Bosona balaafamaa Itoophiyaanotiifi godaantoonni Awurooppaa seenuuf yaalan kan sarootaan 'keessatti ari'ataman'

Dawiait Poolaand keessa turuu barbaada garuu godaantonni biroo imala isaa irratti wal argan hedduun isaanii UK ga'uuf akka kaayyeffatan dubbata.

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Dawiit Poolaand keessa turuu barbaada garuu godaantonni biroo imala isaa irratti wal argan hedduun isaanii UK ga'uuf akka kaayyeffatan dubbata.

Dargaggeessi Itoophiyaa irraa dhufe kun maqaansaa Daawiit, (kan maqaasaa jijjirame) jedhama.

Magaalota gurguddoo Poolaandi keessaa tokko keessatti paarkii tasgabbaaʼaa fi baala mukaatiin guutame keessatti gabaastuu BBC waliin arguun turtii taasiseera.

Inni qaana'aa fi ija laafaa suuta dubbatu yoo ta'u, haala qilleensaa qorraaf jecha jaakkeettii keelloofi fi gurraacha kan mataatti kaawwatan qabu uffatee jira.

Innis tajaajila loltummaa dirqii jalaa miliquuf biyyaa baqatee akka bahe dubbata. Namoota karaa seeraan alaatiin nama daddabarsaniif gara doolaara 7,000 (£5,500) kanfaluudhaan karaa Raashiyaa fi Beelaaruus imaluun gara Poolaandi akka qajeele dubbata.

Erga bara 2021tti rakkoon kun jalqabee kaasee namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman kanneen daangaa Beelaaruus fi Poolaandi seeraan ala qaxxaamuran keessaa tokkodha Daawiiti.

Godaantonni dallaa olka'iinsa meetira 5.5 qabu bara 2022 Poolaandi ijaarte qaxxaamuruudhaaf gargaaru, sadarkaa fi sibiilli muraa fayyadamu

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Daangaan Poolaandii fi Beeraaluus kan bosona cimaadhaan haguugammeedha. Bosona qabaachu qofas osoo hin taanee dallaan daangaarraa kan qoraattiin dalleeffameedha.

Bosoonni Biiyaaloowiizaa (Bialowieza) jedhamuun beekamu kunis kan akka qabeenyaa hambaa umamaatti UNESCOn galmaa'ee yoo ta'u, eegumsa cimaatu taasifamaaf.

Amma garuu godaantoonni gara Gamtaa Awurooppaatti seenuudhaaf akka daandii keessa qaxamuraatti itti fayyadamu.

Mootummaan Poolaandi ammoo godaantoonni gara biyyasaaniis ta'e gara biyyoota Awuroppaa kaan akka hin seenneef dhorkuuf jecha dallaa dheerina kiilomeetira 193 qabu bara 2022tti ijaarsise.

Bara 2024tti daangaa Beelaaruus irraa gara Poolaanditti ce'uuf yaaliiwwan gara kuma 30tti siqan taasifamaniiru.

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2024tti daangaa Beelaaruus irraa gara Poolaanditti ce'uuf yaaliiwwan gara kuma 30tti siqan taasifamaniiru.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eegdoonni daangaa Poolaandi guyyaa fi halkaniin miilaan, konkolaataa meeshaa waraanaa fe'aniifi xiyyaaroota nama-maleeyyiidhaan samiifi lafoodhaan eegaa oolanii bulu.

Qondaala waardiyyaa daangaa kan ta'an Miikaal Buraa, dallaa dheerina meetira shanii ol qabu agarsiisaa, dallaa godaantoota seeraan alaa ittisuuf jecha haalaan ijaarameedha jedhu.

Dallicha irratti namoota utaaluuf yaalan ittisuuf jecha sibiloota qara qaban, shiiboowwan akka qoraattiitti qara qaban guyyaa keessa ija namaatti balaqisa.

''Namoota karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsan tarkaanfii tokko dursinee aramu qabna. Diina keessa tarkaanfii tokkoon dursine argamu qabna'' jedhu Buuraan.

Buuraan waardiyyoota daangaa Beelaarusiitti quba qabu. Isaanis akka ''

diinaatti'' ilaalu.

''Eegdoonni daangaa Beelaaruus namoota karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsan waliin hojjatu'' jechuun himatu.

"Karaa ittiin seeraan ala qaxaamuraniin agarsiisuun. Meeshaalee akka masalaalii fi kan itti shiboo kutan fa'i kennuuf'' jedhu.

Aanga'oonni poolaand amaloota godaantoota seeraan alaa eruudhaan komatu. Muddee 2024 keessaa gabaasni Humaan Raayitis Wooch, aanga'oonni Poolaandi ''yeroo tokko tokko goodaantoota karaa seeraan alaatiin ykn humnaan gara biyya saanii seenuuf yaalan osoo eegumasa godaantootaa fi fedhii ittisaasaanii hubannoo keessa hin galchiin gara Veelaaruusiitti akka deebii'an ni dirqiisiisu'' jedhan.

