lakkaa'amaniif ergaa erganiin mindaasaanii ji'aa fudhachuun hojiisaanii akka gadhiisaniif yaada dhiyeessee ture.
Akkasumas hojjattoonni mootummaa federaalaa torbaniitti hojiiwwan raawwatan gabaasa akka dhiyeessan, yoo ta'u baate ammoo hojiirraa har'amu akka danda'an beeksiisee ture. Haata'u malee dhaabbileen tokko tokko hojjattoonni imeeliichaaf eebii akka hin kenniine ajajan.
Akkasumas waajjirri Maask hojjattoonni waajiraalee mootummaa haaraa mindeeffaman hundi hojiirraa akka dhaabsiifaman ajajee ture. Sababii kanaatinis hojjattoonni yeroo yaalii irra waan ta'aniif mirga hojjataa siviili guutuu waan hin qabneefiidha jedhameera.
Dhaabbileen mootummaa kan akka to'annoo nageenya meeshaalee nikulaara Ameerikaa fakkaatan fa'i garuu hojjattoonni isaanii barbaachisoo ta'u ibsuudhaan ajajicha kufaa taasisan.
Tiraamp waa'ee walgahii ministiroota isaanii waliin guyyaa Jimaataa taasisan irratti gaaffii gaazexessitootaan dhiyaateef deebii kennaniin, ''falmii hin qabu ture'' jedhan. Itti dabalunis dinqisiifannaa Maarkoo Ruubiiyoo fi Elan Maaskiif qaban ibsan.
Haata'u malee guyyaa Kamisaa barreeffana miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin ministiroota isaaniif aangoo dabalataa kennuudhaan dhiibbaa Maask irraa hir'isuuf ta'u kan agarsiisuudha jedhamaa jira.
Akkasumas tarkaanfiin kun haala miseensoota kaabiinee isanaiittiin ala ta'een qorannoo seeneetii fi osoo mirkaneeffannaa hin argatiin aangoo olaanaa akka qabatan kan taasisana sababii Elan Maaskiin gaaffii seeraa isaan mudachuu danda'u ttisuuf mala uman ta'u danda'a jedhamaa jira.
Dhimma kana hordofaa kan jiran abbootiin seeraa federaalaa hedduun, amummaanu aangoo Elan Maask irratti yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Maaskii fi Tiraamp ammatti walta'insa addunyaarratti murteessaa ta'e uummataniiru. Abbaan qabeenyaa addunyaa kanaa Maask akkasumas Tiraamp namoota siyaasaa ta'un dhiibabansaanii salphaa hin ta'u.
Haata'u malee walta'insi jarreen kanaa hangam cimee itti fufuu danda'an gaaffiin jedhu namoota hedduun ka'aa tureerra.












