Awwaalcha jumlaa Liibiyaa keessatti reenfi baqattoota hedduu argame- Aanga'oota

Madda suuraa, Getty Images
Gammoojjii kibba-baha Liibiyaa keessatti reenfi godaantotaa yoo xiqqaate 28 ta'u iddoo tokkotti awwaalamee argamuu abbaan alangaa biyyattii ibse.
Awwaalchi jumlaa kun handaara magaalaa Kufra jedhamuutti argamuu guyyoota muraasa dura reenfi namoota 19 ta'anii achumatti jumlaan awwaalamee argamee ture.
Aanga'oonni biyyattii akka jedhanitti osoo iddoo yakki daddabarsa seeraan alaa dhala namaarratti raawwatu itti heddummaatutti oppireeshinii gaggeessaa jiranii awwaalcha jumlaa kana argan.
Waajjirri abbaa alangaa biyyattii ibsa Facebook isaarratti maxxanse keessatti duula sakatta'iinsaa gaggeeffamaa jiru kanaan godaantonni hidhamanii dararamaa turan 76 ta'an bararaamuu hime.
Yakka kanaan walqabatee lammiin Liibiyaa tokkoo fi lammiin biyya alaa tokko to'atamuus ibse.
''Namoota gurmaa'anii yakka raawwatantu jiru. Godaantota irratti hammeenya raawwatu. Mirga godaantota seeraan alaa sarbu, ni dararu, ni hidhu, ni reebu, qabiinsa dhala namaaf hin malle qabu,'' jedha ibsi kun.
Suuraaleen miidiyaa hawaasummaarratti qoodaman, kanneen BBCn qaama walabaarraa hin mirkaneessine, wayita poolisii fi tola ooltonni reenfa namoota qotanii baasuun korojoo gurraacha keessa kaa'an mul'isu.
Magaalaa guddoo Liibiyaa- Tirippoolii irraa kiilomeetira 1,700 kan fagaattu magaalaa Kufra keessatti sakatta'iinsi itti fufeera.
Abaan alangaa waliigalaa qorannoon reenfaa gaggeeffamaa jiraachuu ibse.
Taateen kun waliigalatti caasaa yookiin neetwoorkii daddabarsa godaantota seeraan alaatiin walqabachuusaa adda baasuuf qorattoonni hojii eegalaniiru jedhe.
Biyya godaantonni hedduun Afrikaarraa ta'an daandii godhachuun gara biyyoota ittiin darban kan taate Liibiyaa keessatti reenfa godaantotaa jumlaan arguun waan haaraa miti.
Bara darbes kibba-lixa biyyattiitti reenfi godaantotaa yoo xiqqaate 65 ta'u iddoo tokkotti awwaalamee argamee ture.
Yeroo sana dhaabbati godaantotaa idiladdunyaa- IOM ''baayyee kan nama rifaasisuudha,'' jechuun taatee mudate ibsee ture.
Liibiyaan erga Muammar Gadaafii bara 2011 aangoorraa ari'amee ajjeefamee as nagaa hin arganne.
Ergasii biyyattiin godaantota seeraan alaa gammoojjii balaafamaa fi imala hamaa Galaana Meediteraaniyaanii irra qaxxaamuruun gara Awurooppaa ce'aniif daandii taatee jirti.
Dhaabbati idiladdunyaa daa'imman gargaaruu irratti xiyyeeffatee hojjetu- Unicef akka jedhutti bara 2024 keessa lakkoofsi godaantota osoo karaa Liibiyaatiin gara Awurooppaatti ce'uuf yaalanii du'an 2,200 caaleera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