Dhiiroonni lama dhaabbatanii wayita dirooniidhaan bosona keessa waan jiru ilaalaa jiran

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Filannoo Beelaaruus bara 2020 hordofee Gamtaan Awurooppaa erga qoqopphii cimaa irra kaa'ee booda Pirezidanti Aleeksaandar Liikaasheenkoon Baha Jidduugalaatiis ta'e godaantoota Afriikaa irraa karaa seeraan alaatiin gara daangaa Poolaand dhufan akka hin dhaabsiifne dubbatan.

Lukaasheenkoon bara 2021tti BBCn ''itti himeera godaantoota daangaa Gamtaa Awurooppaa qaxxaamuruu yaalan hin hidhu. Dhufuusaanii kan hin dhaabsiifne hanga hin taaneetti. Sababiinsaas gara biyyakoo dhufaa hin jiran. Gara biyya keessan dhufaa jiru'' jedhan.

Haasaa pirezidantichaa kanaan qofas osoo hin taane, Beelaaruus godaantoonni Awuroopaa seenuudhaaf aandii kanatti akka fayyadamaniif ni jajjabeessiti himannaan jedhu irratti ka'a.

Bara 2021tti bakka bu'aan imalaa mootummaa Lukaasheenkoon durfamu godaantoota gara daangaa dhufan imalsaanii mijeessuudhaan Gamtaa Awurooppaatiin dhorkaan irra kaa'ameera.

Bakka bu'aan imalaa kun, bara 2021tti ministeera dhimma alaa, daa'imman umuriinsaaniiwaggaa shanii gadii ta'an dabalatee lammiilee Iraaqi hedduuf, turizinii Adaniif jechuun viizaa gaafachuu BBC hubateera.

Viizaan sunis dhiheenya Poolaandiitti kan argamuufi eegumsii kan taasifamuuf naannoo bosona Biiyaaloqiizaa akka turaniif mirga seeraa kennaaf.

Rakkoon godaantotaa amma deemaa jiru heddummina lubbu qabeeyyii Bosona Biiyaaloowizaa akka jijjiiramu taasisaa jira

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoon godaantotaa amma deemaa jiru heddummina lubbu qabeeyyii Bosona Biiyaaloowizaa akka jijjiiramu taasisaa jira

Aanga'oonni daangaa Beelaaruus godaantoonni daangaa akka qaxxaamuraniif ni gargaaru jedhamu haaludhaan, dhimmoota nageenya daangaatiin wal qabatan irratti ibsa kana dura kennan kaasuun BBCtti himan.

Ibsichi, ''Erga haalli godaansaa cimee kaasee biyyoota Gamtaa Awurooppaatiif koreen daangaa biyyattii barbaachisummaa marii ijaaraa fi haala godaantoota seeraan alaa ittisuun wal qabateen barbaachisummaa walta'insa pirojektoota daangaa qaxxaamuranii itti fufsiisuu ibsuun irra dedebiin waamicha dhiyeesseera'' jedhan.

Itti dabalunis, ''akka carraa ta'e biyyoonni gamtaa Awurooppaa marii ijaaraa taasisuurra humnsa loltoota naannoo daangaa cimsuu, kan dubbii barbaadan yoo ta'u, dhimmoota walta'insa daangaa hin barbaadan. Yeroo ammaatti rakkoo godaansaa umamaa jiru furuudhaaf mala cimaa fayyadamaa jiru.''

Hariiroo daangaa Poolaandii fi Beelaaruus

Baay'inni godaantotaa dabaluu isaatiin hariiroon namoota daangaa gama lamaaniinuu hojjettootaniif itti gaafatamummaan itti kenname gidduu jiru haalaan jijjiirameera jechuudha.

"Hanga waggoota muraasa duraatti... isaan waliin haasofna turre, waliin sigaaraa xuuxaa turre. Amma garuu wal ilaalla. Isaan waliin qunnamtii tokkollee hin qabnu," jedha Buraan.

Tattaaffiin Poolaandi irraa dabalaa jiraatus, bara 2024tti daangaa qaxxaamuruuf yaaliin gara kuma 30tti dhiyaatu ture. Kkunis erga rakkoon kun bara 2021 eegalee booda lakkoofsa olaanaa galmaa'e isa lammaffaadha.

Kanneen keessaa baay'een isaanii yoo milkaa'an haala gaarii hin taaneeen qaqabu.

Olgaan dhaabbata tola ooltummaa namoota dhiheenya kana gara Poolaandi dhufan gargaaru keessatti tola ooltummaadhaan hojjetti.

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

'Yoo ati fiigdee duubaan saree sitti gadhiisu'

Bosonni kunis baayyee hedduu fi dhiifama kan hin qabnedha. Dallaa sibiilaa ol fageenya meetira 5.5 olka'aan kun miidhaan manarraan gahu suukaneessaadha.

Akka gareen Hordoffiaa Jirra (We Are Monitoring) jedhutti, namoonni 89 daangaa kana ce'uutti lubbuun isaanii darbaniiru.

