Dirreen waldaaleefi dhaabbileen siivilii keessa socho'an dhiphachaa deemee?

Mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya dhabbilee siivilii hawaasaa sadii akeekkachisa duraa tokko malee uggura irra kaa'ee ture irraa kaasuun ibsameera.

Cufamuu waldaalee kanaa wayita dhaga'ametti, gartuulee mirga namoomaaf falman Aminastii Intarnaashinaali fi Hiyuumaan Raayits Waach dabalatee kaan hedduun balaaaleeffatanii, mootummaan murtee kana irra deebi'ee akka ilaalu gaafatanii turan.

Waldaaleen kunneenis Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD), Waldaa Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (AHRE), fi Ogeessota Seeraa Mirgoota Namoomaaf (LHR) kan jedhaman yoo ta'u, xalayaa Roobii darbe Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa irraa dhabbilee kanneen qaqqabeen dhorkiinsi sun kaafamuun ibsameera.

Ofii dhaabbileen Siivilii dhimma mirgaa fi demokiraasii irratti hojjatan biyya tokko keessa jiraachuun gumaacha akkamii qaba?

Yuniversiitii Walqixxeetti barsiisaa seeraa fi dhimmota mirga namoomaa irratti kan qoratan barsiisaa Margaa Fiqaaduu dhabbileen sivilii gosa heddu akka ta'an eeranii isaan keessaa dhabbileen kabaja mirga namoomaa fi demokiraasi cimsuu irratti hojjatan "mirgoota kanneen hanga tokko tiksuu kessatti ga'ee guddaa qabu" jedhan.

Dhaabbileen akkasii bakka humni mootummaa hin qaqqabnetti deggarsa adda addaa hawaasaa kan taasisan ta'uu himu.

"Kanneen rakkoo keessa jiraniif gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuu, bakka hanqinni manneen barnootaa fi tajaajila fayyaa hin jirutti ijaaruu fi tajaajila hawaasaa kanneen biroo kennuu dabalatee tumsi taasisan biyyaaf bu'aa qaba"

Bakka lollii fi walitti bu'iinsi jiruttis sarbama ga'uu fi ragaawwan jiran qindeessu fi hordofuun itti gaafatamummaan akka jiraatu taasisuun gumaacha dhaabbileen siivilii taasisan keessa muraasa akka ta'e barsiisaa Margaan kan himan

Hayyuu Siyaasaa fi barsiisaa seeraa kan ta'an Dr. Heenok Gabbisaa gama isaanin dhaabbileen mirgoota namoomafi demokiraasif falman biyya tokko keessa jiraachuun hir'uu gama mootummaa fi ummataan jiru guutuuf kan barbaachise ta'uu himu.

"Dhabbileen akkanaa kun mootummaan abba irree akka hin ijaaramne to'achuu, hawaasnis hubannoo ga'aa argatee naamusaan mirga isaa akka kabachiifatuufi mirgootni dimokiraasii akka jabaataa deeman ni taasisu."

Itoophiyaa, keessuma bakka hawaasni buqqa'ee fi waldhabdeen jirutti dhaabbileen gargaarsa namoomaa qaqqabsiisan hedduun hin mul'atani.Kanneen namoota sababa adda addaan miidhamaniif abukaatummaa dhaabatan, olaantummaan seeraa akka mirkanaa'uu falman dabalatee seerri waraanaa idil addunyaa akka eeggamu fi nagaan akka dhufu dhiibbaa taasisan baay'ee muraasa.

Kanaaf, "dhaabileen Siivilii Itoophiyaa keessa jiran jalqabumarraa rakkoo adda ta'e qabu" jedhu Dr. Henok Gabbisaa

Dhaabbileen siivilii maaf bilisa hin taane?

Akka Dr. Henok jedhanitti akkaataan hundeeffama isaanii ummata kan giddu galeeffate utuu hin taane garee ykn qaama tokko kan giddu galeeffateefi ilaalcha sana rawwachiisuu irratti xiyyeeffateedha.

Dhabbileen sivilii tokko tokko dantaa ummataa caalaa dantaa qaama hundaa'aniif sanaaf hojjachuutu mul'ata. Kun ammoo akka isaan ilaalcha gar tokkee ykn madaalawaa hin taane calaqqisiisan isaan taasiseera.

Sababa kanaanis dhiibbaan isaan siyaasaa tarsimoo fi sirni bulchiinsa irratti agarsiisan hangas mara cimaa miti. Kanaaf haala qabatamaa dhabbileen siivilii Itoophiyaa amma keessa jiraniin cufamuun isaanis ta'ee banamuun dhibbaa qaba garuu dhibbaa guddaa jijjirama fidu kan uumu miti jedhu Dr. Henok.

Wal dhabdeen mootummaa fi dhabbilee sivilii giddutti kan uumamu inni tokko wayita mootummaa rakkoo uumeef itti gaafatamummaa fudhachuu hin barbaanne ykn qaama isa saaxilutti balbala cuufatu yoo ta'u, kana malees dhaabbileen kun kaayyo hundaa'aniif irraa maquun dantaa wayii rawwachiifachuuf wayita socho'anittilee ta'uu akka danda'u barsisaa Margaan kan ibsan.