Godaantonni akka isaan qaxxaamuraniif meeshaan kennuun gargaaraman illeen, waardiyyoonni naannoo isaanii keessaa isaan baasuudhaan jechan saroota humna daangaa Beelaaruusiin gara Gamtaa Awurooppaatti ari'amuun waanuma baramedha.

Keessumaa haalli yeroo qorraa baayyee kan ulfaatuudha. Ho'a qaamaa gadi bu'uu fi qorri (frostbite) waanuma baramedha.

"Yoo fiigde saree si duubaan sitti gadhiisu" jedha Dawit. "Namoota morma isaanii fi akkasumas miila isaanii irratti ciniinaman argeera."

Olgaan dhaabbata tola ooltummaa namoota haaraa dhufaniif gargaarsa gochuuf bosona keessa seenuun hojjatuuf hojjataa jirti. Namoonni isheen qunnaman yeroo baayyee kan sodaataniifi kan gargaarsa yaalaa akka barbaadan ta'u dubbatti.

"Sababa sibiilli qara qabuutiin miidhaan baay'ee isaan mudata. Yeroo tokko tokko harki, miila isaaniitu kan cabedha wayita dallaa irraa utaalaniitti."

Waajjira muummee dhaabbata tola ooltummaa keessatti ture BBCn kan Olgaa waliin wal argine.

Ganda dhiyootti argamu keesatti manni gamoo kutaa sadii qabu kan miseensa hawaasa naannoo sanaa deeggaru tokkoon arjoomamedha.

Isaanis namoota godaantonni walitti dhufuusaaniitti aaran irraa haaloon akka irratti hin bahamneef sodaachuun bakka isaan jiran dhoksu.

Meeshaaleen kan guutamedha. Innis dhiyeessitii meeshaalee kanneen akka uffata ho'aa, nyaata, baandeejii fi meeshaaleen gargaarsa jalqabaatiin keenyaa irratti ol ka'uun tuulamanii jiru.

Gara maddiirratti sireewwan lama kan tola ooltonni irra rafan, yoo shiftiin saanii hayyame, ni mul'atu.

Bilbilli gargaarsa gaafachuu halkan ykn guyyaa sa'aatii kamiittuu namoota garaa garaa achi gahan irraa isaa qaqabu danda'a.

''Yeroo qorraatti amma yeroo baayyee dargaggootatu jira. garuu ammoo Fulbaanaa fi Onkololeessaa keessa, gara wallaakaansaanii shamarraniifi dubaroota xixiqqoodha. Saafeeloonni hedduunis jiru.''

Yoo danda'ame, kanneen dhaggeeffachuuf fedhii qabaniif bulchiinsi dhaabbta tola ooltummaa kanaan deeggarsa jalqabaafi gorsa godaantummaa kennaaf.

Mateusz Bialowieza keessa jiraata fi hojjeta, namoonni baay'een Belarus irraa gara EUtti karaa isaanii yeroo deeman bosonni akkamitti akka madaqamu ofumaan argu.

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Gama biraatiin ammoo, ibiddi bosonaafi balfi kanneen naannoo daangeffame keessa karaa imalaniin gatame, amala bineensota Biiyaalowiaza jijjiiramaa jira jechuudha.

Urgaa namaa irraa fagaachuuf carraaqqii godhameef, tuunni bisoon Awurooppaa amma gara kutaalee bosona duraan hin barbaanneetti imalaa jiru.

Miilli namaa dabaluu isaatiin gosoota lubbuu qabeeyyi alagaa ogeeyyiin bosonaa balleessuuf hojjechuu qaban fida.

Maateusz Szymuraa waggoota 20 oliif eegduu bosonaa ta'ee kan hojjete yoo ta'u, umurii isaa guutuu Biiyaalowiiza keessa jiraachaa ture. Riqicha cabbiin uwwifame kan bosona dukkanaa keessa jiru keessa yeroo deemnu, yeroo dabareesaa yeroo baayyee godaantoota akka arguu fi tarkaanfiin Beelaaruus irraa fudhatamuu dhabuu isaatiin akka yaadda'u BBCtti himan.

"Rakkoon Bosona Biiyaaloowiizaa kan dabaludha yoo isaan (Beelaaruus) naannoo eegumsa cimaan taasifamuuf keessa namoonni akka seenan hayyamuu itti fufan," jedha.

Daraaraa lamacabbiidhaan uwwiifamanii

Madda suuraa, Jack Garland, BBC News

Haata'u malee, namoota baay'eedhaaf kun imala gara biyyoota Awurooppaa birootti godhaniif bakka yeroof keessa turaniidha.

Akkasumas hanga godaansi seeraan alaa cimina tapha siyaasaa Beelaaruus taphatutti rakkoon kun daangaa Awurooppaa irratti dhiibbaa uumuu itti fufa.

Daawiit namoonni biroo imalasaatiin wal argee hedduun gara UK ga'uuf akka kaayyeffatan dubbata. Inni garuu Poolaanditti koolu galtummaa gaafachuun gaaffiin isaa adeemaafii jira.

"Ani nagaa ta'uu qofaan barbaada. Kanaafidha asitti hafuudhaafis kanan murteessee'' ejdha Daawiiti.