Dhaabbileen walaba ta'anii hojii abukaatummaa fi mirgoota kabachiisu irratti hojjatan Itoophiyaa keessatti muraasa reefu jalqabbiirra jiru. Kaan ammoo maqaaf akkasitti hundaa'u malee waan hundaa'aniif hojjataa hin jiran.

Itoophiyaa keessatti dhaabbilee jajjaboon Sirna demokiraasii lafa qabsiisan akka hin jiraanneef yeroo dheeraaf, poolisiin danqaa guddaa ture akka barsiisaan kun jedhanitti.

"Haalli bilisummaa dhabbilee siivilii eeyyamu hin turre, seerota cunqursootu ture, sun ammoo hanga ta'e fooyya'eera garuu dhaabbileen jabaatanii akka kan biyyoota guddatanii dhiibbaa uumuu irra hin geenye."

Serootni amma akka heeraatti lafa taa'an gaarii ta'anis, dhiibbaan gama siyaasaa irra hin jiru jechuu miti. Akka seeraatti ba'ee lafa jira garuu raawwiin isaa gadi bu'aa yoo ta'e rakkoon sun furameera jechuun nama rakkisa.

Akka barsiisan seeraa fi qorataan dhimmota mirga namoomaa kun jedhanitti siyaasarraa walaba ta'u jechuun dhimma mirgaa fi demokiraasii irratti falmuu dhiisuu utuu hin taane hojii qaama kamiifu hin loogne ykn madaalawaa ta'e irratti hirmaachuudha.

"Siyaasarraa walaba ta'i jechuun warra miidhame bira dhaabbachuu dhiisuu jechuu miti, dhaaba siyaasaa kaayyo tokkoof hundaa'e hojjachuu ykn bakka faayidaa argataniif qofa falmuutu akka isaan walaba hin taane taasisa."

Dirreen siiviliif bilisummaan dhaabbilee dhiphachaa deemee?

Mootummaan MM Abiy waggoota jahaan darban keessatti fooyya'iinsi seeraa dhaabbilee sivilii, miidiyaaleefi dhaabbilee dimokiraasii irratti taasise wantoota ittiin leellifamaa ture keessaa tokkoodha.

Haa ta'u garuu, yeroo dhiyoo as seeronni bahaniifi taateewwan mudataa jiran hojiilee bulchiinsi MM Abiy ittiin jajamaa ture duubatti kan deebisu ta'uu himu ogeeyyin seeraa kun.

MM Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimed bara bulchiinsa isaanii dirree siyaasaa fi dimookiraasii bal'isuu akkasumallee fooyya'iinsi seeraa dhaabbilee sivilii, miidiyaaleefi dhaabbilee dimokiraasii irratti taasisuuf waadaa galaa turan.

Haalli waggota muraasa jalqabaatti ture abdii gaarii fakkatuyyuu, yeroo dhiyoo as garuu, labsiiwwan haaraan ba'aa jiranii fi taatewwan mudataa jiran dirreen sun deebi'ee akka dhiphataa deemu taasiseera jedhamuun akka qeeqaman taasiseera.

Kana keessaa wixinee labsii miidiyaalee fooyyeessu kan dhiyeenya Waldalee cufaman dabalate waldaalen sivilii 14 qabiyyee fi adeemsi wixinichaa rakkoo qabaa jechuu waloon ibsa baasanii morman isa tokko ture.

Kanneen ibsa baasan keessaa Wiirtuu Guddina Mirgootafi Dimookiraasii (CARD) wixinee labsii sana mormee borumtisaa gaafa Sadaasa 23, 2024 hojiirra dhorkamee ture.Torban tokko boodas dhaabbileen sivilii biroo lama -Itoophiyaatti Gurmuu Mirga Namoomaaf akkasumas Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf kanneen jedhaman cufaman.

Mootummaan dhaabbileen kun "yaaddo nageenyaati akkasumas faallaa fedhii biyyaalessaa deeman jechuun tarkaanfii uggura yeroo fudhachuu fi murtee xumuraa yeroo gabaabaa keessatti akka beeksisu ibse ture. Torban lamaan boodas uggurri dhaabbilee kanneeni kaafame.

Uggurri dhaabbilee sana qaamoleen mirgoota namoomaa fi Dimokiraasii irratti hojjatan hedduun akka mormaan taasise. Itoophiyatti balballi dimookiraasii xiqqoo baname deebi'ee cufamaa jiraa? gaaffi jedhus kaase.

Akka Dr. Henok jedhanitti waadaan dirree siyaasaa fi dimokiraasii jalqaba MM Dr. Abiyyiin galamee ture sun waggoota tokko lama caaluu hin dandeenye. "Balballi yeroo sana xiqqoo banaman hedduun isaanii deebi'anii cufamaniiru."

Barsiisaa Margaan gama isaanin heera Itoophiyaa mirga gurmaa'uufi yaada ofii bilisaan ibsachuu irratti tumame dabalatee tumaaleen mirgaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Itoophiyaan mallatteessitee fi seerotni yeroo yeroon fo'an bilusumma fi wabii dhabbilee sivilii hanga tokko kan mirkaneesanidha.Haa ta'anillee malee raawwii isaa irratti gaaffin akka ka'u eeru.

"Seerotni fi labsiin ba'an ifatti taa'anis haalli raawwii isaa dirreen siivilii fi bilisummaan dhaabbilee dhiphachaa dhufuu kan mul'isuudha".